Oduu: Biyyoota bara 2023tti rakkoo namoomaa hammaataaf saaxilaman keessaa Somaaliyaa fi Itoophiyaan sadarkaa duraa irra jiru- IRC

Luuglow, buufata buqqaatotaa Kismaayo,Somaaliyaa
Suuraa: NRC

Finfinnee, Mudde 14/2022- Koreen Baraarsaa Idil-addunyaa (IRC) ibsa baasen biyyoota bara 2023tti rakkoo namoomaa hammaataaf saaxilaman keessaa Somaaliyaa, Itoophiyaa fi Afgaanistaan sadarkaa duraa irra jiru jedhe.Haalli qilleensaa, jeequmsi dinagdee fi walitti bu’insi rakkoo namoomaa addunyaa guutuutti babal’isaa jiras jedhe.

Xiinxalli IRC akka agarsiisutti, eegduuwwan rakkoo namoomaa irraa eeguuf qophaa’an sababoota gurguddoo sadii walitti bu’insa, jijjiirama qilleensaa fi jeequmsa dinagdeetiin laafaa fi diigamaa jira.

Bara kanas Somaaliyaa, Itoophiyaa fi Afgaanistaan biyyoota rakkoo hammaataaf saaxilaman keessaa sadarkaa duraa irra kan jiran yoo ta’u, Afrikaan Bahaa hongeen hamaan muudatee fi jeequmsi dinagdee rakkoo namoomaa hammeessuu itti fufee jira.

Beelli Somaaliyaa keessatti mul’atee namoota kuma kudhaniin lakkaa’aman ajjeesaa jira. Ji’a Amajjii hanga Onkoloolessaatti Somaaliyaa keessatti namoonni  miliyoona 1.7 ta’an gogiinsa fi walitti bu’iinsaan qe’ee isaanii irraa buqqa’uu gabaasni ni mul’isa. 

Sababa waldhabdee fi walitti bu’insa akkasumas hongee kutaalee Itoophiyaa hedduu itti fufiinsaan miidhaa jiraniin barbaachisummaan gargaarsa namoomaa Itoophiyaa kan walakkeessa waggaa, jalqaba bara 2022tti Doolaara biiliyoona 3.085 ture gara doolaara biliyoona 3.335tti ol guddachuu karoora gargaarsa namoomaa fooyya’ee ragaa Waxabajjii – Adoolessa 2022 irratti hundaa’e mul’ise.

Lakkoofsi namoota gargaarsa barbaadan “jalqaba waggaa waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu gara 11% dabaleera,” jette Itoophiyaatti Qindeessituun Gargaarsa Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, Dr Kaatiriin Soozii. Haaluma kanaan, lakkoofsi kun “jalqaba bara 2022tti miiliyoona 20.4tti tilmaamame ture irraa gara miiliyoona 22.6tti ol guddateera.”

Biyyootni kudhan IRC’n rakkoo namoomaa hammaataaf saaxilaman keessa Somaaliyaa, Itoophiyaa, Afgaanistaani sadarkaa jalqabaa irratti kan argaman yoo ta’u  Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo, Yaman, Siiriyaa, Sudaan Kibbaa, Burkinaa Faasoo,Heeyitii fi Yuukireen biyyoota rakkoo namoomaa hammaataaf saaxilaman keessatti tarreeffamniiru. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.