Oduu: Gujii Lixaatti mormii caaseeffama haaraatiin walqabatee lubbuun barattuu tokko darbe, torba madaa’an

Magaalaa Bulee Horaa. Suuraa: EPA/Haddush Abrihaa

Finfinnee, Adoolessa 31/2023 – Torbee darbe keessa, Adoolessa 24, tarkaanfii humnoonni nageenyaa mootummaa barattoota muummee saayinsii hawaasaa kutaa 12 qormaataaf Gujii Bahaa irraa gara godina Gujii Lixaa imaluun Yuunivarsitii Bulee Horaa galanii turan irratti fudhateen walqabatee balaa uumameen lubbuun barattuu tokko yoo darbu barattootni torba biroo madaa’uu jiraatonni Addis Standard’tti himaniiru. 

Jiraataan Godina Gujii Bahaa Aanaa Gooroo Doolaa magaalaa Harqalloo dhimmichatti dhiyeenya qabu Addis Standard dubbise akka himetti, barattoonni kunneen mooraa yuunivarsitichaa keessatti “Waaqa kadhanna” jechuun walitti sassaabamanii osoo jiranii poolisiin federaalaa mooraa keessa ture “shakkii mormii dhageessisuuf sassaabaman” jedhuun barattoota irratti haleellaa raawwateen barattoota dheessaa turan irratti balaa walirratti kufuu mudateen miidhaan kun qaqqabuu himeera. 

“Miseensonni poolisii feederaalaa barattoota walitti qabaman kana irratti tarkaanfii humnaa fudhachuun barattoonni torba yoo madaa’an barattuun maqaan ishee Buzee jedhamtu kan aanaa Annaasoo irraa qormaataaf garas dhaqxe lubbuun battalumatti darbeera,” jedhe. 

Ji’oottan shan dura, dhuma baatii Guraadhala keessatti, Kibba Oromiyaatti godinni haaraa ‘Boorana Bahaa’ jedhamu aanaalee Boorana, Baalee fi Gujiirraa walitti fiduun hundeeffamuu hordofee mormii aanaalee godina Gujii fi Gujii Bahaa keessatti ka’e daran babal’achuun lubbuu lammiilee hedduu galaafachuu itti fufeera. 

Walgahii idilee 3ffaa bara hojii 6ffaa Caffeen mootummaa naannoo Oromiyaa Guraandhala 27, 2023 gaggeesseen “gaaffii misooma, nageenyaa fi bulchiinsa gaarii yeroo dheeraaf ummataan ka’aa tureef deebii kennuu fi rakkoo nageenya naannoolee ollaa waliin daangaa irratti mul’atu hiikuuf” godinni Boorana Bahaa godina 21ffaa ta’ee bifa haaraatiin gurmaa’uufi teessoon isaa magaalaa Nageellee ta’ee murtaa’uu ibsameera. Teessoon godina Gujii ammoo gara Adoolaa Reeddeetti jijjiiramuutu himame.

Godinni akka haaraatti hundaa’e kun Godina Gujii irraa aanaa Liban, aanaa Gumii Eldalloo, magaalaa Nageellee; Godina Booranaa irraa ammoo aanaa Moyyaalee, magaalaa Mooyyaalee, aanaa Guchii fi aanaa Waacillee; akkasumas godina Baalee irraa ammoo, aanaa Madda Walaabuu, aanaa Oborsoo fi aanaa Harannaa Bulluq dabalatee akka godinaatti aanaalee 10 qabaatee akka gurmaa’u ibsame.

Ergasii aanaalee fi magaalota Gujii hedduu keessatti mormii fi uggurri sochii taasifamaa jira. Akka jiraataan Addis Standard dubbise kun jedhutti uggurri gabaa fi geejjibaa godinicha keessatti itti fufee jiraachuu jiraataan kun himeera. Daldala boba’aa, Jimaa fi kanneen biroo ugguruun yaadamee tajaajilli geejjibaa gara magaala Bulee Horaa geessu ugguramee turuu jiraataan kun ibseera. Kanumaan walqabatee, konkolaattota seera uggura gabaa kana cabsanii argaman afur irratti tarkaanfii fudhatameen konkolaatonni kunneen abiddaan gubachuu jiraatichi dabalee addeesseera.

Bulchaa aanaa Gooroo Doolaa obbo Galgaloo Oddoo caaseffama kana mormanii ture ji’a sadi dura mana hidhaa galan hamma yoonaatti osoo hin gadhiifamiin jiraachuus jiraataan kun dabalee eereera. 

Jiraataan godinichaa biraa Addis Standard dubbise, “mormiin caaseffama haaraa ji’oottan shanan darbaniif itti fufe jira,” jedhe. Hoggansa mootummaa dabalatee namoonni caaseffama haaraa mormaa turan mana hidhaa keessa jiraachuu jiraattonni himaniiru.  “Hoggansi bulchiinsa aanaa Gooroo Doolaa caaseffama haaraa mormanii ture guutumatti mana hidhaa jiru,” jedhe. 

Jiraattoonni godina Gujii bahaa caaseeffama haaraa magaalaa Nageellee gara godina Boorana Bahaatti akka haaraatti caaseessuuf mootummaan naannoo Oromiyaa dabarsee ture morma turuu ni yaadatama.

Humnoonni mootummaa barattoota lama kan Sugeessaa Bokkoo (barataa kutaa 9ffaa) fi Quuxalaa Boruu (barataa kutaa 8ffaa) jedhaman iddoo maqaa addaa riqicha Malkaa Daawwaa jedhamutti sababa himata Waraana BIlisummaa Oromoo (WBO) deeggartan jedhuun ajjeefamuu Addis Standard gabaasuun isaa ni yaadatama. AS  

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.