Oduu: Murtoo humnoota addaa naannolee “hidhannoo hiikkachiisuu” fi “diiguu” hin jiru; adeemsa deebisanii ijaaruutu taasifamaa jira: Janaraal Ababaaw

Finfinnee, Ebla 08/2023 – Ajajaa Itti aanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Janaraal Ababaaw Taaddasaa yeroo ammaan kana adeemsi humna addaa naannolee irratti taasifamaa jiru “hidhannoo hiikkachiisuu” ykn “diiguu” osoo hin taane, akkaataa heera mootummaatin adeemsa “akka haaraatti hundeessu” waggoota afran darban keessa hojjetamaa ture ta’uu himaniiru.

Janaraalichi kaleessa galgala miidiyaalee mootummaa irratti dhiyaachuun mootummaan miseensota humna addaa naannolee hundaa akkaataa fedhii isaaniin raayyaa ittisa biyyaa, poolisii federaalaa ykn poolisii idileetti akka makaman murteessee hojii eegaluu ibsaniiru.

Haata’u malee tarkaanfiin kun naannoo Amaaraa keessatti mormii isa mudachuun Jimaata darbe mormitoonni daandii magaalota naannichaa cufuun sochii humnoota federaalaa gufachiisuuf yaalaniiru. Gabaasaaleen biroo ammoo miseensotni humna addaa naannichaa muraasa mormiidhaan mooraa gadhiisaa jiraachuu mul’isaniiru.

Mootummaan Naannoo Amaaraa ibsa kaleessa galgala baaseen, adeemsi “deebisanii ijaaruu” hanga xumuramutti, miseensonni humna addaa naannichaa gara kaampii isaanii fi iddoo itti ramadamanitti deebi’anii akka tasgabbaa’an hubachiiseera.

“Nuti hidhannoo hiikkachiisna hin jenne. Humni addaa eenyuun hidhannoo isaa hiika? Hidhannoo akka hiikkatu [humna addaa] eenyutu itti hime? Sun eessaa dhufe?”, kan jedhe Janaraal Ababaaw, adeemsi itti deemamaa jiru humna addaa naannolee “sirna heera mootummaa” keessa galchuu fi “meeshaa addaatin” hidhachiisu ta’uu himaniiru.

Adeemsa deebisanii ijaaruu humna addaa naannolee hunda keessatti walqixa gaggeeffamaa jira jedhe. “Naannoon tokko akka humna godhatu fi naannoon biraa humna akka dhabu hin goonu. Kun Itoophiyaa keessatti hin yaadamu,” jedhe Janaraal Ababaaw.

“Naannoleen humna nageenyaa tokko qofa qabaachuu danda’u, innis humna poolisii idileeti. Yunifoormiin kan biraa hin eeyyamu. Seerri kan hin eeyyamu,” jedhe. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.