Oduu: Hojiin humna addaa naannolee ‘akka haaraatti gurmeessuu’ naannolee hunda keessatti yeroo tokkotti gaggeeffamaa jiraachuu mootummaan beeksise

Humna Addaa Naannoo Oromiyaa (gubbaa), Nannoo Amaaraa (mirga), Naannoo Somaalee (gadi), Suuraa: Miidiyaa hawaasaa

Finfinnee, Ebla 07/2023 – Mootummaan federaalaa burjaajii adeemsa hidhannoo hiiku humnoota addaa naannolee ilaalchisee keessattuu naannoo Amaaraa keessatti uumameera jedhe irratti kaleessa galgala karaa waajjira kominikeeshinii mootummaatin ibsa baaseera.

Akka ibsichi jedhutti, mootummaan waraana giddu galeessaa cimaa abbaa biyyummaa fi tokkummaa biyyattii eeguu danda’u ijaaruuf kallattii kaa’ee jira. Haaluma kanaan hojii qamatamaa humni addaa naannolee hundaa gara caasaa nageenyaa mootummaa federaalaa adda addaa akka seenan kan isaan dandeessisu gaggeessuu eegaleera.

Haaluma kanaan miseensonni humna addaa naannolee hunda keessatti argaman akka filannoo fi fedhii isaaniitti raayyaa ittisa biyyaa, poolisii federaalaa ykn poolisii naannootti makamuu ni danda’u jedhameera. Yaadama kana irrattis hoggantoota fi miseensota Humna Addaa waliin waliigalteerra ga’amuu ibsameera. Kanaan dura hooggantoota naannolee hundaan qoratamee, murteen kun garaagarummaa tokko malee irratti waliigalameeras jedhame. 

Caasaa fi sochii nageenyaa adda addaa keessatti humnoota addaa naannolee hammachuudhaaf murteen qorannoo irratti hundaa’ee kan hojjetamudha kan jedhe mootummaan, malli kun dandeettii dinagdee keenya sochoosuun leenjii, hidhannoo fi haala jireenya waraana keenyaa fooyyessuuf faayidaa guddaa qaba jedheera. Kana hubachuun adeemsi kun naannolee hunda keessatti walqunnamtii fi mariitiin gaggeeffamaa jira jedhe.

Haa ta’u malee, kutaalee humna addaa naannoo Amaaraa tokko tokko keessatti; gama tokkoon hojii fi kaayyoo irra deebiin gurmeessuu sirnaan hubachuu dhabuu, gama biraatiin ammoo warri ajandaa diigumsaa qaban itti yaadanii oduu sobaa facaasuun adeemsa kana jeeqaa turaniiru jedha ibsi mootummaan baase kun.

Ajandaa sobaa uumamaa jiran kanneen akka sagantaan gurmaa’insa haaraa kun naannoo Amaaraa qofa keessatti gaggeeffamaa jira, osoo ABUT hidhannoo hin hiikkatin akkamitti hidhannoo hiikkata kan jedhanis jiru kan jedhe ibsichi, ajandaawwan kunneen humnoota adeemsa kana jeequu barbaadaniin dhiibamaa jiru jedhe.

Haata’u malee, sagantaan miseensota humnoota addaa naannolee caasaa nageenyaa biroo keessatti walitti makuu guutuu biyyattiitti hojiirra oolaa jira, hojiin kunis naannolee hunda keessatti yeroo tokkotti hojjetamaa jira jedhe. Gama biraatiin ABUT akkaataa waliigaltee Pritoriyaatiin hidhannoo hiikkachaa jiraachuu beekamu qaba jedhe.

“Kaayyoon adeemsa kanaa inni guddaan humna addaa kamiyyuu hidhannoo hiikkachuu miti,” kan jedhe mootummaan, humni addaa kun hidhannoo isaa qabatee akka filannoo isaaniitti poolisii naannoo, poolisii federaalaa ykn raayyaa ittisa biyyaatti akka makamu taasisuudha. Miseensi humna addaa adeemsa kana keessatti hammatamuu hin barbaanne yoo jiraate, mootummaan mirgi isaa akka eegamu fi jireenya sivilii idileetti akka seenu hojii hundeeffama barbaachisu ni hojjeta jedhameera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.