KFO fi ABBO’n Adeemsi Marii Biyyaalessaa Walaba Miti, Bakka Bu’ummaa Hin Qabu Jedhan

Finfinnee, Guraandhala 5/2022- Paartileen mormitoota sadi Adda Bilisummaa Oromoo (ABO),Koongiresii Federaalawaa Oromoo ( KFO) fi Adda Bilisummaa Biyyaalessa Ogaaden (ABBO) adeemsi marii biyyaalessaa karoorfame hin beekamu[ABO], qaama walabaan hin filamne[KFO], bakka bu’ummaa hin qabu [ABBO] jedhan. 

Addis Standard  KFO fi ABBO’n waamicha mana maree bakka bu’oota uummataan dhiyaateef irraa akka hafanii fi ABO dhaaf ammoo waamichi akka hin taasifamne mirkaneeffate. Waamichi kun kaadhimamtoota marii biyyaalessaa gaggeessan irratti mari’achuuf godhame. 

Sadaasa darbe manni maree bakka bu’oota uummaataa labsii hundeeffama Komishiini Marii Biyyaalessaa raggaasisuun isaa ni yaadatama. Manni  maree bakka bu’oota uummaataa labsiin kun beekumsa biyyaa keessaa fayyadamuun furmaata waaraa ni fida, akkasumas duudhaalee hawaasaa walitti ni hidha jedhe. Manni marichaa hoggansa Komishiini Marii biyyaalessaa uummataan akka kadhimamuu fi mana maree bakka bu’oota uummaataatiin akka ragga’u eere.

Kaleessa Manni maree bakka bu’oota uummataa maqaa kadhimamtoota 42 Komishiina Marii biyyaalessaa gaggeessan basee jira.

Dura taa’aan KFO Pirofeessor Mararaa Guddinaa KFO’n waamicha dhiyaatef akka hin fudhatin Addis Standarditti himan. Dabaluunis “Qaamni marii biyyaalessaa gaggeesu walaba miti” jedhan. Kana malees KFO’n mariin biyyaalessaa  iftoomaa kan qabuu  fi hunda hammataa ta’uu isaa irratti mamii qabu waajjira muummicha ministeeraatiif xalayaan ibsee deebii hin arganne jedhan.

Itti gaafatamaan waajjira KFO Xurunaa Gamtaa gama isaanitiin xalayichi mamii KFO’n walabummaa Komishinii Marii Biyyaalessaa irraa qabu ibse. “Mariin biyyaalessaa kan hogganamuu qabu  qaama walaba ta’ee fi uummata akkasumas haawas idil addunyaa biratti fudhatama qabuni.  Haa ta’u malee mariin kun qaama manni maree paartii biyyaa bulchuun dhaalameen hogganamu paartilee mormitoota fi qaamolee hidhatanii socho’an waan hin hirmaachisneef  furmaata waaraa hin fidu.” jedha xalayaan waajjira muummicha ministeeraatiif ergame. Mootummaan mariidhaaf haala mijeessuuf miseensota KFO ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaa booda hidhaman Jawaar Mohaammad, Baqqalaa Garbaa fi Hamzaa Booranaa hikee jira.  

Itti gaafatamaan Sabqunnamtii ABO Lammii Gammachuu “Waa’ee Marii biyyaalessaa waan beeknu hin qabnu.Waamichi ABO dhaaf taasifame hin jiru.”jedhe.  Miseensotni KFO hidhaa irraa hiikamanis hooggantootni ABO hedduu hidhaa keessa fi achi buuteen isaanii dhabeetu jira. Miseensotni dhaabichaa hedduun mana murtiin bilisa ba’anis poolisiin deebisee hidhe. 

Dura ta’aan ABBO Abdi Mahdiiz gama isaatiin “Adeemsi Itoophiyaa keessa jiru maal akka fakkaatu filannoo irratti arginee jirra. ABBO’n torban darbe adeemsa Komishiini marii biyyaalessaa gaggeessuf haqa qabeessa jennee amannu tarreessun ibsa baasnee turre. Gaggeessitoota filachuun qaamota dhiimmi ilaallatu hunda hirmaachisuu qaba. Kan mul’ataa jiru dhiimmaa paartii tokkoo malee waan bakka bu’ummaa qabu miti.  Akka gamtaa dimokiraatawaa fedeeraalaa sabdaneessaatti miseenstoni ijoo ta’an keessaa dhiibamaniiru. Kanaaf abdiin marii dhugaa gaggeessanii haqa argachuu fi gaaga’ma siyaasaa furu gufatee jira. Paartii qofti gaaga’ama siyaasaa Itoophiyaan keessa jirtu hin hiiku.” jedhe.  Dabaluunis “Adeemsi qaamoleen qooda fudhatan fedhii uummata bakka bu’anii itti calaqqisiisan yoo hin jiraanne ABBO’n dhimma marii biyyaalessaan kam irrattuu hin hirmaatu.” jedhe. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.