Ministeerri Barnootaa Sagantaa Digrii Jalqabaa Hundaaf Qormaata Bahumsaa Eegaluufi

Bitaa Pirof. Biraanuu Naggaa, Suuraa: Ministeera Barnootaa

Finfinnee- Dhaabbilee Barnoota Olaanoo keessatti qulqullina barnootaa fooyyeeuuf Sanagtaalee Barumsa digrii jalqabaa  hundaaf qormaata Bahumsaa akka kennuu akka eegalu Ministeerri Barnootaa ibse. Ibsi kun kan kenname marii Pirof. Biraanuu Naggaa, Ministeera Barnootaa fi pirezidaantota Dhaabbilee Barnoota Olaanoo wajjiin taasifame irratti. 

Akka ibsa ministeera barnootaatti mariin kun wixinee caaseffama Yuunivarsiitiiwwan Mootummaa qophaa’e irratti xiyyeeffate. Wixineen kun Dhaabbileen Barnoota Olaanoon itti gaafatamummaa akka qabaatanii fi raawwii isaani kan dabalu ta’uun eerameera. 

Pirof. Biraanuun bara barnootaa dhufuu eegalee qormaatni bahumsaa sagantalee digirii jalqabaa hunda irratti kennamuu ni eegala jedhe. Qormaatni kun dhaabbilee dhuunfaas kan ilaallatu ta’uu eeruun  Yuunivarsiitiiwwan Siyaasa irraa bilisa ta’uu qabu jedhe.  Dabaluunis Yuunivarsiitiiwwan kaayyoo isaanii akka galmaan gahanii fi iddoo beekumsaa, qorannoo akkasumas kalaqaa akka ta’an  sirreeffamni caasaa eegale kun ga’ee guddaa qaba jedhe.

Pirof. Biraanuun “Yuunivarsiitiiwwan jireenya hawaasa keessa jiranii jijjiiruuf kayyoo isaanii adda baafachuu qabu.” jedhe. 

Wixineen caaseffama Yuunivarsiitiiwwan Mootummaa hirmaattotaaf dhiyaatee irratti mari’atameera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.