Oduu: RIB “garee hidhattootaa maqaa Faannootiin socho’u” irratti tarkaanfii fudhadha jedhe

Finfinnee, Hagayya 01, 2023 – Raayyaan ittisa biyyaa (RIB) “garee hidhattootaa maqaa Faannootiin socho’uu” fi “nageenyaa biyyaa booreessaa jiruu” irratti tarkaanfii kan fudhatuu ta’uu ibseera.

Hogganaan biiroo sab-qunnamtii RIB Koloneel Geetneet Adaanee ibsa kenneen, “Qaamolee hidhatanii Oromiyaa fi Amaara keessa socho’an  kan yaada mo’ataa waan hin qabneef qawweedhaan loluu barbaadan” irratti tarkaanfii fudhachuu itti fufa jedhaniiru..

Kaaba Lixa Gondar magaala Cuuhiit jedhamuu irraa fageenyaa 2km ta’utti miseensota RIB irratti tibbana haleellaan raawwatamuueeraaniiru. Akkasumas, iddoo Qollaa Dibbaa jedhamutti haaluma wal fakkaatuun miseensota RIB irratti dhukkaasni banamuun ifa taasisaniiru. Haa ta’u malee, haleellaawwan miseensota RIB irratti banaman kanneen miidhaan qaqqabe osoo hin dubbatin irra darbaniiru.

Naannoo Oromiyaatti hojiin “shanee barbadeessuu” cimee itti fufa jechuun walitti bu’iinsa lafarra jiru caalaa duulli miidiyaatii deemaa jiru dhugaa lafarra jiru kan caalu ta’uu Koloneelichi hime.

Kana malees, RIB irratti hololli cimaa deemaa jiraachuu ibsuun ibsi kuni dhugaa jiru mul’isuuf yaadamee kan kenname ta’uu eeraniiru.  “RIB ga’umsa olaanaa irra jira,” jedhaniiru. Qaamonni RIB fuldura dhaabbachuu dadhabnaan olola miidiyaatiin maqaballeessii odeessaa jiraachuu Geetrneet dabalee ibseera.

Naannoo Amaaraatti haleellaa gareen hidhattootaa raawwachaa jiraniin aanga’oonni mootummaa heduu ajjeefamuu Addis Standard gabaaseera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.