Godina Gujii Lixaatti Hidhamtootni Labsii Yeroo Muddaamaan hidhaman ammas hidhaa keessa jiraachuu himan

Maahlet Faasil tiin

Finfinnee, Amajjii 31/2022- Namootni dhibbaa ol ta’an labsii yeroo muddamaa jalatti  ji’oota dheeraaf godina Gujii lixaa buufata Poolisii Bulee Horaatti hidhamanii akka jiran Addis Standarditti himan. Hidhamtootni kunneen qaamolee hawaasa iddoo adda addaa irraa  qabaman akka ta’an himatu. Namootni hidhaa keessa jiran kun gaaffii tokkollee akka hin gaafatamne akkasumas mana murtiitti hin dhiyaannee jedhu. Hidhamtootni maatii irraa fagaatanii jiran nyaata dhabanii rakkoo cimaa keessa akka jiran dubbatu. Namootni  hedduu Labsii yeroo muddamaa keessa kan qabamanii buufatalee birootti hidhaman gadi lakkifamaniiru, nuti hidhaa keessatti hafne jedhu. 

Bulchaan  godina Gujii Lixaa Jambaruu Abbabaa waa’ee hidhamtootni  gaafatamee “Namoota 96 labsii yeroo muddamaa keessa qabaman haala seerri eeyyamuun hiiknee jirra. Namootin amma hidhaa jiran namoota Waraana Bilisummaa Oromoo(kan mootummaan shanee jedhee waamu) waliin hidhata qaban malee labsii yeroo muddamaa wajjiin wal-hin qabatu.” jechuun deebii laate. Dabaluunis gareen kun godinicha keessatti yeroo garaa garaatti tarkaanfii akka fudhate eeruun miseensotni garee kanaa  fi  namootni isaan gargaaran too’annoo jala oolanii qoratamaa jiru jedhee Addis Standarditti hime. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.