Oduu: Qondaalonni mootummaa fi hoggantoota tika nageenyaa daldala warqee seeraan alaatti hirmaatan 32 to’annoo jala oolan

Finfinnee, Waxabajjii 26/2023 – Aanga’oota mootummaa, hoggantoota tika nageenyaa fi namoota dhuunfaa biroo omishaa fi gurgurtaa warqee seeraan alaatti hirmaataniiru jedhe 32 to’annoo jala oolchuu Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa Itoophiyaa beeksise.

Namoota to’annoo jala oolan keessaa saddeet aanga’oota mootummaa fi hoggansa caasaa tika mootummaa yoo ta’an torbammoo eeyyama seeraa gonfaa godhachuun daldala seeraan alaa osoo raawwatanii kan argamanii fi 17 immoo daldala seeraan alaa kana geejjibuun (daddabarsuun) kan hirmaatan ta’uu ibsichi addeesseera. Anga’oonni fi miseensonni tikaa kunneen itti gaafatamummaa itti laatame cinaatti dhiisuun kallattiidhaan omisha warqeetti hirmaataniiru jedhe.

Namoonni kunneen yakka warqee omishuu, daldaaluu fi gabaa seeraan alaatti gurguruutti hirmaachuun yakka dantaa biyyaaleessa biyyatti hubu raawwataniiru jedhe.

Naannoo Beenishaagul Gumuz aanaa Kumrukitti hogganaan biiroo faaynaansii fi misoomaa obbo Kamaal Mahaammad, hogganaa biiroo qonnaa obbo Abdulkariim Yoomidaa, itti aana qajeelcha poolisii aanichaa koloneel Munyem Suleeymaan fi itti aanaa bulchaa aanichaa kan ture obbo Assayd Aligb too’annoo jala ooluu ifoomseera.

Naannoo gaambeellaatti aanaa Diimaatti hogganaa biiroo albuudaa obbo Uboong Utoo fi naannoo ummatoota Kibba Lixaa godina Oomoo Lixaatti bulchaa aanaa Beeroo obbo Kabbadaa Burjii fi kanneen biroo hidhata qaban too’tamaniiru.

Haaluma wal fakkaatuun, lammilee boyyoota biroo daldala seeraan alaarratti hirmaatanii argaman 29 torban lama dura too’annoo jala oolchuu ibsichi yaadachiiseera. Akkasumas, yakkuma wal fakkatuun naannoolee Gaambeellaa fi ummatoota kibba Lixaatii namoonni too’annoo jala oolaniiru.

Shakkamtoota kanneen wajjiin meeshaalee waraanaa rasaasa wajjiin, warqee, keemikaalota fi shrafa biyya alaa wajjiin too’atamuu ibsuun qonadaalonnii mootummaa kunneen qabeenya biyyatti saamaa turaniiru jedhe.

Yakkoonni kunneen biyyattii qabeenya guddaa akka hin argannee dhabsiisaniiru jechuun yakka wal fakkaataa saaxiluuf cimee kan itti fufu ta’uu tajaajilli nageenyaa fi tasgabbii ibseera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.