Oduu: Kantiibaa magaalaa Naqamtee fi qandaaltota mootummaa biroo ajjeechaa qondaala paartii Badhaadhinaan walqabatee hidhaman

Toleeraa Raggaasaa, Kantiibaa magaalaa Naqamtee. Suuraa: Waajjira Kominikeeshinii magaalaa Naqamtee

Finfinnee, Ebla 07/2023 –  Kantiibaa magaalaa Naqamtee, Toleeraa Raggaasaa, ajjeechaa Itti-gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa magaalaa Naqamtee Dassaalany Bokonjaa waliin walqabatee Jimaata darbe ganama humnooota nageenyaa mootummaatiin to’atamuu fi hanga ammaatti mana murtii akka hin dhiyaanne haati manaa isaa VOAtti himteetti.

Obbo Toleeraa Raggaasaa dabalatee qondaaltonni fi hojjattoonni bulchiinsa magaalaa Naqamtee ajjeechaa Itti-gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa magaalaa Naqamtee Dassaalany Bokonjaatiin shakkaman hedduu too’annoo jala kan oolan ta’uu hojjataa bulchiiinsa magaalaa Naqamtee kan maqaa isaa hin eeramin wabii gochuun VOAn gabaaseera. 

Miseensa Caffee Oromiyaa kan ta’e Toleeraan maaliif akka hidhame ifatti kan hin beekne ta’uu ibsuun yeroo ammaa kana mana sirreessaa ganda 07 keessa argamutti kan hidhamee argamu ta’uu haati manaa isaa Ijjigaayyoo Ambaaraas himteetti. Sodaa nageenyaa waan qabduuf ijoolee isaanii waliin magaalattiidhaa dheessuun gara magaala biraatti baqatanii kan jiran ta’uu Ijjigaayyoon VOA’tti himteetti. 

Namni nyaata fi uffata dhiyeessuuf waan hin jirreef Toleeraan rakkoo hammaataa keessa jiraachuu danda’a shakkii jedhus kan qabdu ta’uu ibsiteetti. Namoota Toleeraa wajjiin hidhaman keessa 11 mana murtiitti kan dhiyaatan ta’us, Toleeraan hamma yoonaatti kan hin dhiyaatin ta’uu namoota dhimmichatti dhiyeenya qaban irraa kan barte ta’uus himteetti. 

Itti-gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa magaalaa Naqamtee, Dassaalany Bokonjaa, magaalaa Naqamteetti guyyaa Kamisa darbe, Bitootessa 30 ganama balbala isaanitti ajjeefamuun ibsame. Bulchiinsi magaalichaa ‘’balbala mana isaaniitti hojiif osoo bahanii qaama hin beekamneen ajjeefaman’’ jechuun ibsa gaddaa baase.

Itti gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa ajjeechaa raawwateen gadduu isaanii dhaabichi ibsa baasen beeksiseera. Ajjeechaa kanaafis ‘qaama hidhateetu’ raawwate jechuun paartichi himate. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.