Oduu:Poolisiin haleellaa boombii Adaamaatti nama tokko ajjeessee 7 madeessee namoota raawwatan jedhee shakke 11 too’anoo jala oolche

Magaalaa Adaamaa, Suuraa: Miidiyaa Hawaasaa

Geetahun Laggasaatiin @Birmaduu2

Finfinnee Mudde 28/2022 – Dhoohinsa boombii galgala Muddee 27 goodina Shawaa Bahaa magaala Adaamaa hooteela Hatrick Jaamboo Haawus jedhamuun beekamu keessatti raawwatameen namni tokko du’uu fi torba madaa’uu qajeelchi poolisii magaala Adaamaa Addis Standarditti hime.

Miseensi qajeelcha poolisii magalattii Addis Standard dubbise akka jedhetti, haleellaan kuni kan raawwatame galagala keessaa naannoo sa’aatii lamaatti hoteela Haaatriik Jaamboo Haawus jedhamuun beekamu kutaa magaala Boolee keessatti. Namoota haleellaa kanaan shakkaman 11, dhiira sagalii fi dubartoota lama, to’annoo jala oolchuun qorannoon adeemsifamaa jiraachuu hime. 

Akka miseensi poolisiin kuni himetti, adeemsi qorannoo yakka kanaa akkuma xumurameen sababii yakka kanaa fi maaltu yaadame yakki kuni akka raawwatame  ummataaf ifa ni taasifama.

Akkasumas, biiroon sab-qunnamtii mootummaa naannoo Oromiyaa, ergaa fuula Feesbuukii irratti maxxanseen mani tokko du’uu himuun lakkoofsi namoota miidhamanii sadii qofa jechuun humnoonni nageenya namoota yakka kanaan shakkamuun too’ataman irraatti qorannoo gaggeessaa jiraachuu eereera.

Muddee 27, poolisiin magaala Finfinnee dhoohiins boombii mana dhugaatii kutaa magaalaa Lammii Kuraa aanaa 09 keessatti argamutti uumameen namoonni torba miidhamuun isaanii ni yaadatama.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.