Oduu: Abiy fi Biliinkan barbaachisummaa waraana Ertiraa baasuu mari’atan,qorattoonni mirga namoomaa idiladdunyaatiif naannichi banaa akka ta’u Ameerikaan gaafatte

Finfinnee, Mudde 15/2022 – Walga’ii si’a duraatiif Abiy Ahmadii fi Ministira Haajaa Alaa Ameerikaa Biliinkan fulduratti wal arganii godhan irratti “barbaachisummaa humna Ertiraa hatattamaan baasuurrattii mari’achuun qorattoonni mirga namoomaa gara naannolee waraanaan  miidhamanii akka galan akka eeyyamuuf Ameerikaan mootummaa Itoophiyaa gaafatte.

Marichi yaa’ii Ameerikaa fi hoggantoota Afrikaa gidduutti godhamu cinaatti Kibxataa darbe godhame.

Waliigaltee waraana dhaabuu mootummaa federaalaa fi loltoota Tigraay gidduutti Sadaasa 02 Priitoriyaa, Afrikaa Kibbaatti mallattaa’eetti aansuun Naayroobii, Keeniyaatti hoggantoonni humna waraanaa biyyoota lamaanii wala arguun akkaataa waliigaltee Priitoriyaa hojiitti hiikuurratti maria’tan simateera.

“Biliinkan tarkaanfii mootummaan Itoophiyaa gargaarsa namoomaa foyyeesuuf godhe dinqisiifateera,” jedha ibsichi. Haata’unmalee, waliigaltee “saffisaan akka hojiitti hiikamuu fi naannoolee waraanaan hubaman kunneen qorattoota mirga namoomaa idil-addunyaatiif banaa akka godhaman gaafateera.”

Waliigaltee nagaa kuni akka jedhutti kan humnoonni Itooophiyaa ni bahuu fi loltoonni Tigraay guyyaa 30 keessatti jechuunis Mudde 30tti hidhannoo ni hiikkatu jedhu darbuu yaadachiisuun “saffisaan hojiirra akka oolu fi waraanni Eritraa lammileeTigraay keessa jiran ajjeesuu itti fufuun” yaadeessa ta’uu dubbateera.

Mudde 05, ajajaan humnoota waraana Tigraay  Janaraal Taaddasa Waradaa, humnoonni Ertiraa fi naannoo Amaaraa Tigraay keessa otuu hin bahin humnoonni Tigraay harka 65 ta’an hidhannoo hiikkataniru jedheera.

Qaamota gargaarsa idil-addunyaa wajjin ta’uun gargaarsa namoomaa raabsuu irratti karaa sadiin – naannoo Amaaraaa karaa Gondar fi kombolchaa akkasumas naannoo Affaar karaa Samaraatiin hojjachaa jiraachuu himeera.

Mariin Abiy fi Biliinkan gidduutti godhame waliigaltee Naayroobiii hojiirra oolchuu irra deebiin kan ibsuun humnoonni Ertiraa akka bahaniis ifatti eera. Humnoonni miseensa  raayyaa ittisa biyyaa Itoophiyaa hin taane akka bahan garuu hin dubbatu.

Haaluma wa fakkaatuun,  mootummaan Itoophiyaa yakkoota waraanichaatiin raawwataman akka qortaniiif eeyyamuu kan dide ta’us “dhaabbatoonni mirga namoomaa idil-addunyaa” naannoolee waraanaan miidhaman akka seenuuf akka eeyamamu Bliinkan gaafateera.

Waliigaltichaa keeyyati 10/3 akka eerutti mootummaan Itoophiyaa akkaataa heerri biyyattii fi Haqa chaartariin ce’umsaa Gamtaa Afrikaa eeyyamuun poolisii haqa ce’umsaa biyyaaleessaa kan itti gaafatamummaa mirkaneessuu, araaraa buusuu, dhugaa adda baasuu, hubamtootaaf beenyaa laachuu fi rakkoo jiru dhabamsiisuu” ni hojjata jedhus falmiitoonni mirga namoomaa garuu dhimmoota itti gaafatamummaa fi haqaa xiqqeessaniiru jechuu cepahaniiru.

Maricha booda Abiy Ahimad karaa fuula twiitaraasaatiin “marii bu’a qabeessaa fi ifa ta’e” Biliinkan wajjiin gooneerra jechuun gargaarsa Ameerikaa nageenya Itoophiyaaf gochaa jirtu dinqisiifateera. “Waggoota kurnan hedduuf Itoophiyaan humna waloo Ameerikaa Afrikaa turte. Hariiroo kana akkamitti akka jabeessinus mari’anneerra,” Abiy jedhe.  

Gorsaa nageenyaa Abiy Reedwaan Huseenis mariin keenya “barbaachisummaa hariiiroo Ameerikaa wajjiini cimsuurratti” fulleeffate jedhe.

Adeemsa marii nageenya Gamtaa Afrikaatiin durfamu kan too’achuu fi akkaataa marichaa kan ittiin rageessituu dabalatee kan deeggartu ta’uu Ameerikaan irraa deddeebiin ibsiteetti. Maxxansaa biraa Billinkan fuula tiwiitaraarratti maxxanseen, Abiy wajjiin jijjiirama tarkaanfii nageenyaa kan waliigaltee Piritooriyaa fi Naayiroobii guutumatti hojiitrra oolchuun bu’aa Itoophiyaaf qaburratti Abiy wajjiin mari’anneera jedheera. AS

 . 

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.