Dhaabbatni Albuudaa Oromiyaa Warqii Kg1,600 fi Tantalamii Toonii 20 Baasuuf Karoorfate

Suuraa: FBC

Finfinnee, Guraandhala 4/2022-Aksiyoonni Albuudaa Oromiyaa bara hojii kanatti warqii Kiiloogiraama 1600 ta’u Adoolaatti oomishuun biyya alaatti erguuf qophii xumuree jedhe. Dhaabbatni kun birrii miliyoona 400 ta’uun hojii maashinaroota galchuu hojjataa jiras jedhameera.

Aksiyoonni Albuudaa Oromiyaa mootummaa naannoo Oromiyaa fi inveestaroota biyya keessaan kan hundeeffame yoo ta’u Meedirookitti aanee,dhaabbata guddaa albuuda warqee baasuu 2ffaa ta’a. Haa ta’u malee Meedirook oomisha warqii Laga Dambii bara 2017 irraa jalqabee sababa faalama naannootiin eeyyamni isaa qabamuun oomisha akka dhaabu taasifamera. Guutumaaguututti hojii keessa galuu haa  baatuu malee  bara 2021,  dhaabbatichi eeyyamaa hojii isaa  deebifachuutu himama.

Hoji gaggeessaan dhaabbata Albuudaa Oromiyaa Tasfaaye Taaddasaa akka jedhanitti, pirojeektiin albuuda warqii baasuu godina Arsii Adoolatti argamu bakkeewwan  albuudaa baasuuf dhaabbatichaaf mootummaan kennaman keessaa isa tokko. Dhaabbatichis bara kana birrii miliyoona 700’n hojii babal’isuu hojjachaa jiraachuu ibseera.

Itoophiyaan waggaa shan duraa warqii Kiloogiraama 12,000 alatti ergaa kan turte yoo ta’u  bara 2018\2019 tti gara Kg 820tti gadi bu’eera.  Meedirook waggaatti giddu galeessaan warqii  Kg 4,000 kan oomishu yoo ta’u kanneen hojii harkaan hojjatan ammoo waggaatti warqii Kg 8000 walitti qabu. Haaluma Kanaan galiin Itoophiyaan gama kanaan biyya alaatii waggaa 5 dura argataa turte doolara Ameerikaa miliyoona 600 irraa bara 2018\19tti gara doolara ameerikaa miliyoona 28tti gadi bu’eera.

“Bara kana bakkeewwaan addaa addaatti hojii oomisha albuuda baasuu jalqabuuf qophiirra jirra. Pirojeektoota tokko tokko keessaa seenuufis hojjataa jirra. Itoophiyaa keessatti humna seektara albuudaa keessatti al tokkotti, pirojeektota adda addaa irratti hirmaachisuuf nu dandeessisu kuufanneerra.”jechuun Tasfaayeen barruu ripporteritti hime.

Dhaabbatichi hojii warqii baasuun alatti, hojii Taantalumii Koorporeeshiinii Albuudaa Peetirooliyaamii fi baayoogaazii Itoophiyaatin hin milkaa’iin kan hafe, Taantalumii toonii 20  oomishee fi alatti erguutti dhiyaatera.  ,  

Dhiyeenyatti dhaabbatichii birrii miliyoona 269 baasuun, dhagaa cilee toonii 352,800 irratti hojjachuuf Ministeera Albuuda waliin walii galtee taasiseera. Kanaanis  Dhaabbatichi bakka Albuuda dhagaa cilee baasuu ,Oromiyaa bahaa Yaayyootti argamu fudhateera.

“Kana dura dhagaa cilee dhiqamaa biyya keessatti oomishaa turre, haa ta’uu malee,  maashina dhagaa sana miiccu kireeffannee ittiin hojjataa waan turreef bu’aa dhabnee hojicha dhaabuuf dirqamne.Amma garuu maashinootaa dhagaa kana miiccaan kan keenya fidnee jirra.” jedha Tasfaayeen.

Albuudni  Warqii Tulluu  Kaappiis ( Tulu Kapi Gold Mine ) Naannoo Oromiyaa  magaalaa Ayiraa Gullisoo irraa gara bahatti  km 28 fagaate kan argamutti Warqii toonii 15 akka qabu tilmaamame baasuuf Ministeera Albuudaa Itoophiyaa irraa ji’a amajjii keessa oomisha eegaluuf eeyyama argatee ture .  

Naannoo Oromiyaa godinaalee 21 keessatti albuudni gosti 48 kan akka Albuudotni dhagaa qaalii, Albuudota faayaa, albuudota galtee industirii fi kanneen biroon keessuumaa godinaalee wallaggaa fi naannoo Adoolaa keessatti baay’inaan akka agraman Abbaan Taayitaa Misooma Albuudaa Oromiyaa beeksisuun isaa ni yaadatama. 

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.