Oduu: Daayirektarri olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa loltoonni Eertiraa eessuma isaa dabalatee namoota 50 ol Tigraay keessatti ajjeesan jedhe

Teediroos Adhanoom (PhD), Daayirektara Olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa

Finfinnee, Mudde 15/2022- Teediroos Adhanoom (PhD), Daayirektarri Olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) akka jedhanitti, loltoonni Eertiraa adeera isaanii fi namoota “50 ol” ganda bulchiinsa naannoo Tigraay, keessatti argamu tokko keessatti ajjeesuu isaanii ibsaniiru.

Daayirektarri Olaanaan kun tiwiitara isaa irratti akka ibsetti, dhuma torbee darbee, adeerri isaa mana isaa keessa osoo jiruu waraana Eertiraan ajjeefamuu isaa bare. ”Hokkora Tigraay keessatti adeemsifamaa jiruun maatii kootiif dhukkuba biraati. ummanni fi maatii hundi nagaa barbaada,” jechuun dabalaniiru.

Dilbata Muddee 11, Daayirektarri Olaanaan kun tiwiitara isaa irratti “waliigalteen nagaa ta’us humnoonni Eertiraa Tigraay keessatti lammiilee nagaa ajjeesuu itti fufaniiru” jedhe.  Waa’ee ajjeechaa adeera isaa kan dubbate yoo ta’u, isa malees namoonni 50 ol ta’an ganduma kana keessatti loltoota Ertiraan ajjeefamaniiru.

”Sanbata darbe adeerri koo waraana Eertiraan akka ajjeefame dhagahe. Akkasumas haadha koo waliin haasa’ee maatii keessaa inni quxisuu waan ta’eef dhuguma gadda guddaa keessa galte; umuriin isaa kiyya wajjin wal qixxeedha jechuun ni danda’ama,” jechuun “waliigalteen nagaa ni milkaa’a, maraatummaan kun ni dhaabata” jechuun abdii qaban ibsaniiru.

Hogganaan WHO  miseensi maatii isaa loltoota Eertiraan ajjeefamuu dubbachuun yeroo lammataati. Bara darbe lola naannoo Tigraay gaaga’e kanaan firoottan isaa akka dhabe NiwuYoork Taayims gabaaseera. Akkasumas firoota isaa gara biyyaatti deebi’anii bira gahuu, ykn maallaqa erguu dadhabuu isaa irra deddeebiin yaaddoo isaa ibsaa tureera.

Himannaan itti gaafatamaan WHO loltoota Ertiraa irratti dhiheesse kun ibsa qondaaltonni  Tigraay irraa kennaniin wal fakkaataa, waliigaltee nagaa mootummaa federaalaa waliin mallatteessanis, humnoonni alaa fi RIB hin taane Tigraay keessaa baasuun akkasumas humnootni Tigraay meeshaa waraanaa ulfaataa hidhannoo hiikkachuu waliin walfaana akka ta’u  kan tumame ta’us loltoonni naannoolee naannoo Tigraay seeraan ala dhuunfatanitti namoota nagaa irratti gocha hammeenyaa raawwachuu itti fufaniiru. Mootummaan federaalaa himannaa kana irratti yaada hin kennine. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.