Mootummaan Federaalaa Somaaliyaa, Adda Bilisummaa Biyyaalessaa Ogaadeen(ONLF) Shorokeessummaan jalaa baase

Mohaammed Huseen Rooblee
Suuraa: Aljaziira

Finfinnee, Amajjii 24/2022-Mootummaan Somaaliyaa, Adda Bilisummaa Biyyaalessaa Ogaadeen  (ONLF)Itoophiyaa Wagga afur dura  Shorokeessummaan ramadee ture kaase . Mootummaan Federaalaa Somaaliyaa Dilbata darbe akka beeksisetti,  murtee  waggoota afuriin  dura Adda Bilisummaa Biyaalessaa Ogaadeen Itoophiyaa shororkeessummaan ramadee ture haquu beeksisera jechuun The East African Gabaase.

Murteen asiin duraa, mana maree ministeerotaa, Ministira muummee duraanii Hassan Alii Kahireetin durfamuu kan “Adda Bilisummaa Biyyaalessaa Ogaadeen shororkeessummaan ramadee seeran ala “ jedheera.

Kanaanis Moqadishootti ,walga’iin kaabinee Ministira muummee Mohaammed Huseen Roobleen durfamu, murticha haquun hojiirra akka oolchu beeksiseera.  Tarkaanfiin kunis hariiroo Somaliyaan Somaali Itoophiyaa waliin qabdu cimsuuf kan fudhatame ta’uutu himame.

Akka ibsa Mootummaa Somaaliyaatti hogganaan olaanaa dhaabichaa Abdikarim Sheek Muse Aliyaas Qalbidhagah,  Adoolessa 28, 2017 qondaaltota mootummaa Itoophiyaatti dabarfamee  kennamuun heera mootummaa Somaaliyaa keessumaa keeyyata 4ffaa fi labsiiwwaan seera adabbii yakkaa kan cabse ture jedheera. Somaaliyaan Itoophiyaa wajjiin waliigaltee hidhamtoota dabarsanii kennuu akka hin qabne yaadachiisera. 

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.