Oduu: Mormii magaalaa Gondaritti gaggeeffame hordofuun dhorkaan kaa’ame; Magaalota tokko tokkotti meeshaan waraanaa gurguddaa dhukkafamaa turuu jiraattonni himan

Finfinnee, Ebla 10/2023 – Mormitoonni kaleessa magaalota naannoo Amaaraa hedduu keessatti tarkaanfii mootummaan federaalaa humna addaa naannichaa irra deebiin gurmeessuuf fudhate mormanii fi humnoota nageenyaa mootummaa gidduutti walitti bu’iinsi uumameera. Naannoo Amaaraa godina Walloo Kaabaa magaalaa Qobbootti waraanni mootummaa federaalaa meeshaa waraanaa gurguddaa fayyadameera jechuun jiraattonni maqaan isaanii akka eeramuu hin barbaanne Addis Standarditti himan. Magaalaa Qobboo keessatti sagaleen qawwee dhaga’amuu isaa jiraattonni himu. Jiraattonni kunneen guyyaa har’aa qindoomina abbootii amantaa fi jaarsolii magaalattiitin tasgabbaa’uu isaa Addis Standard’tti himaniiru.

Gondar magaalota naannoo Amaaraa kaleessa hiriirri mormii itti gaggeeffame keessaa tokkodha. Hiriira mormii guyyaa kaleessa magaalaa Gondar keessatti gaggeeffame jiraattotaa fi humnoonni nageenyaa hedduun irratti hirmaataniiru. Magaalaa Baahirdaar, Dassee fi Woolidiyaa keessattis mormiin guddaan gaggeeffameera. Hiriira gaggeeffameen alattis daandiin seensaa fi ba’aa magaalota hedduus cufamee akka ture odeeffannoon argame ni mul’isa.

Mormii magaalaa Gondar keessatti gaggeeffame hordofuun, har’a koomand poostii nageenyaa  bulchiinsi magaalichaa nagaa fi ol’aantummaa seeraa magaalattii mirkaneessuuf uggura kaa’ee jira.

Haaluma kanaan, manneen dhugaatii fi galmi shubbisaa magaalattii kamiyyuu galgala sa’aatii 3:00 booda tajaajila kennuu kan dhorkame yoo ta’u, bajaajii miila 3 qaban kanneen magaalattii keessatti tajaajila geejjibaa kennan ganama sa’aatii 12:00 hanga galgala sa’aatii 2:00 qofaa kan socho’an akka ta’ee fi sa’aatii 2 booda akka hin sochoone dhorkamaniiru.

Humna tikaa mootummaa hayyamameen ala meeshaa waraanaa baatanii deemuun, akkasumas dhukaasuu fi meeshaalee qara qaban kan akka cuubee, gajaraa, eeboo fi sibiilaa feerroo fi kan kana fakkaatan qabatanii socho’uun dhorkaa kana keessatti hammatamaniiru. Akkasumas namoota shakkaman dhoksuu, odeeffannoo sobaa kennuu, ykn ergama seera kabachiisuu humnoota nageenyaa gufachiisuun seeraan dhorkameera.

Dabalataan, walgahii hayyama malee gaggeessuu, leenjii waraanaa kennuu, lagannaa kakaasuu, gaggeessuu fi qindeessuun hojii idilee jeequun cimsee dhorkamuu ibsichi eereera.

MM Abiy Ahimad (PhD) ibsa kaleessa baaseen mootummaan isaanii humna addaa naannichaa irra deebiin gurmeessuu hojiirra oolchuuf kutannoo qabaachuu isaa beeksiseera. Ministirri Muummee ergaa isaa keessatti gareewwan tarkaanfii kana irratti mormii dhageessisaa jiran garee lamatti qoodeera. Isaan tokko kanneen osoo hin galiinif morman, kanneen sadarkaa lammaffaa irra kaa’aman ammoo itti yaadanii gahee diigumsaa taphatan jechuun ibsuun tarkaanfii seera kabachiisuu barbaachisaa ta’e akka fudhatan dhaameera.

Ajajaa Itti aanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa, Janaraal Ababaaw Taaddasaa, gaaffii fi deebii Ebla 07, 2023 miidiyaalee mootummaa waliin taasiseen humna addaa naannolee akka filannoo isaaniitti raayyaa ittisaa ykn poolisii federaalaatti makamuu akka danda’an dubbateera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.