Kalaqa: Barattoonni Itoophiyaa dorgommii Huwaei irratti hirmaatan sadaffaa bahuun moo’atan

Finfinnee Caamsaa 29, 2023 – Barattoonni Itoophiyaa dorgommii idiladdunyaa Huwaei torbaffaa kan Sheenzheen Chaayinaatti Caamsaa 24 hamma 28 godhamerratti hirmaatan sadarkaa sadaffaa bahuun moo’atan. 

Gareewwan 146 biyyoota 36 irraa dorgommii kanarratti hirmaataniiru. Gareewwaan lamaa miseensota sadi sadi of keessaa qaban gama hojii shaakalaatiin (kan akka datacom, nageenya, WLAN, daataa guddaa, AI, OpenEuler  fi OpenGauss) fi gareen tokko immoo gama kalaqaatiin hirmaatanii ture.Gama kalaqaatiin barattoonni hojii kalaqaa mataasaaniitiin uuman kan “ramaddii qubee Geez” jedhuun dorgoman.

Itoophiyaatti hojii gaggeessaan olaanaan Huwaei obbo Liyuu Jiifan hojii isaan raawwataniif barattoota galatteeffachuun misooma teeknoolojii bal’isuu fi of duraaf cimsee itti kan fufuuf Huwaei’n karoora qabaachuu ibsaniiru. Barattoonni gamasaaniitiin dorgommiin kuni waajjiira muummee Huwaei daawwachuu dabalatee muxannoo biyya alaa akka laateef ibsaniiru.

Barattoonni yuunivarsiitiiwwan Adaaamaa, Finfinnee, Waacheemoo fi Gondarii dhufan kunneen dorgommii akka naannoo fi biyyaatti godhamee ture moo’achuun carraa biyya isaanii bakka bu’uu argataniiru.

Kaayyoon dorgommii teknoolojii fi odeeffannoo Huwaein qopheesse kuni dandeettii teeknolojii guddisuu, dorgomtoota warshaadhaaf gahaa ta’an filachuu fi humna namaa guddina dijitaalaa saffisiisu uumuun guddina dijitaalaa itti fufaa raggaasisuudha. 

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.