Gulaalli: Gargaarsa miidhaan nyaataa addaan kutuun miidhamtoota si’a lama adabuudha. Duuti mana miliyoonotaa seenuuf jira. Baraaramuu qabu!

Finfinnee – Mootummaan paartii Badhaadhinaa kan MM Abiy Ahmadiin hogganamu bara 2018 aangoo erga qabatee booda Itoophiyaanonni gaaga’ama namoomaaf saaxilamaa jiru.  Waraannii fi hokkorri garaagaraa ummatoota biyyattii akka wal waraanan taasisee fi humnoonni alagaa biyya seenanii akka jireenya Itoophiyaanota barbadeessan taasiseera. Hongeen jireenya magaalotaa fi qonnaan bulaa sodaa keessa galcheera.  

Rakkoolee namtolchee kanaan dura weerarri koronaa biyyattii mudate diinagdee biyyattii kan dhufaatii Abiy Ahmad dura waggaa soddomaaf ijaaramee ture laamshesseera.   

Rakkooleen kunneen Itoophiyaanonni ofii of danda’aa turan gargaarsa akka eegatan taasiseera. Yeroo ammaa lammiileen miliyoonaa 20 ol ta’an gargaarsa namoomaa kan barbaadaniidha.

Kanaafuu, biyya durumaa gaaga’ama namoomaa keessa jirtu saamichi midhaan gargaarsaa,  malaammaltummaa fi al-seerummaan sadarkaa indusitiriitti aanga’oota mootummaa dabalatee raawwatame namoota hedduu naasiseera. Taateen sukaneessaan kuni aanga’oota mootummaa dabalatee qaamota hedduun

haala walxaxaa ta’een raawwatame kuni qaamoleen gargaarsa namoomaa jedhaman irraa deebii hatattamaa akkasii akka laatan taasiseera. 

Jaarmiyaaleen gargaarsaa keessumaa USAID fi WFP gargarsa  namoomaa dhaabuuf murtee dabarsan rakkina ture saffisaan furuuf yaadameeti.

Haata’u malee, sababiin saamicha miidhaanii kuni bulchiinsa dadhabaa, malaammaltummaa fi diinagdee lamshaa’uun diinagdee sababa haa ta’an malee sababni inni guddaan rakkoo too’annoo fi itti gaafatamummaan dhabamuudha. Karaa biraatiin, rakkoo too’anoo bulchiinsa miidhaan gargaarsaati. 

Sababoonni kunneen haala bulchiinsa miidhaan gargaarsaa Itopphiyaa cimaa tureen faallaadha. Biyyi tuni gaaga’ama waggoota dheeraa keessa dabartee waan jirtuuf mootummaa fi hojjattoonni dhabbilee gargaarsaa akkamitti akka too’atan muuxannoo gahaa qabu. 

Yeroo bulchiinsa ADUWAI turetti Itoophiyaan nyaataan of danda’uuf  baay’ee hojjatterti. Birmadummaa biyyaa eeguun dhaabbilee gargaarsa namoomaa idiladdunyaa fi dhaabilee mitimootummaa wajjiin hojjachaa rakkoo hanqina nyaataa, tamsaasa miidhaan gargaarsaa rakkattoota biraan gahuu hojjachaa turteerti. 

Dhaabbilee idiladdunyaa kan akka USAID, WFP fi kanneen biroo wajjiin ta’uun sirna loojistikii fi ittiin bulmaaataa milkaa’aa diriirsuun  saamicha miidhaan gargaarsa ittisaa turteerti. Rakkiinni haa jiraatu malee baay’ee foyya’aa ture. 

Gochaawwan seera idiladdunyaa cabsuu fi mirgoota namoomaatti ilaalamuu  qabu gargaarsa miidhaan nyaataa argachuun bilisa ta’uu qaba. 

Rakkoo hir’ina miidhaan nyaataa dursanii adda baasuun mootummaa fi dhaabbileen gargaarsaa  gaaga’ama dhufuuf malu beekuun fufiinsaan furuuf tarsiimoo akka misooma qonnaa, misooma bu’uuraa fi misoomaa itti fufaa irratti hawaasa naannichaa hirmaachisuun hojjachuu Itoophiyaan biyyoota balaa umamaa too’achuun beekaman keessaa tokko taasiseera. 

Haa ta’u malee, waraanni Oromiyaa keesaa turee fi Tigraayitti Sadaasa 2020 mudachuun gara naannolee Affarii fi amaaraatti babal’ate hojimaata ture kana diigeera. 

Paartiin biyya bulchu yeroo gargaarsi namoomaa miliyoonota beelaaf fi dhibee hir’ina nyaataaf saaxilamuuf jiran akka hin qaqqabnee danqee turetti namni gaafate hin turre.  

Gargaarsi naannoo Tigraay akka hin qaqqabnee mootumman Itoophiyaa fi wahiloonni isaa humnoota Eritraa dabalatee hojjachaa yeroo turanitti  osoo itti hin gaafatamiin waggota lamaaf turanii miliyoononni zoonii waraanaa keessa turan gargaarsa osoo hin argatin turaniiru. 

Seera gargaarsa namoomaa fi mirga namoomaa idiladdunyaa kan gargaarsi nyaataa bilisaan akka raabsamu ajaju  cabsuun lubbuun akka darbuu fi sirni raabsaa vargaarsa namoomaa akka burjaaja’u taasiseera.

Yeroo ammaa kana qaamoleen keessoo rakkina kana beekan rakkoo kana furuun adeemsa iftoomina qabu diriirsuuf tarkaanfii fudhachuu dhiisuun Biyyoonni Lixa Fagoo hojimaatichi yeroo diigamu taa’anii daawwachuu filatachuun isaanii beekamaadha. kanneen akkamitti as akka geenye kan beekan maal na galchee qaamoleen gargaarsa namoomaa tarkaanfii fudhachuu dhisanii maaltu na galche waan jedhaniif hojiimatichi malaammaltummaa fi alseerummaadhaaf sadarkaa him yaadamne kanatti akka saaxilamu taasiseera. yeroo oduun saamicha miidhaan gargaarsaa tamsa’ee jirutti dhaabileen gargaarsa namoomaa kan akka USAID fi WFP hamma qorannoon adeemsifamee rakkoon ture furamutti gargaarsa dhaabuusaanii beeksisaniiru.  

Erga murtoon kun darbe ji’oonni sadii darbanii gabaasa sukaneessaa hir’ina miidhaan nyaataatiin walqabatee laamiileen nagaa, daa’immanii fi haadholii fi maanguddoon naannolee Tigraay, Oromiyaa, Amaaraa fi Affaar nyaata madaalawaa malee hafaniiru. Gabaasa du’aa  fi beelaa naannoo Tigraayii fi hir’inni nyaataa naannolee birootii bahaa jiru dabalaa dhufeera. 

Rakkoo hir’ina midhaan nyaataa, waldhabdee haaraa uumamaa jiruu fi buqqaatiin akka biyyaatti mudachaa jiru hariiroo qabu. Rakkoom kunneen yoo furamuu baatan rakkoo Itoophiyaanonni beelaa fi hokkora dheessuun baqachuu waan danda’aniif rakkoo kuni gara biyyoota biroo fi addunyaatti babal’achuu danda’a. 

Mootummaan Itoophiyaa miliyoonota beelaan du’a, beelaa fi dhibee hir’ina nyaataatiif saaxilaman baraaruu didus hawaasni idiladdunyaa raabsaa miidhaan nyaataa hatattamaan akka jalqabamu murtee hadhaawaa dabarauu qabu.

Haaluma wal fakkaatuun, gaaga’amni namoomaa kuni sababa waraanaatiin kan dhufe waan ta’eef qaamoleen waraanarra jirqn waraana akka dhaabanii rakkoo jiru mariin akka furan dhiibbaa cimaa taasifamuu qabu. Raabsaa miidhaan gargaarsaa taasisuuf nageenyii fi tasgabbiin murteessaa waan ta’aniif.

Rakkoo waraanaa fi gaaga’ama namoomaa itti fufiinsaan furuurratti  xiyyeeffachuun barbaachisaadha. Qaamolee rakkoo malaammaltummaa fi alseerummaa raawwatan kana irratti itti gaafatamummaa seeraa mirkaneessuun barbaachisaadha. Haata’umalee, gargaarsa namoomaa addaan kutuun gochaa kana balaaleffachuun hubamtoota kana si’a lama adabuudha. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.