Oduu: Itoophiyaan lammiilee biyya alaa 90 ol hojii warqee fi albuudota biroo baasu irratti hojjatan albuudota “seeraan ala fayyadamuudhaan” shakkaman to’annaa jala oolchite

Maashina shakkamtoonni hidhaman hojii albuuda baasuuf itti fayyadamaa turan jedhame. Suuraa: Poolisii Federaalaa

Finfinnee, Ebla 07/2023 – Humni waloo Nageenyaa fi Odeeffannoo Itoophiyaa, lammiileen biyya alaa fi michoota isaanii biyya keessaa 90 ol ta’an naannoo Gambeellaa fi Benishaangul Gumuz keessatti hojii “seeraan ala” irratti bobba’an jedhaman to’annoo jala oolchuu beeksiseera.

Lammiileen biyya alaa maqaan isaanii hin ibsamne kunneen seeraan ala gara Itoophiyaa seenuu fi michoota biyya keessaa isaanii waliin ta’uun hojii albuudaa “seeraan alaa” irratti bobba’uu isaaniitiin kan shakkaman ta’uu ibsameera.

Haaluma kanaan, lammiileen biyya alaa 45 “ragaa imala seera qabeessa, viizaa seensaa fi hayyama jireenyaa” malee gara Itoophiyaa seenan, lammiilee Itoophiyaa sadii waliin naannoo Gaambeellaatti hojii seeraan ala warqee baasuu fi albuuda adda addaa irratti bobba’an jedhamanii to’annoo jala ooluu isaanii ibsameera.

Haaluma walfakkaatuun, lammiileen biyya alaa maqaan isaanii hin ibsamne 47 kanneen “ragaa imala seera qabeessa, viizaa seensaa fi hayyama jireenyaa malee Itoophiyaa seenan” fi naannoo Beenishaangul Gumuz keessatti “warqee seeraan alaa fayyadamuu fi albuuda biroo oomishuuf” bobba’uun shakkaman to’annoo jala oolaniiru jedha waajjirri Nageenya fi Odeffannoo Itoophiyaa. Itti dabaluudhaan, dhaabbileen dhuunfaa sagal fi lammiileen Itoophiyaa torbaas garee kana keessaatti argaman waliin hidhamanii akka jiran ibseera.

Humni waloo nageenyaa fi odeeffannoo kun, hordoffii fi eeruu hawaasa naannoo irraa argate irratti hundaa’uun shakkamtoonni kunneen albuuda seeraan ala baasuu qofa osoo hin taane, “albuudota kana seeraan ala biyyaa baasuu” irratti bobba’uu isaanii hubachuu akka danda’e dubbata. Itti dabalees, faayidaa biyyattii argachuu qabdu dhowweera jedha.

Tarkaanfiin walfakkaataan naannolee biroo keessattis ni fudhatama kan jedhu humni waloo kun, gocha yakka akkanaa ittisuu fi to’achuuf hawaasni qindoomina taasisuu fi odeeffannoo kennuudhaan qaamolee nageenyaa waliin tumsa cimsuu akka qabu ibseera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.