Oduu: Godina Guraageetti haleellaa tibbana hidhattootaan raawwatameen namoonni torba ajjeefaman

Finfinnee, Adoolessa 31/2023 – Haleellaa naannoo saba sablammootaa fi ummatoota kibbaa godina Guraageetti Sanbata Adoolessa 29, 2023 hidhattootaan raawwatameen torba ajjeefamuu fi hedduun madaa’an. Mootummaan gidduu galuun gochaa kana akka dhaabsisu iraattonni naannichaa gaafatan. 

Jiraattonni Addis Standard dubbise sadi akka jedhanitti, haleellaan kuni iddoo addaa Didaa jedhamu kan aanaa Maskaan keessatti raawwatanme.

Jiraataan naannawa sana jiraatu haleellaan kuni kan raawwatme imaltoota gabaa Sanbataatiif magaala Diddaa irraa gara Ensaroo deemaa jiran irratti ta’uu himeera. 

Namoonni kunnneen bajaajiidhaan imalaa kan turan yoo ta’u namoonni aanaa Maaragoo ta’an riphanii eegachaa turan haleellaa kana raawwatachuu dabalee himeera.

Jiraataan biraa Addis Standard dubbise gareen hidhattootaa kunneen namoota humnaan baajaajjiirraa erga buusanii booda dhukaasa itti banan jedhe. Akka raga bahaa kanaatti, namoota kanneen keessa torba battalumatti kan ajjeefaman yoo ta’u isaan biroo hedduu madaa’aniiru.

Namoota ajjeefaman keessa dubartii ulfaa jiraachuu Raga bahaan kuni dabalee ibseeera. Dubartii ulfaa tuni a bbaa manaa ishee bira ture wajjiin ajjeefamte jedheera. 

Jiraataan sadaffaa bilbilaan Addis Standard’tti hime, haleellaa akkanaa karaa sana irratti irra deddeeebiinnraawwatamuu ibseera. Haleellaan walfakkaataan biraa Adoolessa 24 raawwatameen abbaa waraa fi haati warraa fi ollaan isaaanii tokko haala sukaneessaa ta’een mana jireenyaa isaaniitti ajjeefamanii ture jedhe. 

Haleellaan jalqabaa hawaasa naaniichaa sodaa fi naasuu geessisuu ibsuun haleellaa kuni isa dura raawwatame turetti aanee kan raawwatame ta’uu jiraatichi himeera. Jalqaba ji’a Adooleeessaa keessa gaazeexaan biyya keessaa tokko ajjeechaa biraa hidhattootaan aanaa kana keessatti mudate gabaasee ture.

Sabaiin haleellaa kanneen waldhabdee daangaa aanaalee Maskaanii fi Maarakoo gidduu yeroo dheeraaf ture ta’uu jiraattonni kuni ibsaniiru. Mootummaan giddu galuudhaan gocha aka]kanaa akka dhaabsisu jiraattonni gaafataniiru.

Waldhabdee aanaa Maskaan gandoota Diddaa fi Baatii Footoo gidduutti hokkora Muddee 2018 keessa umameen namoonni 24 ajjeefamuun 160 ol madaa’uu hordofuun aanga’onni olaanoo aanichaa too’anoo seeraa jala oolanii ture. Haleellaa itti aanee Fulbaaana keessa mudateennamoonni biroo 10 ajjeefamuun hedduun madaa’uun namoonni kumaatamaan lakkaa’aman qe’eesaanirraaa buqqaafamanii ture.   

Sababiin haleellaa kaneenii walittti bu’iinsa daangaa erga aanaa Maskaanenaa Maaraqoo jedhamuun tokko turan addaan bahuun aanaalee Maskaanii fi Maaraqoo erga ta’anii waggoota diigdamaa dura ta’uu eeraniiru.  

Rakkoo dura turetti dabaluuun murteen mootummaan aanaalee Kabaanaa, Maatraqoo, Baha Maskaan fi magaala Buttajiraa dirqamaan gara naannoo saba, sablammootaa fi ummatoota kibbaatti caasessuun miseensonni mana maree murtee kana akka fudhatan dirqisiisuun isaa rakkoo ture akka cimu taasiseera.  Aanaawwan kunneen godina Guraagee jala turan. Akkataa kanaan, bulchiinsi magaala Buttaajiraa Anaalee Maskaanii fi Baha Maskaan wajjiin godina haaraa uumuu magaala guddoo isaanii Bittajiraa godachuu fi aanaawwan Maaraqoo fi Qabeenaan immoo aanaa addaatti ol guddachuuf murteeffatanii ture. 

Bulchiinsa naannoowwanii qaqqabuuf yaaliin Addis Standard taasise hin milkoofne ture. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.