Oduu: Miseensonni Bakka Bu’oota Ummataa Rakkoon nageenyaa Oromiyaa karaa nagaan akka furamu gaafachuu itti fufan 

Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa
Suuraa: Tiksaa Nagarii/Rooyiters

Finfinnee, Mudde 29/2022 – Miseensotni mana maree bakka bu’oota ummataa ammas rakkoon Oromiyaa keessa jiru karaa nagaan akka hiikamu irraa deebiin gaafachuu VOAn gabaaseera

Mariin pirezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa, ministeerota federaalaa kan naannoo Oromiyaarraa filataman, ogeessota miidiyaa fi sab-qunnamtii , hoggantoota paartii fi Miseensonni mana maree Oromiyaa irraa filaman waliin Kibxata darbe taasifmauu gabaasichi ni eera.

Miseensa mana maree bakka bu’oota ummataa fi hirmaataa marichaa kan ta’e Tolaa Hayiluu akka jedhetti, rakkoon nageenyaa kuni goodinoota Wallaggaa afran, Shawaa lixaa, Shawaa Bahaa aanaalee Fantaallee fi Boosat, Godina Gujii, Goodina Baddallee fi Iluu Abbaa Booraa keessatti gaaga’aman namoomaa guddaa qaqqabsiiseera.  

Kana malees rakkoo nageenyaa Oromiyaa keessa jiru kan jiraattota gaaga’ama namoomaa fi hiyyummaaf saaxilaa otuu qonni watii gannaa bara 2015 hin darbin karaa nagaatiin akka furamu miseensonni bakka bu’oota ummataa qaama hojii raawwachuu gaafachuu hima.

Akkuma walitti bu’iinsi loltoota Tigraayii fi mootummaa gidduu ture mareedhaan karaana nagaatiin furame kan Oromiyaatis furmaata akka argatu miseensonni mana maree kunneen gaafataniiru. 

“Mootummaan qaamolee dhimmi ilaallatu hidhatee Oromiyaa keessa socho’aa jiru wajjiin maree akka taasisu gaafataniiru. Akkamitti fi eessatti akka mari’atan mootummaan fi gareen hidhattootaa murteessu qabu. ” jedha Tolaan.

Miseensa mana maree bakka bu’oota ummataa kan taate Beeteel Malkaamuu akka VOAtti himteetti, “Qaamolee hidhannoo hiikachuun karaan nagaatiin mariif dhufan kamiyyuu ni simata,” jechuun rakkoo jiru karaa nagaatiin hiikuuf yaada kan qabu ta’uu nuuf ibseera jette.

Walakkeessa baatii Muddee keessa miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummata Itoophiyaa naannoo Oromiyaa irraa filataman, siyaasa har’aa Itoophiyaa keessatti wantoota akka ija jabinaatti fudhataman gochuuf haamileessuun; Af-yaa’ii mana maree fi MM Abiy Ahimadiifi koreewwan dhaabbii mana maree adda addaatiif xalayaa nageenyi waaraa naannoo Oromiyaatti akka jiraatu gaafatan dhiyeessaniiru. Xalayaan isaanii kun qabxiilee kudhan kan of keessaa qabu yoo ta’u, isaan keessaa tokko adeemsa nagaa Tigraayitti raawwatame fakkaatu Oromiyaa keessatti akka gaggeeffamuuf gaaffii dhihaateedha. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.