Oduu: Hiriira mormii Markaatootti godhameen lubbuun nama lamaa darbe, poolisoonni miidhaman

Finfinnee Caamsaa, 27, 2023 – Hiriira mormii guyyaa kaleessaa Finfinnee Markaatootti godhameen walqabatee hokkkora ka’een lubbuun namoota lamaa darbuu fi poolisoonni seera kabachiisaa turan miidhamuu poolisiin Finfinnee beeksise.

Hiriirri mormii kun diiggaa masjiidaa “seeraan ala ijaaramanii” magaala Shaggar keessatti mootummaan raawwachaa jiru mormuun guyyaa Jimaata kaleessaa sa’aatii booda Masjiida guddaa Anwaar kan Finfinnee Markaatootti argamutti eegale.

Manni maree dhimmooota Islaamummaa ibsa baaseen, “tarkaanfii humnaa” mootummaan fudhate sirrii miti jechuun haaleera. Namoonni du’uu fi macdaa’uus addeesseera.

Namoonni lama hiriirarratti miidhaman yaalaaf gara hodspiitaalaa fudhatamanii ture lubbuu isaanii darbuu ibseera.miseensonni poolisii 15 ta’an miidhaa hammaataa fi salphaan irra gahe yaalamaa jirus jedheera.

Akkasumas, konkolaataa awtoobusii tajaajila ummataa kennaa turan lamarra miidhaan gaheeras jedhe. Namoonni hokkora kana kaasuun shakkaman 114 ta’an too’annaa poolisii jala galchuus addeesseera jedhe. Hokkorri ture humna nageenyaa mootummaatiin too’annoo jala ooluun naannichatti hojiin idilee itti fufuu ibseera.

Manni marii dhimmoota Islaamummaa rakkoo diiggaan masjiidaa raawwatamaa jiruun walqabatee ka’an karaa nagaatiin mariin akka furamu mootummaa gaafataeera. Hawaasi musliimaafjajjabina hawwuun dhimmicha tasgabbiin akka hordofu dhaameera.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.