Oduu: Tajaajilli Tv waldaa qulqullootaa ‘Maabara Quddusaan Tv’ yeroodhaaf uggurame

Finfinnee Caamsaa 21, 2023 – Abbaan Taaayitaa Miidiyaa Itoophiyaa miidiyaa mana amantii Ortodooksii Tawaahidoo Itoophiyaa wajjiin hidhata qabu kan televiziyoonii waldaa qulqullootaa (maabara qudduusaan Tv) jedhamuun beekamu “ergaa hawaasa gidduutti hokkora kaasuu danda’u tamsaaseera” jechuun miidiyicha “yeroodhaaf” ugguruu beeksise.

Abbaan taayitaa kuni akka jedhetti, miidiyaan kuni tamsaasa Caamsaa 21, 2023 oduu ammee jechuun dabarseen ergaa hawaasa gidduutti hokkora uumuu danda’u tamsaasuunii fi marii Sinoodoosiin Itoophiyaa adeemsisaa jiru kan danquudha jedheera. Ergaan guyyaa sana darbe itti gaafatamummaa miidiyaatiin ala kan ta’ee fi seera uitiin bulmaata miidiyaa kan cabsee fi biyyattii guutuutti hokkora kaasuu kan danda’uudha jedheera.

Dhaamsi miiidiyichi tamsaase dhimma badii kaasuu kan danda’u waan ta’eef hamma boordiin abbaa taayitichaa walitti qabamee murtee dhumaa murteessuutti eeyyamni miidiyichaa uugguramee tura jedheera.

Taateen kuni waldhabdee yeroo darbe phaaphaasota Oromiyaa fi Siinodoosii itoophiyaa gidduutti uumameen hidhata kan qabuudha. Haata ‘u malee, qaamoleen lamaan waldhabdee ture karaa nagaatiin akkaataa seera ittiin bulmaata mana amantichaatiin mariidhaan furuu fi waliigaltee mallatteessuu ibsanii ture. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.