Kaaba Itoophiyaatti namootni miliyoona 9.4 gargaarsa barbaadu, uummata Tigraay keessaa harki 40 beelaf saaxilaman

Finifnnee, Amajjii 28/2022– Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Biiroon Qindeessa Dhimmoota Namoomaa (UNOCHA) ibsa baaseen Kaaba Itoophiyaatti namootni miliyoona 9.4 ta’an gargaarsa barbaadu jedhe. Dhaabbatni Nyaata Addunyaa(WFP) uummata naannoo Tigraayi  jiru keessaa harki 40 hanqina nyaataa hamaaf saaxilamaniiru jechuun ibsa baase. 

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Biiroon Qindeessi Dhimmoota Namoomaa (UNOCHA) haala gargaarsa namoomaa  kaaba Itoophiyaa ilaalchisuun ibsa baase. Haalli jireenya namootaa ulfaata ta’uu eeruun,  namootni miliyoona 9.4 ta’an gargaarsa barbaadu jedhe ibsa isaatin.

Dhaabbatni Nyaata Addunyaa(WFP) gama isaatiin uummata naannoo Tigraay jiru keessaa harki 40 hanqina nyaataa hamaaf yoo saaxilaman harki 83 ammo nyaataan kan of hin dandeenye ta’uu ibse.

Dhabbileen gargaarsa namoomaa sababa hanqina dhiyeessii, boba’aa fi mallaqaatin  hojii naannoo Tigraay keessatti hojjatan Gurraandha irraa kaasanii dhaabuuf ni dirqamu jedha gabaasni UNOCHA. Daa’imman hanqinaa nyaatatiin miidhaman wal’aanuf kan oolu qorichis ta’ee nyaatni akka hin jirre eerera. Kana malees naannoo Affaar keessatti daa’imman 60 ol ta’an maatii malee argamaniiru jedha gabaasichi. 

Walumaa galatti daa’immanii fi haadholiin  miliyoona 1.6 ta’an Tigraay keessatti,daa’immanii fi haadholiin  miliyoona 1.4 ta’an naannoo Amaaraa keessatti  fi daa’immanii fi haadholiin kuma 800 Affaar keessa jiran waldhaansa ittisaa fi waldhaansa hanqina nyaataa barbaadu jedha gabaasichi. Naannoo Tigraayitti daa’imman kuma 56 ta’an, hanqina nyaataa hamaadhaaf saaxilamaniiru. Daa’imman kuma 460  fi haadholiin kuma 307 ta’an nyaata dabalataa barbaadu jedha gabaasni UNOCHA.

Daa’imaan Tigraay waggaa shanii gadii 13% fi walakkaan haadholii ulfaa fi harma hoosisanii hanqina nyaataan miidhamaniiru jedha gabaasni Dhaabbata Nyaata Addunyaa.

Barreessaan Mootummoota Gamtoomanii Antoniyoo Guteeres qaamoleen waraana keessa jiran gargaarsi namoota miidhaman akka dhaqqabuuf haala mijeessu fi gargaaru qabu jedhe. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.