Oduu: Bulchiinsi Ce’umsaa Tigraay humnoonni Eritraa raawwii waliigaltee nageenyaa danqaa jiru jedhe

Finfinnee Caamsaa 20, 2023 – Pireezidaantiin mootummaa ce’umsaa Tigraay Geetaachoo Raddaa humnoonni Eritraa kan hamma yoonaatti Tigraay keessatti argaman gareen Gamtaan Afrikaa raawwii waliigaltee gulaaluu fi mirkaneessuhojiisaa gaggeessuuf rakkachuu beeksise.

Miidiyaa naannoo Tigraay “Torban darbe keessa humnoonni Eritraa gareen gulaalaa Tigraay keessatti hojiisaa akka hin raawwanneef dhrkanii ture,” yeroo jedhu suursagalee mul’isu fuula Facebooirratti gadi lakkiiseera. Geetaachoon kana kan jedhe marii hoggantoota waraanaa biyyoota garaagaraa wajjiin Maqaleetti Caamsaa 19 godhameerratti ta’uu miidiyichi ibseera. .

Tigraay gadhiisanii akka bahanii fi buqqaatonnni gara gandootasaaniitti akka deeebi’aniif humnoonni Eritraa irratti dhiibbaa akka taasisaniif pireezidaantiichi hawaasa idiladdunyaa gaafateera.

Mootummaan Tigraay dirqama waliigaltee nageenyaarratti ibsame hojiirra oolchaa jira jechuun hawaasni idiladdunyaa waliigalteen kuni gama lamaaniinuu saffisaan hojiirra akka ooluuf hirmaannaa akka taasisan waamicha taasiseera.

Hoggantuun garee gulaalaa Gamtaa Afrikaa Meejar Jeeneraal Steefan Raadinaa akkaataa waliigaltee Priitootiyaatiin humnoonni Tigraay meeshaalee waraanaa gurguddaa dabarsanii laataniiru jechuun gareen isaanii humnoota raayyaa ittisa biyyaatiin ala ta’an jiraachuu mirkaneessuuf torban dhufu keessa gara lixaa fi kibba Tigraay ni imala jetteerti.

Bakka buutonni Gammtaa Afrikaa fi raayyaa Ittisa Itoophiyaa waliigaltee nageenyaa hojiirra oolchuuf kutannoo qabaachuu ibsuun dhaabbilee Tigaay waraanaan barbadaa’an deebisanii ijaaruu keessattis ni hirmaanna jedhan.

Sirni humnoonni Tigraay meeshaa waraanaa gurguddaa raayyaa Iittisa biyyaatiif dabarsanii kennuu Amajjii 10 raawwatamuu beeksisanii ture. Haata’u malee, humnoonni biyya alaa fi miseensa raayyaa ittisaa biyyaa Tigraay keessaa bahuun walqabatee homaayyuu hin dubbanne ture.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.