Pirojektii Loomii -Itoophiyaatti sirna maallaqa walitti qabuu fayyaa jalqabaa waggoota 5 keessatti yaalii baqaqsanii hodhuu jireenya jijjiiru 20,000 raawwachuuf kaayyeffate

Naatinaa’eel Fiixeetiin @NatieFit

Finfinnee, Muddee 30/2022 – Addunyaa irratti namoonni hedduun sababoota adda addaatiin tajaajila fayyaa argachuu dhabuun hamma du’aatti rakkoo guddaa keessa jiraatu. Haalli kun Itoophiyaa dabalatee biyyoota galii gadi aanaa qaban keessatti hammaataadha.

Dhukkubsattoonni, keessattuu kanneen baadiyyaa jiran, sababoota hanqina maallaqaa baasii wal’aansa fayyaa isaanii ittiin uwwisan dhabu, fageenya buufataalee fayyaa, wal’aansa sirrii ta’e argachuu dhabuu, rakkoo bulchiinsa gaarii, dabaree yeroo dheeraa fi dhuma hin qabneef irra deddeebiin saaxilamu fi rakkoo afaanii irraa kan ka’e wal’aansa isaan barbaachisu argachaa hin jiran.

Dhugaa baasii eegumsa fayyaa qaala’aa dhukkubsattoota irratti ba’aa ta’e jiru salphisuuf, Dhaabbanni tola ooltummaa ‘Fayyaa fi Abdii Dhalootaaf’ jedhamu, “Pirojektii Loomii”, marsariitii dhimma fayyaa irratti xiyyeeffatee maallaqa walitti qabu fi Itoophiyaa keessatti isa jalqabaa ta’e, dhaadannoo mammaaksa Itoophiyaa “Loomiin shantama 50, nama tokkoof ba’aa, nama shantamaaf faaya” jedhuun hundeessuun, Onkoloolessa 5, 2022 irraa eegalee hojii eegale.

Dhaabbatni Fayyaa fi Abdii Dhalootaaf, dhaabbata miti-mootummaan boordiin hogganamu Guraandhala, 2022 Abbaa Taayitaa Dhaabbilee Hawaasa Siivilii Itoophiyaan galmaa’ee sadarkaa namummaa seera kan argate, akkasumas biyya Ameerikaa Kaalifoorniyaatti korporeeshinii bu’aadhaaf  hin hundeeffamne ta’ee galmaa’eedha.

Dhaabbanni kun Pirojektoota Loomii fi marsariitii maallaqa walitti qabu of jalattii kan hogganu yoo ta’u, hundeessitoota dhaabbatichaa lama keessa tokko kan Fayyeeraa Abdii dabalatee miseensota boordii sagal, garee hoggansa adda addaa, boordii gorsaa yaalaa fi ambaasaaddarootaan ergama hospitaalota biyya keessaa waliin ta’uun yaalii baqaqsanii hodhuu fi wal’aansa fayyaa jireenya jijjiiru, qulqullina olaanaa qabu fi bilisaa ta’e argamsiisuuf hundeeffame.

Haayiluu Fantaa Dullumee, nama haati manaa jalaa duute fi abbaa ijoolleeti. Haayiluun kanaan dura wal’aansa baqaqsanii hodhuu ijaa jireenya jijjiiru argachuu kan hin dandeenye yoo ta’u, duula Pirojektiin Loomii jalqabe dhaga’ee qe’ee jireenya isaa magaalaa Finfinnee irraa kiiloo meetira 80 fagaatu irraa dhufe. Ijoolleen isaa yeroo sanitti abbaan isaanii dandeettii arguu ija isaa dadhabuu qofa beekan, beeksisa waamicha duula wal’aansa baqaqsanii hodhuu kana dubbisanii garasitti akka deemu taasisan. Duula kanaaf erga isa waliin dhufanii booda, yeroo hunda mul’ata isaa kan miidhaa ture moora ija isaa haguugee ta’uu hubatan. Qorannoon tarkaanfii jalqabaa furmaata isaati. Garuu Itoophiyaa keessatti irra caalaan qorannoon tarkaanfii isa dhumaa godhame ilaalama. Haayiluuf wal’aansa akkamii akka isa barbaachisu ifa ta’us, yaalii baqaqsanii hodhuu kanaaf humna maallaqaa hin qabu. Haayiluun carraa qabeessota kanneen duula baqaqsanii hodhuu Pirojektii Loomii keessatti galmaa’an keessaa tokko ture. Yaalii baqaqsanii hodhuu gaggeeffameef booda jijjiirama ajaa’ibaa agarsiiseera.

Haayiluun akka copha galaana keessaati. Guyyaa guyyaan kanneen kumaatamaan lakkaa’aman sababa dhukkuba ijaatiin jaamaa ta’u. Itoophiyaatti namoonni agartuu dhaban miliyoona 1.2 ol kan jiran yoo ta’u, walakkaan isaanii dhukkuba haguuggii mooraa xiyyeeffannoo hin arganneen ijaa badu. Baqaqsanii hodhuu jireenya jijjiiru kana eegaa kan jiran namoota 900,000 ol ta’an jiru. Baay’een isaanii baqaqsanii hodhuu jireenya jijjiiru kana gochuu hin beekan ykn humna maallaqaa hin qaban.

Dirribaa Girmaa, daa’ima waggaa lamaa yoo ta’u, maatii isaaf mucaa tokkicha. Hidhii cite waliin dhalate, hawaasa keessatti namoonni hedduun akka abaarsaatti ilaalu ture. Furmaanni salphaatti argamu danda’u sun waan hin argamneef ture. Maatiin isaa furmaata baqaqsanii hodhuu kana hin beekan turan. Baqaqsanii hodhuu bilisaa akka tasaa dhugoomuun kan danda’amu ta’us, baasii geejjibaas ta’e hospitaala turuu hin danda’an ture. Haala kanaan Pirojektiin Loomii daawwannaa jalqabaatiif ambulaansii qopheesseefi gara hospitaalatti geessuun bilisaan ogeessi Baqaqsanii Hodhuu Pilaastikii gahumsa olaanaa qabuun yaalii baqaqsanii hodhuu akka argatu taasise.

Akkuma Haayiluu fi Dirribaa, lammiileen Itoophiyaa hedduun yaalii baqaqsanii hodhuu jireenya jijjiiru kana argachuuf quba hin qaban yookaan humna maallaqaa hin qaban. Hedduun isaanii hospitaalota mootummaa keessatti dabaree isaanii eeguun waggoota dabarsu.

Hundeessitoota Proojaktii Loomii keessa tokko  Dr. Yaraa’iyfiree Silashii Addis Standarditti akka himetti pirojektichi rakkoo gama kanaan guutummaa biyyattii keessatti mul’atu hundee irraa buqqisuu fi hawaasni galii gadi aanaa qabu yaaddoo baasii tokko malee tajaajila fayyaa isaan barbaachisu akka argatan gochu kaayyeeffateera. Pirojektichi hospitaalota biyya keessaa, keessattuu dhaabbata obboleewwan pirojektichaa kan ta’e fi magaalaa Holotaa keessatti kan argamu hospitaala Saglan Waajee, waliin ta’uun tajaajila wal’aansa baqaqsanii hodhuuf haala mijeessaa jira.  

“Waggaa lama dura akka mala hawaasa keenyaaf deebisuutti duula hubannoo uumuu jalqabne. Namoota rakkoo ijaa qaban gara hospitaala keenya dhufanii yaala bilisaa akka argatan afeeruudhaan yaalii baqaqsanii hodhuu haguuggii mooraa fi optaamolojii raawwachuu jalqabne. Haalli sun namoonni hedduun sababa hanqina maallaqaatiin dhukkuboota yaalamuu danda’an waliin akka jiraatan akka hubannu nu taasiseera. Kanaafuu, jalqabbii kun haala itti fufiinsa qabuun akka itti fufuuf, sochii tola ooltummaa keenyaan alatti, dhaabbata tola ooltummaa michoota biyya keessaa fi idil-addunyaatiin maallaqaan gargaaramu hundeessuun barbaachisaa ta’uu amanne. Kanaaf dhaabbata Fayyaa fi Abdii Dhalootaaf jalatti pirojektii Loomii fi marsariitii maallaqa walitti qabun Loomii jalqabne,” jedhe.

Utubaan maallaqa walitti qabuu Fayyaa fi Abdii Dhalootaaf, lommi.org, afaanota biyya keessaa fi idil-addunyaa shaniin: Ingiliffaa, Afaan Amaaraa, Afaan Oromoo, Afaan Ispeenii and Afaan Arabaatin hojii kan eegale yoo ta’u, kunis projektichi bal’inaan gara arjoomtoota garaa garaa bira gahuuf fayyada. Marsariitiin pirojektichaa kaffaltii biyya keessaa fi idil-addunyaa kan fudhatu yoo ta’u, karaa sadii fayyadamtoota bira ga’uuf kaayyeeffate: karaa miidiyaa hawaasaa, daawwannaa qaamaan baadiyyaatti taasifamu, keessumaa guyyoota gabaa, fi karaa hospitaalota michuun fayyadamtoota bira gahuuf kaayyeeffate.

”Yeroo kamiyyuu hospitaala mootummaa keessa yoo ilaallu hammi namoota dabaree eegan nama rifachiisutu jira. Namoonni tajaajila baqaqsanii hodhuu argachuuf waggootaaf tarree eegan jiru. Inumaayyuu namoonni tokko tokko dabaree isaanii eeggachaa du’u. Fakkeenyaaf, namni hanga nuti argannutti waggaa torbaaf dabaree eege jira. Kanaaf warri waggootaaf hospitaalota mootummaa keessatti tarree eeggachaa turanii fi baasii wal’aansa isaanii baasuu hin dandeenye, dhufanii yaala gahaa nurraa akka argatan waamicha goona,” jedha Dr. Yaraa’iyfiree.

Guraandhala bara kanaa Abbaa Taayitaa Dhaabbilee Hawaasa Siivilii Itoophiyaa irraa seera qabeessummaa erga kennameefi booda, adeemsa kaffaltii dijitaalaa baankota biyya keessaa waliin jalqabsiisu fi sababoota biroo irraa kan ka’e guutummaatti gara hojiitti seenuuf yeroo fudhateera jedha Dr. Yaraa’iyfiree. ”Baankota biyya keessaa Itoophiyaa keessatti hojjetan waliin sirna kaffaltii dijitaalaa jalqabuun rakkisaadha. Yaalii yeroo dheeraa booda dhumarratti baankonni fudhachuu waan didaniif eegaluu hin dandeenye. Hanga karaa dijitaalaan maallaqa walitti qabu jalqabnutti ofuma keenyaan tajaajila baqaqsanii hodhuu bilisaa kennaa turre.”

Tajaajilli yaalaa kun dhukkubsattootaaf kaffaltii malee kan kennamu ta’uu kan hime Dr. Yaraa’iyfiree, dhibbeentaa 50 karaa marsariitii lommi.org irraa, 20% gargaarsa arjoomtoota biyya keessaa fi idil-addunyaa irraa, 30% ammoo dhaabbilee michoota kan akka baankota, dhaabbilee telekoomii, warshaalee dhugaatii fi kanneen biroo irraa walitti qabuun akka danda’amu hime. 

Inni kun akka sirnoota maallaqa walitti qabuu biroo karaa miidiyaa hawaasaatiin walitti qabaman hordofuun rakkisaa miti jedha Dr Yaraa’iyfireen, odeeffannoo jiru hunda ummataaf ifa ta’uu fi hordoffiif salphaa ta’uun isaa sirnoota maallaqa walitti qabuu kaan maallaqni walitti qabame itti fayyadama yaalaaf akka oole ragaa ragaa hin qabne caalaa itti fufiinsa akka qabaatu taasisa, maallaqni kun itti fayyadama yaalaaf akka oolu ragaa hordoffii ykn ragaa hin qabne . “Arjoomtoonni hundi maallaqni isaanii garamitti akka deemu fi dhukkubsattoota galii gadi aanaa qaban akkamitti akka gargaare arguu danda’u. Arjoomtonni deeggarsa isaanii itti fufuuf mirkaneessa akkanaa waan barbaadaniif, viidiyoo fi ragaalee adeemsa hunda hanga bu’aa dhumaa agarsiisuu danda’an marsariitii keenya irratti ni maxxansina.”

Yeroo ammaa kana pirojektiin maallaqa walitti qabu kun ammallee guutummaatti hojii kan hin jalqabne ta’us, ji’oottan saddeet darban keessatti namoota 1,300 ol gargaareera jedha hundeessaan Pirojektii Loomii Dr. Yaraa’iyfiree. “Erga hayyama keenya argannee booda ofuma keenyaan hojjechaa turre. Haala kanaan tajaajila baqaqsanii hodhuu, gorsaa fi hubannoo uumuu dabalatee namoota 1,349f tajaajila bilisaa kennine. Amma garee qindeessinee guutummaatti hojiitti seenaa jirra.”

Dr. Yaraa’ifireen pirojekticha dhugoomsuu keessatti gufuuwwan isaan mudate wayita ibsu, adeemsa sirna maallaqa karaa dijitaalaan jalqabsiisu irratti gufuun akka isaan mudate fi haalli kaffaltii dijitaalaa biyyattii rakkoo guddaa ta’uu Addis Standarditti himeera. “Baankota biyya keessaa hedduu waliin hojjechuuf yaalle, nuuf hin milkoofne. Baankota kanneen keessa herreega baankii bananii maallaqa walitti qabu qofa malee tajaajila kaffaltii dijitaalaa argachuun hin danda’amne. Kunis baankota biyya keessaa irratti duubatti hafummaa akka jiru nutti agarsiise. Boodarra abdii osoo hin kutatin yaalii goonee kan biyya keessaaf Telebirr waliin hojjechuu dandeenye. Amma Telebirr fi PayPal waliin hojjechaa jirra.”

Itti dabaluudhaanis dhaabbata inshuraansii yaalaa Iffooy jedhamu hundeessuuf adeemsa irra akka jiran beeksiseera. ”Kanneen tajaajila wal’aansa argachuuf baasii isaanirra barbaadamu baasuuf humna kan qaban, garuu tajaajila qulqullina qabu argachuu barbaadan jiru. Akkasumas namoonni baay’een sadarkaa jireenyaa giddu galeessaa gadi aanaa keessa kan jiran waan ta’aniif baay’een isaanii kaffaltii raawwachuu hin danda’an. Kanaaf, namoota baasii eegumsa fayyaa isaanii baasuuf humna hin qabne gargaaruuf mala wal’aansaa Iffooy jedhamu hundeessineerra. Malli wal’aansaa kun namni tokko waggaatti birrii 1,200 qofa kaffalee kaffaltii dabalataa kaardii, altiraasaawundii, laabraatoorii fi kanneen biroo malee tajaajila hospitaala keenyatti akka argatu kan dandeessisudha. Kunis Baankii Biyyoolessaa Itoophiyaa biratti galmeessuuf adeemsa irra jira” jedhe.

Hundeessaan dhaabbata Fayyaa fi Abdii Dhalootaa kan ta’e Dr. Yaraa’iyfiree Silashii, tarsiimoo dhaabbata isaanii; yeroo waggaa 5 keessatti yaalii baqaqsanii hodhuu lubbuu jijjiiru 20,000 raawwachuu, warra gargaarsa barbaadaniif yaala fayyaa qulqullina olaanaa qabu kennuu, akkaataa eegumsa fayyaa hawaasaaf barsiisuu, duula fayyaa dursanii ittisuu gaggeessuu, ogeessota eegumsa fayyaatif barnoota fayyaa itti fufiinsa qabu mijeessuu fi dhaabbilee eegumsa fayyaa cimsuu jedhan galmaan ga’uuf abdii qabu ibseera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.