Oduu: Mootummaan diiggaa Masjidaa dhaabsisee rakkoo jiru mariin furuutti deebi’u qaba: MMDh Islaamummaa Naannoo Oromiyaa

Finfinnee, Caamsaa 24/2023 – Manni Maree Ol’aanaa Dhimmoota Islaamummaa Naannoo Oromiyaa dhimma diigamuu Masjiida magaalaa Shaggar keessatti raawwatamaa jiru ilaalchisee ibsa kaleessa Caamsaa 23 baaseen mootummaan diiggaa Masjidaa hatattamaan dhaabsisee rakkoo jiru mariin furuutti akka deebi’u, masjiidolee diigamanis ariitiidhaan bakka bu’aa seera qabeessa ta’e akka kennan cimsee gaafateera.

“Nuti akka Mana Marii Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Naannoo Oromiyaatti itti gaafatama guddaa Muslimoota Naannoo Oromiyaa waan qabnuuf yeroo baay’ee rakkoo kana dhaabsisuuf yaalii godhaa turre,” kan jedhe manni mariichi, qaama mootummaa naannoo Oromiyaa sadarkaa sadarkaan jiru qaamaafi xalayaadhaan dubbisuus gaaffii ummata Muslimaa kanaaf deebii kennuuf hayyamamaa hin taane jedhe. 

Biyyattii keessatti “masjinni kadhaafi maallaqa ummata Muslimaatiin argamaa ture malee karaa maastar pilaaniitiin kan kenname baay’ee muraasa, Maaster pilaanii magaalota biyyattii keessattis kan inni hammatamee bocame hin jiru jechuutu danda’ama. Garuu ummanni Muslimaa masjida malee guyyaa tokko buluu hin danda’u; guyyaatti salaataaf yeroo shan itti deddeebi’a. Gochi mana amantii diiguu kun ummata Muslimaa guutuu baay’ee dallansiisee jira; ummataafi mootummaas walitti buusuuf deema; maqaa gaarii biyya keenyaas ni ballessa,” jedhe.

Ijaarsa Magaalaa Shaggar yeroo ammaa raawwatamaa jiru keessatti mootummaan MMDh Islaamummaas ta’ee ummata Muslimaa osoo hin mariisisin Masjida diiguutti seenuun isaa ta’uu kan hin qabne; tuffii amantiis kan mul’isu, akkasumas burjaajjii nageenyaa kan fidu waan ta’eef rakkoon jiru mariin furamuu qaba jedhe. 

Mootummaan hatattamaan diiggaa Masjidaa hatattamaan dhaabsisee rakkoo jiru mariin furuutti akka deebi’u, masjiidolee diigamanis ariitiidhaan bakka bu’aa seera qabeessa ta’e akka kennan cimsee gaafateera. “Masjinni maastar pilaanii waliin akka wal galu gochuunis ga’ee warra pilaanii qopheessuuti; yoo dirqama bakkichi barbaadame marii bakka bu’oota Muslimaa waliin taasifamee bakka bu’aan masjidaaf kennamee inni sun kaafamuu qaba,” jedhe.

Mana Maree Ol’aanaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa dhimma kana ilaalchisee furmaata akka laatamuuf Caamsaa 18 MM Abiy Ahimadiif xalayaa ergeera. Pirezdaantiin Mana Marichaa Sheek Haaji Ibraahim xalayaa isaaniin akka ibsanitti, “..dhimmi diiggaa Masjiida bulchiinsi magaalichaa “seeraan ala” jedhee labse qofaaf dhimma salphaatti ilaalamu osoo hin taane, lubbuun jiraachuu amantii ummata muslimaa isa ijooti” jedhan. 

Xalayaa PMNO Shimallis Abdiisaatif erganiis deebii akka hin arganne ibsaniiru. Kanaafuu, MM Abiy Ahmad dhimma kana irratti furmaata waaraa akka laatan gaafataniiru. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.