Oduu: Gareen Paartilee Mormitootaa qo’annoo haaromsa heera mootummaa irratti dhiyaate morme, biyya gara ‘jeequmsa caalutti’ geessa jedhe

Finfinnee, Caamsaa 23/2023 – Gareen paartilee siyaasaa mormitootaa kudhan of keessaa qabu kan “Caucus of Opposition Parties (CoP)” jedhamuun beekamu ibsa baaseen qorannoo dhiheenya kana dhaabbata imaammataa mootummaan deeggaramu, Inistiitiyuutii Qo’annoo Imaammataa (PSI) jedhamu, barbaachisummaa heera mootummaa irratti ifoomse akka mormu beeksiseera.

Gaafa Caamsaa 16, dhaabbatni yaada imaammataa mootummaan gargaaramu, Dhaabbata Qo’annoo Imaammata (PSI) qorannoo sabaaf sab-lammii guutuun hin dhagayiinii qopheesse gadhiise ture. Mata duree qorannicha “Heera mootummaa Itoophiyaa waggoota kurnan sadii booda fooyyeessuu fi maal akka fooyya’uu gaafachuu” jedhuun barreeffamni fuula 374 qabu kun magaalaa Finfinneetti mariif dhiyaateera.

“Baay’ee kan nama jeequ” kan jedhe CoP, “qorannoon jedhame kun tarree hawwii namoota muraasa kan kaa’ee, hunda caalaa immoo jalqabbii yeroon hin eegamnedha” jedheera.

Akkasumas “yeroo murteessaa seenaa biyya keenyaa kan waraanni dhiigaan dhangala’e reefuu xumuramee fi ammas Oromiyaa baay’ee keessatti waraana gidduu jirru kanatti waraqaan garaa garaa akkanaa ummataaf dhiyaachuun isaa waan nama gaddisiisu” jechuun ibseera.

CoP paartiilee mormitoota gurguddoo naannoo Oromiyaa fi Somaalee, kanneen keessaa Kongiresii Federaalistii Oromoo (KFO), Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) fi Adda Bilisummaa Biyyoolessaa Ogaaden of keessatti hammate, ibsa Addis Standarditti ergeen, humnoota siyaasaa biyyattiis ta’e hawaasa Itoophiyaa adda addaa gidduutti haaromsa heera mootummaa ilaalchisee “waliigaltee baay’ee xiqqaa” waan ta’eef, “waraqaawwan akkanaa dogoggorsuu qofa osoo hin taane, biyya keenya gara jeequmsa caalutti geessuu danda’u” jedhe.

“Biyyatti rakkoo dhuma hin qabne keessa kan galche ilaalcha ‘kophaa koo gochuu nan danda’a’ jedhu ta’uun isaa dagatamuu hin qabu. Waggoota kurnaniif lubbuun namoota miliyoonaan lakkaa’aman dhabanii fi miliyoonaan lakkaa’aman kanneen biroo qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru,” jedhe gareen paartilee moormitootaa kun.

Gareen paartilee moormitoota kun ajandaa haaromsa heera mootummaa dhiibuun mormuun, qaamota dhimmi ilaallatu hundaaf, haala Itoophiyaa jiruun, “marii biyyoolessaa dhugaa fi waliigaltee bu’uura bal’aa” humnoota siyaasaa biyyattii gidduutti akka taasifamu waamicha dhiyeesseera. 

Paartiin biyya bulchaa jiruu fi caasaan mootummaa gaaffii ummatoota biyyattii adda addaa yeroo ilaalu heera mootummaa amma jiru keessatti tumaaleen ‘mirga hiree murteeffannaa sabootaa, sablammootaa fi ummattoota Itoophiyaa’ akka mirkaneessus gaafateera.  

Qorannoon heera mootummaa Itoophiyaa fooyyessuuf dhaabbata Qorannoo mootummaan deeggaramuun gaggeeffame maaliif qeeqa isa mudate?

Abdii Biyyansaa fi Beekaa Atoomaa Boruutin

Qindeessitootni qorannoo kana waggaa lama akka fudhate kan himan yoo ta’u, kaayyoon isaas fedhii ummataan fooyya’iinsa heera Itoophiyaa amma jiru qorachuu, tumaa heera FDRE fooyya’uu danda’u madaaluu, dhimmoota hawaasummaa fi siyaasaa qorachuuf, kanneen fooyya’iinsa barbaadan, wantoota adeemsa fooyya’iinsaaf haala mijeessuu yookaan gufachiisuu danda’an tilmaamuuf, akkasumas muuxannoo fooyya’iinsa heera mootummaa biyyoota filatamoo ta’aan hubachuuf godhamedha jedhu.

Qorannoon kun tumaalee filatamoo heera mootummaa irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, seensa irraa eegalee mirga abbaa biyyummaa sabootaa fi sablammoota dabalatee mata dureewwan mirga garee waliin walqabatan irratti kan mari’atu yoo ta’u, keewwata 8 irratti “Aangoon abbaa biyyummaa hundi harkaa Saboota, Sablammootaa fi Ummatoota Itoophiyaa keessa jira” akkasumas dhimma Asxaa biyyoolessaa, Afaan hojii federaalaa, qophii federaalizimii sab-naannoo, keewwata 39 mirga hiree murteeffannaa sabootaa, dabalatee fi hanga biyyaa ofii ijaaruu fi dhimma magaalaa Finfinnee ibsa. Akkasumas qorannicha keessatti dhimma paartilee siyaasaa saba irratti hundaa’an waliin walqabatu hammatameera.

Haaluma kanaan, qorannichi akka jedhutti “saboota 83 Itoophiyaa keessa jiran irraa saboota 41 kan hirmaachisedha jedhu, Tigraay irraa kan hafe sabaa fi sablammoota naannoolee Itoophiyaa keessa jiraatan hunda irratti hirmaataniiru.”

Argannoowwan biroo keessaa, namoota qorannoo kanarratti hirmaatan 1123 keessaa %75 heerri Itoophiyaa amma jiru jijjiiramuu qaba jedhanii amanu jedha qorannichi ibsa isaa irratti. Namoonni gaaffii kanatti hirmaatan keessaa %48 Afaan Amaaraa malees afaan hojii federaalaaf Afaan dabalataa kan deeggaran yoo ta’u, %44 ammoo mormaniiru.

“Deeggarsi Afaan dabalataatiif godhamu harki guddaan namoota qorannoo kanarratti hirmaatan keessa naannoo Oromiyaa (%76), Somaalee (90%), Dire Dawa (96%), fi Harari (94%) irraati. Mormiin afaan dabalataa sadan guddaan akkaataa wal duraa duubaan Sabaaf Sab-lammii fi Uummatoota Kibbaa (%59), Sidaamaa (%58), fi Affaar (%56) irraa dhufu,” jedha qorannichi.

Caasaa sirna federaalaa biyyattii amma jiru yoo ilaalle, qorannoon kun akka mul’isutti “namoota deebii kennan harki caalaan (%54) haaromsa sirna sabaa fi naannoo irratti akka raawwatamu kan deeggaran yoo ta’u, “kan lakkoofsa xiqqaa hin jedhamine %38 kan deebii kennitoonni qorannoo sirni amma jiru akka hin tuqamne yaada isaanii kennaniiru.”

“Namoonni qorannicha keessatti sirna sab-naannoo amma jiru itti fufuu qaba jedhanii deeggaran baay’inaan Oromiyaa (%91), Somaalee (%66), fi sadaffaan naannoo Benishaangul Gumuz (%64) irraa kan dhufanidha. Hawaasni gurguddoon sirna sab-naannoo amma jiru akka fooyya’uu barbaadan Amaaraa (%78), Afaar (%77), Sidaamaa (%71) fi Ummatoota Kibba Lixaa (%70) dha,” jedha qorannichi.

Qorannoon kun mata duree haala falmisiisaa magaalaa guddoo Finfinnee jedhu irrattis qorannoo gaggeeffame kan hammate yoo ta’u, namoota deebii kennan keessaa dhibbeentaan 60 ol sadarkaa heera mootummaa magaalattii amma qabdu eeguuf akka deeggaran ibseera.

Ifoomuu isaa hordofuun qorannoon kun keessumaa aktiivistootaa fi hayyoota naannoo Oromiyaa irraa qeeqa cimaatu isa mudateera.

“Mala qorannoo, qorannoon kun fayyadame jalqaba irratti rakkoo qaba”, jechuun qorataa fi ogeessi federaalizimii kan ta’an Moonenuus Hundaarraa Addis Standarditti himaniiru. Itti dabaluun, deebii kennitoonni qorannichaa baay’inaan magaalota irra kan hirmaatanii keessattuu naannoo Oromiyaa irraa waan ta’aniif, akkasumas qorannoon kun Tigraay kan hin hammanne ta’uu isaatiif, baay’inni saamudaa fi bakka bu’iinsi saamuda teessuma lafaa hanqina mul’atu akka qabu hubachiisaniiru.

Qorataan fi ogeessi federaalizimii Moonenuus Hundarraa, itti dabaluunis, tumaaleen heera mootummaa qorannicha keessatti mari’ataman, deebii kennitoota qorannichaaf banaa taasisuu faallaa garee fedhii siyaasaa qabaachuu danda’uun dursanii kan murtaa’an ta’uu ibsaniiru. Akkasumas iccitii qorannichaa qeequun, “silaa waa’ee qorannichaa ummanni itti himamuu qaba ture, akkasumas dhimmicha irratti miidiyaalee fi qooda fudhattoota dhimmi ilaallatu gidduutti mariin taasifamuu qaba ture.” jedhu

Qorataan walabaa fi falmaa mirga namoomaa kan ta’e Girmaa Guutamaa akkasumas miseensa paartii mormituu Kongirasii Federaalistii Oromoo (OFC) kan ta’ee, qorannoon kun bakka bu’ummaa saamuda ilaalchisee “mudaa mala bu’uuraa” qaba jechuun argannoo fi mala qorannichaa qorate qeeqerra.

“Rifaarandamii waliigalaa Adoolessa bara 2019 irratti sagalee Eeyyee naannoo Sidaamaa ta’uuf kenname %98.5 kan nama dinqisiisu ture. Ta’us akka qorannoo haaraa kanaatti immoo, hirmaatonnii Sidaamaa irra %71 mootummaa naannoo isaanii haaraa hundeeffame akka diigammu akka barbaadan dubbataniiru,” jechuun Girmaan Feesbuukii isaa irratti barreesse.

“Ummanni Sidaamaas kan waggoota kurnan hedduudhaaf qabsaa’wwunii argatte, waggaa lamaa keessatti yaada isaanii akka jijjiiranni ibsaa qorannoon kun, kanaanis bu’uuraan firii qabsoo [isaanii] yeroo dheeraa akka dhiisan akka amannu yoo barbaadan malee, kun akkamitti hubatamuu danda’a?” jedhee gaafate.

Dura taa’aan Paartii Federaalistii Sidaamaa (SFP) fi gargaaraa piroofeesara seeraa Yunivarsiitii Hawaasaa, Obbo Eliyaas Tasammaa Addis Standarditti akka himanitti, qorannichi hanqina malaa qabuun alatti, bu’uura dogongoraa heera mootummaa akka madda jeequmsa siyaasaatti ilaaluu fi rakkoo nageenya Itoophiyaa keessatti ka’uu akka madda rakkootti ilaaluu isaatti jedha. Itti dabaluun, inumaayyuu maddi rakkoo heera mootummaa osoo hin taane heera mootummaa guutummaatti hojiirra oolchuu dhabuudha jedheera.

“Naannoo Sidaamaa keessatti %1 dhiisii %71 kan caasaa naannoo amma jiruun walii hin galle hin argattu,” jechuun Eliyaas qorannicha faallaa ta’ee hubachiiseera, kanaanis qorannoon kun ajandaa siyaasaa dursee murtaa’e irratti hundaa’uun kan raawwatamee fi  itti fayyadamu a daataa “bilcheefame” jedhu.

Qorannoon kun yaaliin mirga sabootaa fi sablammoota heera mootummaatiin mirkanaa’e ukkaamsuuf, akkasumas marii biyyoolessaa karoorfame dura seeneffama mooraa siyaasaa murtaa’e akka ajandaa olaantummaatti kaa’uuf yaaliin taasifamu ta’uu cimsanii dubbataniiru.

Qorataan siyaasa gaanfa Afrikaa Ameerikaa keessa jiraatu Yohaannis Woldemaariyaam (PhD) gama isaatiin qorannoon PSIn gadhiise mootummaan “ajandaa yeroo hin malle kaa’uun haasawa jijjiiruuf” akka waan siyaasa hamaa, hawaasummaa hamaa irraa gara biraatti jijjiiruuf yaalii godhe ta’uu amana fi haala diinagdee biyyattii.

“Foyya’iinsi yeroo hunda heera mootummaa hundaan ni danda’ama garuu haala Itoophiyaa keessatti fooyya’iinsa heera mootummaa irratti bobba’uu dura waliigaltee hawaasummaa haaraa mootummaa seera qabeessa hordofu barbaachisa,” jechuun hubachiisaniiru.

Hayyuu seeraa fi xiinxalaan siyaasaa magaalaa Melbourne keessa kan jiraatu Dr. Tsaggaaye Araarsaa gaaffii fi deebii Kush Media Network waliin taasisaniin, dhimmoota heera mootummaa irratti qorannoo gaggeessuu ilaalchisee aangoo PSI irratti gaaffii kaasaniiru.

“Inistiitiyuutiin Qo’annoo Imaammataa rakkoo heera mootummaa qorachuuf dirqama hin qabu, kanaa imaammata mootummaa qorachuuf dirqama qaba,” kana jedhee Tsaggaaye,itti dabaluunis qorannoo kana “ergama siyaasaa beektootanii deegaramee kan dhiyaate dha” jechuun yaada kenunu isaanii ni yaadatama..

Qabxiilee hedduu Obbo Tsaggaaye qorannicha qeeqe keessaa tokkoo dhiimmaa haroomsa heera yeroo isaa miti jechuuni. Itti dabaluunis “Yeroon fooyya’iinsa heera mootummaa sirrii miti, ce’umsi dimokiraatawaa foyya’iinsa heera mootummaa dura ta’uu qaba, mootummaan amma jirus fooyya’iinsa ykn haaromsa ykn fooyya’iinsa heera mootummaa gochuuf ga’umsa hin qabu.” jedheera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.