Oduu: Ameerikaan marii mootummaa fi WBO gidduutti Taanzaaniyaatti godhamaa jiru simatte

Finfinnee, Caamsaa 03, 2023 – .Ameerikaan marii nageenyaa mootummaa fi Waraana Bilisumma Oromoo (WBO) gidduutti Taanzaaniyaatti godhamaa jiru simadheera jechuun “qaamoleen hunduu waliigaltee waloorra gahuuf garraamummaadhaan akka mari’atan dhaamna,” jetteerti.

Ameerikaan mariin waraanaa dhaabuu WBO fi mootummaa gidduuttii erga eegalee booda si’a jalqabaatiif dubbachuu isheeti. Qaamoleen lamaaan ibsi baasan kan hin jirre ta’us dhimmoota dursa mariirratti mari’achaa jiraachuu Addis Standard torban dabe gabaasee ture. Maddeen keessoo lama Addis Standard’tti akka himanitti, moodaaliitii marichaa fi seera ittiin bulmaata marichaarratti mariin taasiifamaa tureera. Madda oduu keenyaa keessaa tokko akka ibsetti haalli jiru “kan abdii namatti horuudha” jedheera.

Waamicha waraana dhaabuu miseensota mana marii bakka bu’oota ummataa Oromiyaa keessaa bahanii fi mootummaa Ameerikaa taasise hordofuun qaamoleen lamaan waraana waggoota shaniiif Oromiyaa keessatti deemaa ture kan lubbuu namoota hedduu fixee fi qabeenya hammana hin jedhamne barbadeesse karaa nagaatiin furuuf tarkaanfii kan fudhataniiru.  

Mariin nageenyaa mootummaa fi WBO gidduutti torban darbe guyyaa Kibxataa eegale “haala abdii namatti horuun” deemaa jiraachuun gabaafamee ture. Qaamoleen lamaan erga mariif taa’anii torban tokko darbus adeemsi marichaa maalirra akka jiruu fi waliigaltee irra gahame ilaalchisee ibsi waloos ta’ee dhuunfaatiin kenname homaatuu hin jiru.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.