Oduu: Waltii bu’insa Itoophiyaa keessa jiruun walqabatee Meettaan beenyaa doolara biliyoona 2 gaafatame

Suuraa: Rooyitors

Finfinnee, Mudde 14/2022- Ergaa jibbaa fi hokkora kakaasan tamsaasuun waraana Itoophiyaa akka babal’atu waan taasiseef dhaabbanni Feesbuuk Meettaan beenyaa biliyoona $2 akka kaffalu gaafatamu BBCn gabaase. 

Namoota Meettaarratti himata seeraa banan keessaa Abrahaam ilmi hayyuu Pirofeessar Ma’aarag Amaree erga maxxansaa Facebookiitiin doorsifamee booda ajjeefame isa tokkodha. Maxxansaa doorsisaa fi eenyummaa nama kanaa ifa taasise kan Feesbuukiin otuu hin balleessin waan tursiseef kan ajjeefame.

Namoonni sababa maxxansaatiin haleellaan irra gahe kunneen beenyaa Feesbuukiin biliyoona $2 isaaniif akka laatuu fi akkaataa ittiin tamsa’iina maxxansaa adda addaa itiin to’atu akka geeddaru gaafatan.

Maxxansaan suni akka haqamuuf kan gaafatame ture ta’uus Feesbuukiin garuu ergaa sana  otuu hin haqin yeroo dheeraa tursiiseera. Inni tokko erga abbaan Abrahaam ajjeefamee booda kan haqame yoo ta’u inni biraammoo hamma Muddee 02 tureera. 

“Otuu Facebook  tamsa’iina ergaa jibbaa fi dafee haqa ta’ee abbaan koo hin du’u ture,” kan jedhe Abrahaam.

Haalli Feesbuuk ergaa jibbaa fi hokkora Afrikaa keessatti ittiin too’atuu baay’ee duubatti hafadhaa. Feesbook maxxansaa Itoophiyaa keessaa kan to’atu afaanota sadi duwwaadhaanii – Afaan Oromoo, Afaan  Amaaraa fi Afaan Tigree.

Haata’u malee, Meettaa ergaa dhaamsaa balleessuu fi to’annoo gochuurratti diinagdee baay’ee dhangalaaseera jedha. Ergaawwan jibbaa fi hokkora kaasan maxxansuun seerri ittiin bulmaata Meettaan kan hin eeyyamne ta’uu hojjataan dhaabbaatichaa himeera. Hojjattoota afaan gurguddoo sadan Itoophiyaa – Afaan Oromoo, Afaan Amaaraa, Af Somaali fi Afaan Tigree danda’an qacarree too’achiisaa jedheera.

Hojiin nageenyaa fi haqummaa keenya Itoophiyaa keessaa kan hogganamu yaada dhaabbatoota miti mootummaa fi dhaabbatoota idil-addunyaarraa sassaabnurratti hundoofneeti.  

Namoonni kuma dhibaabn lakkaawwaman sababa waraana Itoophiyaatiin kan du’an yoo ta’u 400,000 kan ta’e beellaaf saaxilamaniiru.

Himattoonni biroo Inistiitiyuutii Katibaa fi Fissahaa Takleeti. Fissahaan kufaatiin Feesbuukii waldhabdee kana irratti gabaasa mirga namoomaa, Aministii Intarnaashinaaliif hojjachuun akka hin danda’amne taasiseera  lubbuu maatii isaas balaaf saaxile jedha.

Feesbuukiin haala kana sirreessuuf tarkaanfii akka fudhatu manni murtii akka ajaju gaafachaa jiru, kanneen keessaa:

  • Miidhamtoota jibbaa fi jeequmsaa Feesbuukii irratti kakaafamaniif fandii doolaara biiliyoona 1.6 fi miidhaa walfakkaataa maxxansa ispoonsara ta’e irraa dhufuuf ammoo doolara miliyoona 400 dabalataan akka uumuu.
  • Algoorizimiin  isaa “qabiyyee kakaasu, jibbiinsaa  fi balaa qabu” akka  ittisuu gochuu
  • Qabiyyee  biyya keessaa hiikuuf ogeessota gahaa qacaruun, walqixxummaa mirkaneessuun tarreeffamaniiru. 

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.