Oduu: “Akka waan nama hin taanetti”: Baqattoonni Itoophiyaa Saawud Arabiyaatti haala rakkisaa keessatti hidhaman dirqiin gara biyyaa deebifamuu gabaasni haaraa Amnastii saaxile

Finfinnee, Mudde 16/2022 – Baqattoonni Itoophiyaa biyya Saawud Arabiyaa keessatti haala suukannessaa ta’ee fi gara jabinaan yeroo dheeraaf hidhamanii erga tursiifamanii booda, humnaan gara biyyaa deebifamaa akka jiran gabaasni haaraan dhaabbata mirgoota namoomaaf falmu Amnastii Intarnaashinaal baase akeeke. Baqattoonni kunneen sababa hayyama jireenyaa hin qabneef qofa qabamanii gidirfamuu kan ibse gabaasichi, haalli isaan keessa jiran sababa sirna Kafaalaa jedhamu hammaateera jedhe.

Amnastii Intarnaashinaal aanga’oonni Saawudi waa’ee yoo xiqqaate namoota 10 hidhaa keessatti du’anii akkasumas dararaa reebichaa hidhamtoota bara 2021 hanga 2022 jidduutti raawwatame akka qoratan gaafate.

Gabaasni haaraan mata duree “Akka waan nama hin taaneetti”: Humnaan deebisuu, hidhaa haala suukaneessaa baqattoota Itoophiyaa, Saawud Arabiyaatti jedhuun bahe kun, haala rakkisaa dhiironni, dubartoonni fi ijoolleen lammiilee Itoophiyaa ta’an tasa qabamanii manneen hidhaa Al-Kharj fi Al-Shumaisi jedhaman keessatti walitti heddummatanii hidhaman keessa jiran ifoomse. Baqattoonni kun gariin Waxabajjii 2021 fi Caamsaa 2022 jidduutti akkamiin humnaan gara biyyaa akka deebifamanillee gabaasichi ni hima.

“Erga abara 2017 as Saawud Arabiyaan lammiilee Itoophiyaa hedduu qabdee haala suukanneessaa keessatti erga hiitee booda, fedhii isaanii malee gara biyyaa deebifteetti. Kana keessatti baqattoonni hedduun miidhaa qaamaa fi xiin-sammuu yeroo dheeraa turuu maluuf saaxilamaniiru. Ammaan tana baqattoonni Itoophiyaa 30,000 haala suukanneessaa wal-fakkaataa keessatti hidhamanii jiru. Namni tokko hayyama jireenyaa waan hin qabneef mirgootni namoomaa isaa irraa mulqamuu hin Qaban,” jette Hiibaa Moraayeef, Direektarri Jiddugaleessa Bahaa fi Baha Afriikaa Amnastii Intarnaashinaal.

Saawud Arabiyaa keessa baqattoonni hojiirratti bobba’an miliyoona 10 akka jiran tilmaamama. Amnastiin dararaa baqattoota Itoophiyaa hin galmaa’iin jiran ykn hayyama hin qabnerra gahe irratti fuulleffachuu filate. Bitootessa bara 2022 mootummaan Itoophiyaa fi aanga’oonni Sa’udii dhuma bara 2022tti dhiiroota, dubartootaa fi ijoollee baqattoota ta’an 100,000 gara Itoophiyaa deebisuuf karoora qabaachuu ibsanii turan.

Caamsaa fi Waxabajjii 2022 keessa Amnastii Intarnaashinaal baqattoota Itoophiyaa 11 kan Osoo dirqiin gara biyyaa hin deebifamiin dura Saawudii keessaatti hidhaa suukanneessaarra turan akkasumas maatii nama duraan hidhamaa turee, hojjettoota gargaarsa namoomaa fi gaazexeessitoota dhimmicharratti hubannoo qaban dubbiseera.

Amnastiin saatalaayitii fayyadamuun argama manneen hidhaa Al-Kharj fi Al-Shumaisi akkasumas viidiyoowwan achii keessa waraabaman kan mirkaneesse yoo ta’u, haalli hidhamtoonni keessatti argaman hamaa ta’uu hubatee jira. 

Dirqiin deebisu

a’udiin erga bara 2017 as baqattoota Itoophiyaa ta’an osoo hin galmaa’iin biyyattii keessa jiraatan hidhuu eegalte. Sirna hacuuccaa Saawudi  “kafaalaa” jedhamee beekamuun hojjettoonni hayyama hin qabne akkaataan itti hayyama argatan hin jiru. Inumaa kanneen hayyama qabanuu yoo hojjetoota isaan hacuucan jalaa yoo bahan hayyama isaanii dhabuu danda’u.

Bitootessa 2022 aanga’oonni Itoophiyaa baqattoota Itoophiyaa Saawudiitti hidhamanii jiran 100,000 hanga dhuma bara 2022tti gara biyyaa akka deebisan himan. Ammaan tana lammiileen Itoophiyaa 30,000 ta’an manneen hidhaa Sa’udii keessatti walitti heddummatanii haala rakkisaa keessatti hidhamanii argamu.

Haalli keessatti hidhaman rakkisaa waan ta’eefi dararaa achi keessatti isaanirra gahurraa ka’uun akkasumas, akkaataan hidhaarraa bahuuf ittiin iyyatan waan hin jirreef, hedduun isaanii filannoo biraa waan hin qabneef gara biyyaa deebi’uuf waliigalan.

Haalli hidhamtoonni kun keessa jiran murtee fedhii fi hubannaan deeggarame akka murteessaan isaaniif kan hayyamu waan hin taaneef, Haalli gara biyyaa itti deebifaman dirqiin deebisuun kan wal madaalu ta’uu Amnastiin himeera. Dhimmi hidhamtootaa tokko tokkoon ilaalamuu dhabuun baqattoonni tokko tokko gara biyyaa wayita deebi’an miidhaa fi dararaa biraaf saaxilamuu akka danda’anis akeekee jira.

 Haala “namooma hin qabne”

Aanga’oonni Saawudii qajeeltoo bu’uuraa qabiinsa hidhamtootaa Neelsan Mandeellaa, kan hidhamtoonni “akkaataa kabajaa fi duudhaa namoomaa isaanii eegeen” qabamuu qabu jedhu cabsaniiru jedhe Amnastiin.

Hidhamtoonni duraanii Amnastiin dubbise haala manneen hidhaa Al-Kharj fi Al-Shumaisi dhiyeenya magaalaa Jiddaatti argaman keessa haala ture yoo ibsu “namooma kan hin qabne” jedhan. Reebichaa fi dararaa adda addaa irratti dabalataan, nyaataa fi bishaan dhugaatii qulqulluu akka hin qabne, bakki ciisan akkasumas tajaajilli fayyaa namoota dhukkubsatan, daa’immanii fi dubartoota ulfaaf akka hin jirre himan.

Amnastiin ijoolleen umuriin isaanii hin geenyee kan maatiin bira hin jirre akkasumas dubartoonni ulfaa kanneen dirqiin deebifaman keessa akka Jiran hubadheera jedhe.

Mana hidhaa Al-Shumaisi keessatti baatilee 11f kan hidhamee ture Bilaal akka jedhutti kutaa dhiphoo keessatti nama 200 Waliin hidhamee ture. Sireen ture garuu 64 qofa waan tureef hidhamtoonni dabareen rafu ture, gariin lafarra rafu. “Akka waan nama hin taaneetti” ilaalamna turre jechuun Amnastiitti hime.

Yaala fayyaa dhabuu, du’aa fi dhukkuba

Hidhamtoonni duraanii martinuu weerarri injiraanii fi dhukkuba gogaa hamaa isaan mudatee akka ture himu. Sababa injiraan hammaateef pilaastikii ittiin balfi gatamu uffachaa akka turan, akkasumas rifeensa ofirratti gubaa akka turan himu. Kunis aanga’oonni mala biraa waan hin dhiyeessineef akka ta’e himu.

Hojjeettoonni gargaarsa namoomaa lama baqattoonni manneen hidhaa keessaa gara Itoophiyaa deebifaman hedduun dhukkuba hargansuu akka daranyoo Sombaa akka qaban Amnastiitti himaniiru.

Amnastii Intarnaashinaal manneen hidhaa Al-Kharj fi Al-Shumaisi keessatti baqattoonni du’an jiraachuus gabaasee jira. Akka hidhamtoonni duraanii jedhanitti Eebla 2021 fi Caamsaa 2022 jidduutti namoonni 10, 9 dhukkubsatanii yaala dhabuun, 1 ammoo reebicharraa kan ka’e du’aniiru. Amnastiin dhimmi namoota du’an kanaa akka qoratamu gaafate.

Baqataan duraanii Mohaammuud jedhamu namni isa waliin hidhamee ture tokko dhukkubsatee dhiiga deebisiisaa akka turee fi aanga’ootni mana hidhaa paaraasiitaamoolii qofa kennaafi akka turan hime. Namni kun battala Itoophiyaatti deebi’een lubbuun isaa dabartee jirti jedha.

Amnastiin viidiyoo wayita hidhamtoota du’aniif janaazaan godhamu agarsiisu mirkaneessuu isaa himeera.

Reebichaa fi dararaa

Hidhamtoonni duraanii jaha reebichii fi dararaan irra gahuu Amnastii Intarnaashinaalitti himan. Ulee sibiilaa, shiboo elektiriikii, kaballaa fi Bunyaan reebamuu, ho’a hamaa keessa hanga dhaqni isaanii gubatuutti asfaaltii gubbaa akka dhaabbatan dirqisiifamuufaa himan.

Hidhamtoonni kunneen haala keessa jiranii fi waahillan isaanii dhukkubsatanii yaala dhabaniif sagalee ta’uuf wayita mormii dhageessisan akka reebaman himan.

Hidhamaan Huseen jedhamu, namni waliin hidhame tokko erga lamaan isaaniituu reebamanii Booda du’uu hime. “Cinaacha isaarra dhukkubsataa ture, mana yaalaa hin geeffamne. Erga du’ee booda eegdonni reeffa isaa akka kaasan kadhataa turre…guyyaa lama booda dhufanii baasan” jedha.

“Saawudi Arabiyaan biyyoota sooreyyii addunyaa keessaa tokko garuu hidhamtoota haala suukanneessaan walitti rukkitee yaala fayyaa, nyaataa fi bishaan dhorkitee dararti. Miidhaan darbees duuti hidhamtootaa amma argaa jirru sababa aanga’oonni Sa’udii haala qabiinsa hidhamtootaa fooyyessuu didaniifi. Aanga’ootni hatattamaan du’aa fi dararaa baqattootaa qorachuu qabu. Ammoo jalqabumaa isaan hidhuu dhaabuu qabu,” jette Hiibaa Moraayeef. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.