Oduu: Itoophiyaatti kan hidhame lammiin US Tashitaa Tufaa hatattamaan akka hiikamu maatiin gaafatan

Finfinnee, Mudde 31/2022– Jiraataa fi lammiin Ameerikaa Tashitaa Tufaa kalesssa Mudde 30/2022 buufata xiyyaaraa Booletii qabamuu kan eeru ibsi maatiin Tashitaa Addis Standard’f ergan, namni kun hatattamaan akka gadi lakkiifamu waamicha dhiyeesse.

Tashitaan nama daldalaa, lammii isaa gargaaruu fi hawaasa isaas kutannoon tajaajilu kan jedhe ibsichi Tashitaan haadha isaa akkasumas adaadaa isaa dhukkubsattu gaafachuu gara Itoophiyaa imales jedha. Hidhamuun isaa matii isaa bira darbee Hawaasa Minisootaa hedduu miidha kan jedhan maatiin Tashitaa hidhamuun isaatiin baay’ee gaddinee jirra jedhan.

Hawaasa miidiyaa hawaasaa irratti sagaleen isaaf ta’aa dinqisiifatanii ilaalchi siyaasa hidhamuu isaan waal-qabatee calaqqisu garuu maatii isaa akka bakka hin buune himan.

Qaama dhimma ilaallatu waliin ta’uun Tashitaa gara matii isaa deebisuuf kan hojjatan ta’uu ibsanii namoonni isaan gargaaruu fedhan Imbasii Ameerikaa Finfinnee jiru akkasumas Miseensota Senetii, Kongiresii fi bakka bu’oota biroo qunnamuun Tashitaan akka hiikamu gumaachuu danda’us jedhan.

Hidhamuun abbaa qabeenyaa Tashitaa Tufaa erga dhagaahamee as namoonni hedduun marsaalee hawaasaa irratti akka gadi dhiifamu gaafataaa jiru.

Imbasiin Ameerikaa Finfinnee jiru sababa ayyaana bara haaraatiin guyyoota muraasaaf cufaa waan ta’eef yaaliin Addis Standard hidhamuu Tashitaa irratti yaada argachuuf taasise hin milkoofne.

Gama mootummaa Itoophiyaatiin qaamni hidhamuu Tashitaa Tufaa ilaalchisee yaada kenne hin jiru. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.