Oduu: Haleellaa magaalaa Boqojjiitti raawwatameen poolisoota lama dabalatee namoonni afur ajjeefaman

Finfinnee Caamsaa 23, 2023 – Godina Arsii magaalaa Boqojjiitti haleellaa hidhattoonni Jimaata darbe mana sirreessaa magaalattii keessatti argaman lamarratti raawwataniin poolisoota lama dabalatee namoonni afur ajjeefamuu jiraattonni Addis Standarditti himan.

Haleellaa kanaan poolisoonni lama, miseensi milishaa tokkoo fi waardiyyaan tokko ajjeefamuu jirattoonni mirkaneessaniiru.

Jiraataan eenyummaa isaa osoo hin ifoomsin Addis Standarditti hime tokko Jimaata darbe halkan keessaa sa’aatii 4:00 ALI irraa eegalee walitti dhukaasa cimaan magaalattii keessa turuu ibseera. Taateen kun kan mudate erga magaalaan Boqojjii kan atileetota beekamoo hedduu biqilchite torban darbe keessa fiigicha guddaa kan aanga’oonni mootummaa hedduu irratti hirmaatan qopheessitee boodadha.  

Jiraattota keessaa tokko dhukaasni cimaan sa’aatii 4 irraa eegalee turuu ibsuun hidhattoonni kunneen mana sirreessaa magaalattii keessatti argaman lama fi damee baankii daldala Itoophiyaa irratti xiyyeeffatanii ture jedheera. Haleellaa buufata poolisiirratti banameen poolisoonni lama, miseensa milishaa tokkoo fi waardiyyaan tokko ajjeefamaniiru. Hidhamtoonni saddeet bilisa baafamaniis jahaan isaanii deebisanii harka kennataniiru. Yaalii baankii daldala Itoophiyaa cabsuuf taasifamee kan ture ta’us hin milkoofne ture jedheera.

Dhukaasni yeroo dheeraaf garee lamaan gidduu sa’aatii 4:00 hamma sa’aatii torbatti ture irratti loltoonni kunneen garee adda addaatti qoodamuun haleellaa qindaa’aa raawwatanii ture jedhe jiraataan magaalittii kun. Haata’u malee, erga miseensonni humna raayyaa ittisa biyyaa magaala galanii booda hidhattoonni kunniin magaalattii gadhiisanii bahaa turan.

Manneen sirreessaa lamaan magaalattii keessa jiran – inni tokko magaala gidduutti kan argamu yoo ta’u inni kaanimmoo ganda baadiyyaa keessatti kan argamu ta’uu maddoonni odeeffannoo kunneen himaniiru.

Jiraataan mana sirreessaatti dhiyoon jiraadha jedhe tokko waraanni cimaa turuu adda baafadheera jechuun poolisoonni lamaa dhiiraa fi dhalaan ajjeefamuu adda baafadheera jedhe. Akkasumas, milishaa naannoo tokkoo fi waardiyyaan du’uu adda baafachuu himeera.

Jiraataan maqaasaa hin ibsine kun loltoonni kunneen gaarreen Gaalamaa fi Kaakaa Baha magaalattiittti argaman keessa jiraatu jedheera. Hidhattoonni kunneen “miseensota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) ta’uu danda’u’ jechuun gara magaala Boqojjii karaa  ganda Lamuu jedhamuun dhookatanii seenan jedheera.

Jiraataan biraa Saaamsoon [maqaan geeddarame] jedhamu “taatee sodaachisaa” jechuun haala ture ibseera. Namoonni afur ajjeefamuu himuun inni tokko rukutamee erga gara manasaa galee booda luubbuunsaa darbuu himeera.

Waldhabdeen kun turuus magaalattiin guyyaa kaleessa nagaa ooluu jiraattonni kunneen mirkaneessaniiru. Yaaliin qondaalota magaalattii dubbisuuf Addis Standard taasisee hin milkoofne. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.