Waa’ee gaara Washaa hayyoonni Oromoo itti miidhamanii maal beekna?

Caamsaa 23, 2023 – Gaarri Washaa godina Arsii Lixaa aanaa Adaabbaa iddoo addaa Masqalii jedhamutti argama. Balaan konkolaataa dhiyeenya kana hawaasa Yuunivarsitii Maddawalaabuurratti iddoo kanatti mudate lubbuu hayyoota hedduu galaafateera. Haata’u malee, balaan akkaan ulfaataa biroo hedduu iddoo kanatti mudachaa turuu fi lubbuu namoota hedduu galaafachuu jiraattonni naannichaa ibsan.

Jiraattonni naannichaa akka himanitti, Gaara Washaa kanatti balaan konkolaataa waggaa waggaan kan mudataa tureera. Hamma yoonaatti yeroo adda addaatti konkolaattonni adda addaa 32 hallayyaa gaara Washaa kanatti lixuun lubbuu namoota hedduu galaafachuu jiraattonni naannichaa mirkaneessaniiru. 

Waggaa darbe haala wal fakkaatuun minibaasiin tokko kufee imaltoonni keessa turan 18 hundi dhumuu jiraattonni akka fakkeenyaatti eeraniiru. Akkasumas, ji’a lama dura konkolaataan fe’aa qullubbii fe’ee imalaa ture iddoodhuma walfakkaataatti qilee kanatti lixee ture jedhan.

Hallayyiichi qilee guddaa waan ta’eef konkolaataa kufe guutumatti kan caccabsu yoo ta’u carraan imaltoonni lubbuun bahuu qaban baay’ee xiqqaadha ta’uus jiraattoonni himaniiru.

Jiraataan naannichaa obbo Siraaj Tamaam jedhamu akka ibsetti, iddoon addaa konkolaatonni hedduu itti kufan kuni rakkisaa ta’uu ibsuun akka sirreeffamuuf irra deddeebiin qaama dhimmi ilaallatuutti iyyataa kan turan ta’us dhufanii daawwataniii deemuun alatti tarkaanfii fudhatame kan hin turre ta’uu addeesseera.

Balaan guyyaa dheengaddaa hayyoota Yuunivarsitii Maddawalaabuurratti mudate akkaan ulfaataadha jedhan. “Inni si’ana mudate baay’ee ulfaataadha. Beektota sammuu namaa qaran itti dhabne waan ta’eef. Inni kuni miidhaa waggaa dhibbaa nutti uumeera,” Siraajiitu jedhe.

Jiraattonni kuni mootummaan yookiin qaamni dhimmi ilaaallatu ka’umsa rakkoo kanaa qorachuun karaa Gaara Washaa kanaaf furmaata waaraa akka kennu dhaamsa dabarsaniiru.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.