Naannoo Oromiyaatti hongeen namoonni 800,000, walitti bu’insaan namoonni miliyoona Afurii ol ta’an rakkoof saaxilaman

Finfinnee, Amajjii 27/2022-Godinaalee Oromiyaa saddeet keessatti hongee muudateen namootni kuma 800fi 244 gargaarsa akka barbaadan Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaafi Kaatota Misoomaa Oromiyaa beeksise. Kana malees Sababa walitti bu’insaatiin namootni 4,976,981 rakkoof saaxilamaniif gargaarsa midhaan kuntaalli 1,587,694 fi qarshii miliyoonni 51 fi kumni 755 raabsamuu komishinichi ibse. 

Komishinarri Komishiniichaa  Musxafaa Kadir, dhimmicha ilaalchise Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatti akka himetti, sababa hongeetiin Godinalee Oromiyaa saddeet keessatti namoonni kuma 800fi 244 beelaaf saaxilamaniiru jedhe.Hongeen uumamees baatilee sadiif akka turu ibse.

Komishinichi sababa hongeetiin  beelladootni du’uu beeksiseera. Mootummaan horiin godinaalee kanneen keessatti argaman sababa hongeen akka hin miidhamne hojjechaa jiraatus rakkoo jiru humna mootummaa qofaan furamata kan hin arganne ta’uun isaa yaaddoo akka uume himameera. Kana malees mootummaan Godinaalee 21 fi bulchiinsi magaalaa 18  nyaata horii akka oomishaniif qajeelfamni kennamuu eere.

Hanga ammaatti mootummaan lubbuu namaa baraaruuf midhaan nyaataa kuntaalaa kuma dhibba 1 fi kuma 97 fi 896 lammiilee godina Boorana sababa hongeen miidhamaniif dhiyeessuus himaniiru.

Mootummaan Federaalaa gama isaatiin naannoowwaan Hongeen miidhamaan keessatti namootni beelaan akka hin duunef birmannaa  cimaan akka taasifamu beeksise. Dhimma Haala yeroo Ilaalchisuun ibsa kan kennaan Ministirri Kominikeeshinii mootummaa Laggasaa Tulluu(PhD),  Hongee cimaa Naannoo Oromiyaa fi Somaalee keessatti muudateen rakkoon namaa fi beeladarra ga’aa akka jiru dubbate.

Rakkoon kun beeladootaa fi jiraattota irrattis miidhaa caaluu utuu hin qaqqabsiisiin haala ittin dandamachiuun danda’amu irratti mootummaan, qaamolee sadarkaan jiran waliin tumsa jalqabe cimsee kan itti fufu ta’uu hime. Kessumaa Naannolee gammoojjii, iddoowwaan hongeen irra deddeebiin muudatu irratti rakkinicha hundeerraa furuuf akka hojjatamus ereera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.