Wallagga Bahaa fi Lixaa Keessatti Namootni 250,000 Gargaarsa Nyaataa Barbaadu

Finfinnee, Guraandhala 1/2022-Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Biiroon Qindeessa Dhimmoota Namoomaa (UNOCHA) ibsa Amajjii 31/2022 baaseen walitti bu’insi lixa Itoophiyaa jiru baay’ina namoota gargaarsa barbaadanii dabale jedhe. 

Godinaalee Wallagga Bahaa, Wallagga Lixaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti tasgabbiin dhabamuun isaa namoota hedduu qe’ee irraa buqqise jedha gabaasichi. Wallagga Bahaa fi Lixaa keessatti buqqaatotni fi kan buqqa’anii deebi’an namootni 250,000 gargaarsa nyaataa akka barbaadan agarsiisa ragaan dhaabbatichaa. Haa ta’u malee sababa rakkoo nageenyatiin gargaarsi dhaqqabaa hin jiru jedha UNOCHA’n. Kana malees namootni 37,000 ol ta’an manaa fi gargaarsa nyaataan alaa barbaadu jedha gabaasichi. Erga Amajjii 2021 tii namoota gargaarsa barbaadan keessaa walakkaa qofatu qargaarsa argate. 

Qorannoon hanqina nyaataa daa’immanii fi haadholii harma hoosisaniif taasifamu sababa walitti bu’insaatiin gadi bu’us hanqinni nyaataa daa’immanii fi haadholii haala yaaddessaa keessa akka jiru gabaafame. Barattootni kumaatamootaan lakkaawwaman barumsa addaan kutuuf akka dirqaman gabaasichi ereera. 

Gama biraatiin hongeen Oromiyaa godinaalee Baale, Baale Bahaa, Booranaa, Gujii fi Gujii Lixaa keessatti haammaatee jira. Haaluma kanaan dhiibbaan hongeen horsiisee bultoota fi qonnaan bultoota irratti fidaa jiru bal’achaa jira jedha gabaasichi. Qorannoon godina Harargee Bahaatti taasifameen namootni 627,000 aanaalee 11 keessa jiraataan dhiyyeessii bishaanii hatattamaa barbaadu. Hanga ammaatti loon 260,000 ta’an hongeen du’aniiru. Kunis namootni miliyoonotan lakkaawwaman beelaaf akka saaxilaman taasisee jira. Hongeenis barbattootni barumsa akka addaan kutan akka taasisee eerameera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.