Oduu: Weerara Koleeraa godina Baalee, Gujii, naannoo Somaaleetti muudateen namoonni 24 du’an; namoonni 743,000 ta’an balaaf saaxilamaniiru: UN

Hojjatoota Dhaabbata Fayyaa Addunyaa. Suuraa: WHO

Finfinnee, Muddee 16/2022 – Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Qindeesssaan Gargaarsa Namoomaa (UNOCHA) gabaasa haaraa Muddee 14, 2022 baaseen weerarri Koleeraa gandoota 55 aanaalee Baalee 5, aanaa 1 godina Gujii fi naannoo Somaalee godina Liiban aanaalee 2 keessatti babal’achuu beeksiseera. Hanga Muddee 14 bara 2022tti lubbuun namoota darbe 24 dabalatee namoonni 669 dhukkuba koleeraan qabamaniiru. Aanaalee saddeet dhibeen kun itti babal’ate keessatti namoonni 743,000tti dhihaatan balaa guddaa keessa jiru.

Hanga Muddee 14tti, godina Baalee aanaalee 5 (Haarannaa Bulluq, Barbaree, Dalloo Mannaa, Gurraa Dhaamolee fi Madda Walaabuu), godina Gujii aanaa Girjaa, naannoo Somaalee godina Liiban aanaalee 2 keessatti namoota lubbuun isaanii darbe 24 dabalatee namoota 669 [isaan keessaa buqqaatonni 191] dhibee kanaan qabamuu gabaafameera.

Torban lamaan darban keessa lakkoofsi namoota dhibee kanaan qabaman dhibbeentaa 30n dabaleera. Godina Gujii aanaa Girjaatti lakkoofsa namoota dhibee kanaan qabaman saffisa olaanaan babal’achaa kan jiran yoo ta’u, torban lama hin guunne keessatti namoota 100 ol dhibichaan qabamuun gabaafameera.

Duuti gabaafame irra caalaan isaa umurii waggaa 0 hanga 14 gidduutti (dhibbeentaa 16 daa’imman umuriin isaanii waggaa shan gadi ta’edha). Baay’ina dhibee waliigalaa keessaa dhibbeentaan 65 ol Talaallii Koleeraa Afaaniin (OCV) hin fudhanne. Bishaan qulqullina hin qabne bakka bishaan faalame irraa argamu fayyadamuun weerara kanaaf sababa guddaa ta’uu danda’a. Tajaajila bishaanii fi qulqullina naannoo (WASH) argachuun daangeffame, barmaatileen qulqullinaa gaarii hin taane, fincaan bakkeetti fincaa’uu fi filannoowwan qulqullina bishaanii dhabuun dhukkubni kun godinaalee fi naannolee kunneen keessatti saffisaan akka babal’atu kan gumaachan keessaa isaan muraasa.

Dhaabbata Fayyaa Hawaasa Itoophiyaa, Waajjiraalee Fayyaa Oromiyaa fi Somaalee, Dhaabbata Fayyaa Addunyaa, Fandii Daa’immanii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNICEF) fi michoonni biroo hojiiwwan fayyaa fi qulqullinaa naannoowwan dursa kennamuuf, addatti iddoowwan buqqaatotni argaman irratti xiyyeeffatanii deeggaru itti fufaniiru.

Hanga guyyaa gabaasni kun bahutti, Giddugala Wal’aansa Koleeraa (CTC) aanaalee Barbaree, Madda Walaabuu fi Girjaatti jiran keessatti namoonni haaraa dhibee kanaan qabaman argamu. Akka gabaasa Dhaabbata Fayyaa Hawaasa Itoophiyaatti, aanaalee saddeet dhibee kanaan miidhaman keessatti namoonni 743,000tti dhihaatan balaa guddaa keessa jiru.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Qindeesssaan Gargaarsa Namoomaa (UNOCHA) gabaasa Sadaasa 23 baaseen gandoota 41 aanaalee afur goodina Baalee fi aanaalee naannoo Somaalee lama keessatti namoonni 491 Kooleeran qabamanii 20 du’uu; kana malees namoonnii 555,000 ta’an immoo weerarichaaf kan saaxilaman ta’uu beeksise ture. Gabaasa itti aanuu dhaabbatichi torban sadii booda amma baaseen ammoo babal’inni weerarichaa saffisaan dabalaa akka jiru agarsiisa.

Aanaalee dhibee kanaan miidhaman irra caalaan isaaniitti tilmaamni yeroo dhiyoo fi rooba ilaalame akka mirkaneessetti, yeroon rooba amma Onkoloolessa – Muddee 2022 kutaalee kibbaa fi bahaa biyyattii keessatti rooba gahaa osoo hin argatiin darbuun waqtii roobaa shanaffaa walitti qaansuun rooba gahaa osoo hin argatiin darbu ta’a. Bishaanii fi nyaata barbaacha gara aanaalee dhibeen kun itti babal’ateetti sochiin ummataa dabalaa dhufuun, yeroo walfakkaatutti lakkoofsi namoota weerara dhibee kanaaf saaxilaman daran babal’achaa jira.

Kooleeraan yeroo duraatif Kibba Oromiyaa godina Baalee aanaa Harannaa Bulluq keessatti Hagayya 27 kan gabaafame yoo ta’u,  boodarra aanaa Barbarree keessatti  argame. Sababni madda dhukkubichaa bishaan qulqullina hin qabne fayyadamuu ta’uus dhaabbatichi ibseera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.