Daldalaa: Baankiin Siinqee tajaajila baankii dhala irraa bilisa ta’e ‘Siinqee Ihsaan’ jedhamu ifatti kennuu eegale

Finfinnee, Ebla 12/2023- Baankiin Siinqee Eebla 11 Bara 2023 tajaajila baankii hawaasa muslimaa fayyadamaa taasiisuufi tajaajila baankii dhala irraa bilisaa moggaasa “Siinqee Ihsaan” jedheen kennuu eegaluu isaa ifoomsee jira.

Baankichi tajaajila kana seera shari’aa giddugala godhachuun kennuuf haalduree hunda xummuruun akkasumas Baankii  Biyooleessaa Itoophiyaa irraa heyyama argachuun tajaajila dhala irraa bilisaa Siinqee Ihsaan dameewwan isaa hunda irratti tajaajila foodaa akkasumas dameewwaan tajaajila kana qofa kennuuf adda bahan irratti kennuu eegaluu isaa ibsa miidiyaa guyyaa kaleessa Hoteela Sharaatan Addisitti kenneen ifoomseera.

‘Ihsaan’ jechuun Afaan Arabaatiin hika qulqulluu, guutuu ta’uu fi hammachuu jedhu kan qabu yammuu ta’u; hiikaan kun qajeelfama tajaajila dhala irra bilisaa baankiin keenya kennuu fi mul’ata baankichi gonfatee socho’aa jiru waliin kallattiin kan walsiimuudha.

Akka baankichi ibsutti kanumaan walqabatee, Baankichi Maamiltootaa isaafi qooda-fudhattootaaf Sagantaa Iftaaraa Sharaaten Addisitti gaggeesseera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.