Oduu: Godina Shawaa Bahaatti torbee tokko keessatti utubaan sibiilaa jaha saamtotaan muramaniiru 

Utubaa Sibiilaa kufe
Suuraa: Humna Elektirikii Itoophiyaa/Miidiyaa Hawaasaa

Finfinnee, Mudde 27/2022-  Naannoo Oromiyaa godina Shawaa Bahaatti sararri humnaa ibsaa Qooqaa-Awaash 2-Wanjii akkasumas sarara baabura Itiyoo-Jibuutiif humna ibsaa dhiyeessu Awaash-Malkasa-Walancitii irratti utubaawwan sibiilaa hatamuu fi barbadaa’uu  Dameen Opireeshinii Sarara Dabarsaa fi Buufata Raabsaa Humna Elektirikii Itoophiyaa beeksise.

Akka hogganaan Waajjira Suphaa Sarara Dabarsaa fi Faayibara Optikaalaa Naannoo Giddugaleessaa Gosayee Damissee jedhutti Mudde 15 bara 2015 utubaawwan afur sarara humnaa 132 KV dabarsuu qooqaa-Awaash 2-Wanjii irraa kaa’amanii irratti hanni raawwatameera.

Hogganaan kun tokkoon tokkoon utubaawwan buqqa’an keessaa sibiilli 60-100 akka hatame eeruun, utubaawwan kufan deebisuuf hojii bu’uuraa qofaaf birrii kumni  dhibbi shan akka barbaachisu ibseera.

Hogganaan suphaa sarara dabarsoo naannichaa Faqaaduu Baqqalaa akka jedhetti Muddee 12, 2015 sarara Awaash-Malkasa-Walancitii  irraa utubaawwan sibiilaa lama irratti miidhaan qaqqabuu ibse.

Akka Faqaaduun jedhutti, utubaa sibiilaa kuffisuu fi sararri tajaajila akka hin kennine gochuun alatti hanni tokkollee raawwatamuu dhabuun isaa, warri yakka kana raawwatan kaayyoo addaa akka qaban agarsiisa.

Sababa hanna utubaawwan sibiilaa irra gaheen Wanjii fi  naannoo sanatti humni ibsaa addaan citee ture, garuu naannoleen kun yeroof humna qooqaa irraa akka argatan taasifameera. 

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.