Oduu: Dhaabbata Gargaarsa Kaatolikii (CRS) naannoo Amaaraa magaalaa Qobbootti hojjettootni isaa lama rasaasaan ajjeefamuu beeksise

Finfinnee, Ebla 11/2023 – Dhaabbata gargaarsa namoomaa kan ta’e Tajaajila Gargaarsa Kaatolikii (CRS) hojjattootasaa lamaan “konkolaataa dhaabbatichaa keessatti naannoo Amaaraatti rasaasaan ajjeefamaniin” gadduu ibse. Ajjeechaan kun kan raawwatame battaluma mootummaan humna addaa naannoolee diiguu fi walitti baqsuuf murtee dabarse mormuun Jimaata darbe hiriira bahamee booda.     

Dhaabbatichi ibsa baaseen, hogganaa nageenyaa kan ta’e Chu’ool Toongyiikii fi  konkolaachisaa Amaare Kindayaa Wixata “hojiidhaa gara magaalaa Finfinnee deebi’aa otuu jiranii” ajjeefaman jedheera. 

Ibsi CRS kun “waa’een ajjeechaa kanaa hamma yoonaatti  bal’inaan hin beekamu,” kan jedhe yoo ta’u hogganaan biiroo sab-qunnamtii KIiim Poozniyaak garuu ajjeechaan kun “magaala Qobbootti” raawwatame jedheera.

Halkan Dilbataa sagalee meeshaa waraanaa gurguddaa magaalattii keessatti  dhagahamaa turuu jiraattonni godina Walloo Kaabaa magaala Qobboo Addis Standard’tti himanii ture.

“Gaddii fi rifannaan sababa hokkora fudhatama hin qabne kanaan nutti dhagahame ibsuun ni ulfaata. CRS dhaabbata gargaarsa namoomaa kan namoota hubaman tajaajiluuf Itoophiyaa keessa socho’uu dha,” jedhe dhaabbatichatti hogganaa damee Itoophiyaa Zamadee Zawdeetu jedhe. “CRS gargaarsa ummata Itoophiyaatiif godhu cimsee kan itti fufu ta’uu ni raggaasisa.”

Ajjeechaan hojjattoota CRS lamaanii kan mudate battaluma hiriirri mormii magaalota naannoo Amaaraa hedduu keessatti babal’achuu itti fufaa jirutti. Erga mootummaan Kamisa Ebla 06 galagala murtee kana ifatti beeksisee hiriirri mormii Jimaatarraa eegalee akka itti fufuu sababa ta’eera.

Hiriirri mormii kuni sochii humnoonni feederaalaa naannicha keessatti taasisan gitee ture. Haaluma wal fakkaatuun, miseensonni humna addaa naannichaa mooraasaanii gadi lakkisuun mormichatti makamaniiru. Mootummaaan naannoo Amaaraammoo “moorasaanii fi iddoo hojiisaaniitti akka deebi’uun akka tasgabbaa’an” humna addaatiif waamicha taasisee ture.   

Mormiin haa uumamu malee mootummaan feederaalaa murtoosaa kana geeddaruuf fedhii hin qabu. Dilbata darbe, muummichi ministeera Abiy Ahmad gatiin kaaffalamu yoo jiraateyyuu murteen kuni “akkuma karoorfameetti raawwatama” jedheera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.