Faqqadaa Abdiisaa: Ajajaa garee finciltootaa “halleellaa saboota Oromoo fi Amaaraa irratti raawwatamu duuba jira” jedhame

Faqqadaa Abdiisaa, Suuraa: Miidiyaa hawaasaa

Finfinnee Caamsaa 23, 2023 – Miidiyaan Ameerikaa guddaan Waashingtan Poost jedhamu xiinxala bal’aa Caamsaa 21 maxxanseen ajajaa garee hidhattootaa kan ta’e Faqqadaa Abdiisaa saboota Oromoo fi Amaaraa gidduutti waldhabdee akka uumamuuf sababa ta’eera jedhe.

Waaashingtan Poost gabaasa isaatiin akka jedhetti, Faqqadaa Abdiisaa Waraana Bilisummaa Oromoo fakkaatee mootummaa Itoophiyaatiif basaasaa ture jechuun ergamaa garlamee (double agent) dha jedhe. Akka gabaasa Waashingitan Poostitti, Faqqadaan Kanaan dura miseensa WBO ta’ees hojjateera.

Faqqadaan bara 2000 dargaggeessa waggaa 18 ta’ee ABOtti makamuun gara Eertiraa deemee leenjii ji’a jahaa fudhatee ture. Sana booda ergama fudhatee Itoophiyaatti akkuma debi’een bara 2012 hidhame. Sana booda erga MM Abiy Ahmad gara aangotti dhufee booda dhiifamaan yakkamtoota kanneen biroo wajjiin bilisa bahee ture.

Sana booda Faqqadaan gara naannoo itti dhalatee godina Wallagga deebi’un garee hidhattoota gurmeessuun socho’uu eegale.

Loltoonni Faqqadaa godina Horro Guduruu iddoo Agamsa jedhamutti ganna darbe keessa dhalattoota saba Amaaraa hedduu ajjeechisiisuun dhalattoonni kunneen haloodhaaf deebi’anii dhufanii Oromoo akka ajjeesan godhaniiru jechuun jiraattota naannichaa irraa odeeffachuu Waashingtan Poost gabaaseera. Erga Faqqadaa fi hidhattoonni isaa achii sokkanii booda hidhattoonni saba Amaaraa haaloo bahachuuf jecha Oromoo 100 ol ajjeesuu jiraattonni addeessan.

Faqqadaan nama tokko haa ta’u malee jireenyi isaa hokkora Oromiyaa jeeqaa jiruuf sababa ta’eera jedhe. Faqqadaa fi loltoonni isaa kan shurrubbaa dheeraatiin beekaman ajjeechaawwan gara garaadhaan yakkamaa ta’uu jiraattota wabii gochuun Waashingtan Poost gabaaseera.

Af-gaaffiin bilbilaan Waashingtan Poost wajjiin taasiseen uummata Oromoo haleellaa saba Amaaraa fi mootummaa feederaalaatiin godhamuurraa tiksuufan qabsaa’a jedheera. Kana malees, himatawwan hannaa, buttaa fi basaasaa isarratti ka’an hunda waakkateera.

Himata jiraattonni naannichaa itti banan kan Faqqadaa fi loltoonni isaa Agamsaatti lammiilee nagaa ajjeesan jedhus dabalee”guutumman guutuuttii sobadha” jechuun waakkateera.

Waraanni Oromiyaa keessa ture kan lubbuun namoota hedduu galaafate wal waraansa Tigraay keessa tureen uwwifamee tureera jedhe gabaasni Waashingitan Poost. Rakkoon Oromiyaa keessa jiru kun tokkummaa Itoophiyaatiifis sodaaachisaa ta’uu ibse.

Akka Waashingitan Poost gabaasetti, Faqqadaan yaalii marii mootummaa fi WBO gidduutti kanaan dura godhame akka fashalaahuu taasiseera. Qaamolee lamaan gidduutti wal amantaan akka dhabamu taasisuu ibse. Kanaafuu, mariin dhiyeenya kana Taanzaaniyaatti taa’ame walhubannaa kan uume ta’us waliigaltee waraana dhaabuurra gahuun hin danda’amne. WBO’n gaaffileen siyaasaa kaase deebii akka argatu barbaadu ta’uu hogganaan WBO tokko addeesseera jedhee Waashigtan Poost barreesseera.

Faqqadaa fi WBO ‘Jaal Marroo’tiin hogganamu gidduutti waldhabdee ni jira kan jedhe Waashingitan Poost, WBO’n Faqqadaan mootummaa wajjiin hojjata jedheera. Amma Faqqqadaan garee hidhattootasaa wajjin bosona jira.

Waashingtan Poost xiinxala isaatiin akka kaa’eeti mariin nageenyaa WBO fi mootummaa gidduuttti deemaa jiru kan milkaa’u yoo ta’e Faqqadaa gareesaa wajjiin saamtuu ta’ee itti fufuu danda’a jedheera. Faqqadaan marii nageenyaa kanarratti bakka hin bu’amne.

Yaaliin qondaalota mootummaa dhimmichi ilaallatu dubbisuuf taasise hin milkaa’in hafuu Waashingtan Poost ibseera.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.