Oduu: Magaalaa Baahirdaaritti boombii dhoheen lubbuun namoota sadi darbe, namootni kudhan madaa’aniiru

Finfinnee, Ebla 11/2023 – Dilbata darbe, Ebla 09, galgala naannoo 1:40tti magaalaa Baahirdaar naannoo “Abbaay maadoo” jedhamuun beekamutti dhohiinsa boombii mana nyaataa fi dhugaatii irratti gaheen lubbuun namoota sadi yoo darbu, namootni kudhan madaa’aniiru.

Bakka bu’aa Daayreektara Fayyaa Hospitaala Sadarkaa Tokkoffaa Addis Alam Dr. Mitikkuu Taganyi VOAf akka himetti, “sababa boombii dhooheen namootni 15 gara hospitaala keenya dhufan. Isaan keessaa sadii yeroo gahan kan du’an turan, 2 yaalamanii gara mana isaanitti deebi’aniiru. Tokko ammoo gara Hospitaala Falaga Hiwootitti ergamee jira. Warri kaan (sagal) garuu as hospitaala keenyatti yaalamaa jiru,” jedhe.

Yaada isaa VOAf kan laate namni ijaan arge tokko, “Sa’aatiin lama ta’uun daqiiqaa digdama hir’u ture. Akkuma dhooheetti baane, yommuu arginu namoonni lama kufanii jiru. Humni addaa fi poolisiin dhufanii isaan kaasan. Sana booda gara manaatti deebi’aa nuun jedhan. Namni boombii darbate hin beekamu. Akkuma dhoheen namoonni naannoo sana jiran eessaa akka dhufe hin beekne. Qaamni mootummaa haa ta’u, namni dhuunfaa haa ta’u hin beekamu. Ganamaan [Kibxata] namoota ollaa jiran yeroo gaafannu, namoonni 4 du’aniiru, kaan immoo madaa’aniiru nuun jedhan,” jechuun himeera.

Murtee humna addaa naannichaa irra deebiin gurmeessuu waliin walqabatee Baahirdaar keessattis mormiin kan mudate yoo ta’u, kaleessa irraa eegalee dhaabbilee tajaajila kennan kanneen akka hospitaalota fi baankii irraa kan hafe dhaabbileen daldalaa biroo hojii dhaabuu isaanii VOAn Baahirdaar irraa gabaaseera.

Tibbana magaalota naannoo Amaaraa hedduu keessatti mormii fi waldhabdee uumamuu hordofee kaleessa koomand poostii nageenyaa bulchiinsa magaalota Gondar, Dabra birihaan fi Dasee nagaa fi ol’aantummaa seeraa magaalota kunneen mirkaneessuuf uggura sochii fi manneen daldalaa kaa’uu beeksisaniiru. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.