Oduu: Walitti qabduun Boordii Filannoo Biyyaaleessaa Itoophiyaa Birtukaan Midhagsaa fedhii isheetin aangoo gadhiisuu beeksifte

Finfinnee, Waxabajjii 26/2023 – Walitti qabduun Boordii Filannoo Biyyaaleessaa Itoophiyaa Birtukaan Midhagsaa aangoo gadhiiste. Birtukaan fuula miidiyaa hawaasaa ishee irratti akka beeksisteetti, baatii Hagayya dhufu irraa eegalee fedhii isheetiin gita hojii ishee akka gadhiistu ibsteetti.

Baatii Muddee bara 2018 irraa eegale walitti qabduu Boordii Filannoo Biyyaaleessaa ta’uun kan tajaajilte Birtukaan, “fayyaa koo sirnaan eeguuf boqonnaa dheeraa waan na barbaachisuuf Hagayya 07, 2023 irraa eegale fedhii kootiin aangoo gadhiisu koo Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf beeksiseera,” jette. 

“Waggoota afran fi ji’oota jahan darban keessatti murtoo uummataa fi filannoo biyyoolessaa gaggeessuu fi paartilee siyaasaa akkaataa seera qabeessummaa, haqummaa fi garaa qulqulluun bulchuudhaan itti gaafatamummaa naaf kenname ba’achuuf yaalii gochaa tureera,” kan jette Burtukaan, kanneen turtii kana keessatti ishee gargaaraa turan galateeffatteetti. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.