Oduu: Baankiin Gadaa Afrikaa Kibbaatti Waldaa Walta’insa Hawaasa Itoophiyaa waliin “waliigaltee maallaqa sharafa alaa guddaa argamsiisu” mallatteesse

Hoji gaggeessaa baankii Gadaa Waldee Bultoo fi Walitti qabaa itti aanaa waldichaa Nawaawii Massaa waliigalticha yeroo mallatteessan

Finfinnee, Ebla 11/2023 – Baankiin erga hundeeffamee fi hojii eegale yeroo muraasa keessatti fedhii fi fayyadamummaa maamiltoota isaa guutuuf taajiloota baankii teeknooloojiin deeggaraman kennaa jiru, baankiin Gadaa, tajaajila fi gahumsa isaa babal’isuuf guyyaa kaleessa Ebla 10, 2023 Afrikaa Kibbaatti Waldaa Walta’insa Hawaasa Itoophiyaa, waldaa Afrikaa Kibbaatti hawaasa 300,000 ol of keessatti hammate, waliin gama tajaajila faayinaansii fi liqii irratti waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteesseera. 

Sagantaa walii mallatteessu kana irratti gama baankichaan Hoji gaggeessaan baankichaa Waldee Butoo dabalatee hoggansa baankichaa kan argaman yoo ta’u, gama waldaa hawaasa Itoophiyaa biyyaa Afrikaa Kibbaa jiraatan irraa ammoo Walitti qabduu waldichaa Dr. Ajjabuush Argaaw fi walitti qabaa itti aanaa waldichaa Nawaawii Massaa argamaniiru. 

Hoji gaggeessaan baankii Gadaa Waldee Bultoo, haasaa sirna walii mallatteessu kana irratti taasisaniin, walakkeessa baatii Amajjii irraa eegalee qaamolee lamaan gidduu dhimma waliin hojjechuu danda’amu irratti karaa adda addaan marii taasifamaa turuu himuun, waliigalteen amma irra gahame kun qaamolee lamaanirra darbee biyyaafis bu’aa guddaa kan argamsiisu ta’uu ibsaniiru. 

Akka obbo Waldeen jedhanitti, waliigaltichi hawaasni diyaasporaa biyya Afrikaa Kibbaatti jiraatan baay’inaan daldala irratti hojjetan maallaqa isaanii karaa mijataa fi seera qabeessa ta’een dhala olaanaadhaan baankichatti akka kaawwatan, akkasumas liqii dhala gadi aanaa qabu dabalatee faayidaalee faayinaansii invastimantii biyya isaanirratti akka hirmaatan isaan gargaaru akka argatan isaan dandeessisa jedhan. 

Hawaasni waldicha keessa hammataman akka waldaattis ta’e akka gareetti maallaqa sharafa alaa argatan baankicha keessa kaa’uu kan isaan dandeessisu yoo ta’u, damee invastimantii irratti bobbahu barbaadaniif baankichi liqii mijeessurraa kaasee haalota garaa garaa akka mijeessu ibsameera. Haalli kunis sharafa alaa guddaa biyyattiif kan argamsiisu ta’uus eerameera.

Walitti qabduun waldichaa Dr. Ajjabuush Argaaw gama isaaniin, waldichaa waldaalee hawaasa Itoophiyaa biyya Afrikaa Kibbaa jiraatan ijaarama fi sabaan qoqqoodamanii waggootaaf turan walitti makuun Waxabajjii 03 bara 2019 kan hundeeffame fi hawaasa Itoophiyaa biyya Afrikaa Kibbaa jiraatan 300,000 ol of keessa kan hammate ta’uu himaniiru. 

Hawaasni Itoophiyaa biyya san jiraatu baay’inaan daldala irratti kan bobba’ee jiraatu ta’uu fi yeroo baay’ee maallaqa achii argatan gara biyyaatti yeroo ergan haala amanamoo ta’een hojiirra oolchuu irratti rakkachaa jiraachuu kaasuun, waliigalteen baankii Gadaa waliin mallattaa’e kun garuu maallaqa sharafa alaa argatan haala karaa seera qabeessa ta’ee fi qaamolee hundaaf faayidaa guddaa argamsiisuun hojiirra akka oolu ni taasisa jedhan. 

Hawaasni waldicha keessa hammatame kuma 300 ta’uurraan kan ka’e sharafa alaa biyyaaf argamsiisu guddaa ta’uu kan kaasan Dr. Ajjabuush, lakkoofsaan hagana ta’a jedhanii tilmaamu danda’u baatuus hojiilee cimaa miseensota waldichaa fi baankichaan hojjetamuuf jiraniin sharafa alaa argamu olaanaa ta’uu akka malu himaniiru.

Baankichi gara fuulduraattis waldaalee hawaasa Itoophiyaa biyyoota gara garaa jiraatan waliinis hojjechuuf karoora qabaachuu hoji gaggeessaan baankichaa Waldee Bultoo sagantaa walii mallatteessu kana irratti isaniiru.

Baankiin Gadaa abbootii aksiyoonaa kuma 28 ol ta’aniin kaappitaala birrii miliyoona 552 kan kaffalamee fi kaappitaala galmaa’e birrii biliyoona 1.167 qabachuun adeemsa hundeeffama isaa xumuree Muddee 22 bara 2022 irraa eegalee hojii jalqabeera. Baankiichi damelee 30n hojii kan eegale yoo ta’u, yeroo ammaan kanas dameewwan isaa 50 ol geessiseera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.