Oduu: ABOn qondaalota dhaabichaa mana hidhaa jiran “haalli fayyaa isaanii gara sadarkaa yaaddeessaatti deemaa jira” jedhe

Finfinnee, Ebla 12/2023 – Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) ibsa kaleessa Ebla 11 baaseen, hogganoota fi qondaalotni dhaabichaa gara waggoota sadiif manneen hidhaa garagaraa keessatti hidhaatti dabarsanii fi kan yeroo ammaa Qajeelcha Poolisii magaalaa Buraayyuutti argaman haalli fayyaa isaanii guyyaa irraa gara guyyaatti sadarkaa yaaddeessaatti deemaa jira jedhe.

ABOn ibsa isaa keessatti, mootummaa “hogganootaa fi qondaalota dhaabichaa yakka tokko malee mana hidhaa keessatti ugguramanii dhukkubootaan hiraarfamaa jiran” haal-duree tokko malee akka gadhiisu, akkasumas jaarmiyaaleen mirgoota dhala namaaf falman kan naannoo fi addunyaa mootummaa irratti dhiibbaa akka godhan gaafate.

Qondaalotni ABO kunneen mana jireenya isaaniitii qaamota nageenyaa mootummaan yeroo qabaman nagaa kan qaban ta’u, har’a garuu miidhaa mana hidhaa keessatti isaan mudateen dhukkubootaan gadadamaa fi miidhamaa jiru jedhe dhaabni isaanii kun.

Qondaalotni mana hidhaa qajeelcha poolisii magaalaa Buraayyuutti argaman, gariin isaanii dhibeelee adda addaa yoo waldhaansa ga’aa fi hordoffii malu hin arganne lubbuu isaaniif sodaachisuun qabamuu kan eere ABOn, dhukkuboota kana keessaa inni tokkoo fi ulfaataan dhibee Tiruu ‘Hepatitis Viral’ jedhamu yoo ta’u, Abdii Raggaasaa fi Gadaa Gabbisaa dhibee kana baatanii hidhaa keessatti ittiin rakkataa jiraachuu ibse.

Kanaan alatti ammoo Kennasaa Ayyaanaa dhibee sukkaaraa, dhiibbaa dhiigaa fi dhibee dugdaan akka malee kan dhukkubsataa ture yoo ta’u, erga yeroo dhihootii haala qorra mana hidhaa irraa dhibeen dugda isaa itti hammaachuu fi dhibee Diiskii godhatuu irraa sadarkaa of danda’ee deemuu dadhabuu irra ga’ee haala yaaddessaa keessa galee jira jedhe, ABOn.

Baatii Guraandhala keessa miseensa gumii shanee ABO kan ta’e Kennasaa Ayyaanaa dabalatee aanga’oonni olaanoon Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) mana hidhaa keessatti dhukkubasatanii argaman afur ( Kennasaa Ayyaanaa,Daawit Abdataa, Gadaa Oljirraa (PhD) fi Gadaa Gabbisaa) wal’aansa hatattamaa dhoowwamuu Addis Standard dubbi-himaan ABO Lammii Gammachuu wabeeffachuun gabaasuun isaa ni yaadatama. 

Abdii Raggaasaan dhuma baatii Amajjii bara 2019 kan hidhame, Mikaa’el Booranii fi Kennasaa Ayyaanaa ammoo Waxabajjii 30,2020 ajjeechaa artist Haacaaluu Hundeessaa hordofee mana jireenyaa isaanii keessaa kan waliin qabaman, Gadaa Oljirraa (PhD) Mudde 20,2020 mana jireenyaa isaa keessaa kan qabame, Daawit Abdataa fi Lammii Beenyaa Adoolessa 12,2020 kan hidhaman, akkasumas Gadaa Gabbisaa Bitootessa 19,2021 kan hidhaman manni murtii irra deddeebiidhaan bilisa isaan baasuus mana hidhaa keessatti argamu. 

Qondaalotni Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) kunniinis seeraan alaa hidhaa keessa jiraachuu isaanii qaamotni garagaraa kan akka Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa, Boordii Filannoo Biyyoolessaa Itoophiyaa, manneen murtii kan sadarkaa adda addaa fi kkf yeroo garagaraatti ibsa baasaniin yakka irraa bilisa ta’uu isaanii mirkaneessuun gadhiifamuu akka qaban waamicha dhiyeessaa turaniiru.

Koomishiniin mirga namoomaa Itoophiyaa gabaasa Caamsaa bara darbe hoggantoota ABO Oromiyaa keessatti hidhaman ilaalchisee baaseen, hogganoonni kunneen “seeraan ala hidhamanii” dararriidhaaf saaxilamuu mirkaneessee ture.

ABOn hoggantoonnisaa bara 2019 irraa eegalee mana hidhaatti dararamaa jiran akka gadi lakkifaman irra deddeebiin gaafachaa tureera.

ABOn ibsa kaleessa baaseen mootummaa “hogganootaa fi qondaalota dhaabichaa yakka tokko malee mana hidhaa keessatti ugguramanii dhukkubootaan hiraarfamaa jiran” kana haal-duree tokko malee akka gadhiisu irra deebiin hubachiiseera. Jaarmiyaaleen mirgoota dhala namaaf falman kan naannoo fi addunyaa akkasumas hawaasni Oromoo fi addunyaa mootummaa irratti karaa danda’aniin dhiibbaa akka godhan gaafateera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.