Oduu:Lakkoofsi godaantota sababoota rakkoo diinagdee, walitti bu’iinsa fi jijjiirama qilleensaatin Itoophiyaa irraa gara Jibuutii, Yaman imalan dabalaa jira:IOM 

Finfinnee, Muddee 29/2022 – Lakkoofsi godaantota karaa bahaan Itoophiyaa irraa gara Jibuutii imalan dabalaa akka jiru Dhaabbata Godaantota Idil-addnyaa (IOM) beeksise. Hanga Sadaasa bara 2022tti godaantonni gara Jibuutii seenan 120,136 kan galmeesse yoo ta’u, kunis kan Caamsaa 2022 ture irraa dhibbeentaa 66n dabaleera. Gadaansa kanaafis rakkoo diinagdee, walitti bu’iinsa fi jijjiirama qilleensaa akka sababaatti kaaseera, IOM.

Daandiin Bahaa kun sochii namoota Itoophiyaa irraa karaa Jibuutii ykn Somaaliyaa fi Somaaliyaa irraa Galaana Diimaa ce’anii gara Sa’udii Arabiyaa fi biyyoota galoo galaana birootti imalan kan hammatedha. Amajjii fi Onkoloolessa bara 2022 gidduutti sochiin godaantotaa karaa kanaan godhame 206,000 ol galmaa’eera. Namoonni harki caalaan isaanii (84%) sababa dinagdeetiin kan ba’an yoo ta’u, kaan ammoo sababoota waldhabdee fi jijjiirama qilleensaan ta’uu kaasu. Godaantonni karaa bahaa imalan keessaa harka sadii ol dubartoota, dhibbeentaan jaha daa’imman, dhibbeentaan 18 ammoo godaantoota daa’immanii  kophaa imalani.

Akka gabaasa dhaabbatichi baaseen, dhaabbatichi jalqaba waggaa 2022 irraa eegalee hanga Sadaasa bara 2022tti godaantonni gara Jibuutii seenan 120,136 kan galmeesse yoo ta’u, kan Caamsaa 2022 ture irraa dhibbeentaa 66n dabaleera. Lakkoofsi kun Guraandhala 2022 hanga Onkoloolessa 15 bara 2022 gidduutti hojiin hordoffii yaa’a erga addaan citee booda lakkoofsa kanneen Itoophiyaa irraa gara Somaaliyaatti qabatamaan godhame irraa baay’ee gadi aanaadha.

Kana malees, bara 2022tti baatii Amajjii fi Onkoloolessa gidduutti namoonni gara Yaman galan yeroo walfakkaataa bara 2021 waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu dachaa ol kan dabale yoo ta’u, bara kana namoonni 53,401 ol bidiruudhaan gara Yaman imalaniiru jedha gabaasni IOM.

Hongeen Gaanfa Afrikaa keessatti itti fufiinsaan muudachaa jiru dandeettii hawaasni biyyoota godaantotni kun itti imalan jiru godaantota kunneenin akka hin deeggare gochaa jira. Hongeen amma itti fufe jiru kun miseensonni hawaasa keessummeessitoonni akka ofiillee godaanan dirqisiisuuf carraa qaba. Akka IOM jedhutti, bara 2022 godaantotni dhibbeentaa 28 naannoolee Itoophiyaa hongeen miidhame irraa bahuu isaanii hubatameera.

Hanga Fulbaana bara 2022tti godaantonni 44,241 biyyoota qaxxaamuraa keessatti kan qabaman yoo ta’u, isaan keessaa godaantonni 1,069 Jibuutii keessatti, godaantonni 172 Somaaliyaa keessatti, 43,000 Yaman keessatti ukkaamfamaniiru. Godaantotni kun imala isaanii karaa bahaan taasisan hundaan lafa garmalee ho’a ta’e irratti miilaan keessa waan deemaniif kunis bishaan qaama keessaa hir’achuu, hanqina nyaataa, dhukkuba (kan akka koleeraa/garaa kaasaa cimaa) fi dadhabbiin kan isaan mudatu yoo ta’u, kunis gargaarsa lubbuu baraaruu hatattamaa akka isaan barbaachisu taasisa.

Godaantonni marsaa imala isaanii hunda keessatti balaa eegumsaa kan isaan mudatu yoo ta’u, kunis daldala namaa, hojii humnaa/kaffaltii hin qabne, sochii humnaa, hidhaa fi miidhaa qaamaa fi sammuu, dararaa fi gudeeddii dabalata. Yaman keessatti waldhabdee yeroo dheeraa waggaa saddeettaffaa isaa keessatti argamuun walqabatee yaaddoon eegumsaa hammaataa ta’ee itti fufee jira.

Bara 2022tti Pirojektiin Godaantota Badanii IOM godaantota 47 karaa bahaa irratti badan ykn du’an galmeessee jira. Haa ta’u malee, kunniin du’a karaa bahaa irratti ifatti galmaa’e qofa waan ta’eef lakkoofsi kun kana caala baay’ee dabaluu hin oolu.

Dhaabbatni Godaantota Idil-addunyaa (IOM) gabaasa Sadaasa bara 2022 baaseen lakkoofsi godaantota Itoophiyaa keessaa bahan ji’a Fulbaana keessa ture (baay’inaan naannoo Amaaraa, Oromiyaa fi Kibba irraa) wal bira qabamee yoo ilaalamu ji’a Onkoloolessa keessatti daballii 3% agarsiiseera. Godaantonni kunneen irra caalaa sababa dinagdeetiin (%84) kan imalan yoo ta’u, haata’u malee, godaantota Tigraay ilaalaman keessaa walakkaan isaanii sababa walitti bu’iinsaan godaanu. 

Daangaa Itoophiyaa – Sudaan irratti, sochiin gara Sudaan taasifamu Fulbaana irraa dhibbeentaa 9 kan dabale yoo ta’u, ji’a lammaffaaf walitti aansuun karaa kana irratti sochiiwwan gara Sudaan taasifaman sochiiwwan gara Itoophiyaa taasifaman caalaa baay’inaan mul’ataniiru. Namoonni karaa kanaan Itoophiyaa keessaa bahan harki caalaan isaanii Amaaraa (30%) fi Oromiyaa (%25) irraa kan dhufan yoo ta’u, irra caalaan isaanii gara Sudaan (25%) kan qajeelan ta’us, 16% gara Awurooppaa deemuuf yaada qabu. 

Daangaa Itoophiyaa fi Keeniyaatti ji’a Onkoloolessa keessa sochiin taasifamu 56% dabaleera. Sochiiwwan kunneen irra caalaan isaanii Oromiyaa (39%) fi Kibba (38%) irraa kan madde yoo ta’u, gara Naayiroobii (29%), Marsaabit (17%), Waajir (7%) fi Mandeeraa (7%)tti godhamu. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.