Oduu: Gaggeessaan Waldaa Haaromsa Finfinnee Mana Murtiitti Osoo Hin Dhiyaatiin Achi buuteen Dhabame – Maatii

Naatinaa’eel Fiixeetiin

Finfinnee, Adoolessa 18/2022 – Itti aanaa dura taa’aa Waldaa Haaromsa Finfinnee Heenook Dajanee torban tokko dura “haala yeroon walqabatee” jedhamuun qaamolee nageenyaan mana jireenya isaatii akka hidhamee fi ergasii torban tokko ol ta’us ammallee mana murtii akka hin dhiyaanne, inumaayyuu yeroo ammaa kana achi buuteen isaa akka dhabame maatiin Addis Standarditti himaniiru.

Akka miseensi maatii tokko Addis Standarditti himetti, Heenook Adoolessa 10, 2022 mana jireenya isaa irraa fudhatamuu dubbateera. “Jalqaba guyyaa san [Adoolessa 10] namoonni lama uffata siivilii uffatanii tika nageenyaa irraa dhufan ol seenuun akka inni uffata uffatu erga taasisan booda bilbila irraa fuudhanii sababa hidhamuuf osoo itti hin himin fudhatanii deeman,” jechuun haala ture ibsa.

Namootni kun yeroo isa fudhachuuf dhufan waraqaa ajaja mana murtii kan hin qabnee fi waraqaa eenyummaa tika nageenyaa ta’u isaani ibsu qofa akka itti agarsiisan hime. “Erga isa fuudhanii deeman booda deebi’anii Poolisii waliin isa qabanii dhufuun ajaja mana murtii malee mana jireenya isaa sakatta’an. Sakatta’iinsa kanaan alaabaa ABO fi suuraa Jawaar Mohaammad arganne jedhanii fuudhanii deeman,” jedhe. 

Haata’u malee sakatta’iinsi yeroo raawwatamu alaabaa Itoophiyaa fi kan ABO walbukkee taa’ee osoo jiru kan ABO qofa filatamee akka galmaa’e fi yeroo galmeeffamuus “alaabaa ABO shanee” jedhame akka galmeeffame, Heenook ammoo kana mormuun alaabaan mana isaa keessatti argame kan dhaaba siyaasaa seera qabeessa ABO malee kan biraa akka hin taane irratti barreesse mallatteessu isaa maatiin kun Addis Standarditti himeera.

Sana booda guyyaama sana gara buufata poolisii naannoo riqicha Adawaatti argamu, boodarra ammoo gara buufata poolisii kutaa magaalaa Eekkaa aanaa 7tti geeffame hidhamuu hime. Heenook Kibxata Adoolessa 12 mana murtii Lidataa dhiyaachuuf geeffamee osoo hin dhiyaatiin gara mana hidhaatti hanga deebifame. Hanga Adoolessa 12 tti, deddeebi’anii gaafachaa akka turan kan himu miseensi maatii kun, ergasii garuu achi buuteen isaa akka dhabame hime. 

“Kibxata namoota biroo waliin mana murtii si geessina jedhanii isa fuudhanii deeman garuu osoo hin dhiyeessiin gara mana hidhaatti deebisan. Bullee gaafa Roobii yeroo mana hidhaa dhaqnu galgala fuudhanii gara mana hidhaa Abbaa Saamu’eel jedhamuu geessan nuun jedhan. Achi deemnee gaafannaan gara Awaash 7 geeffamu hin ooluu kan jedhurra darbe odeeffannoo qabataamaa hin arganne,” jedhe.

Bultii dhaabbatee  ijoollee sadi kan hore Heenook hojjataa mootummaa ta’uu odeeffannoon maatii irraa argame ni mul’isa. Akka maatiin Addis Standard dubbise kun yaadachiisutti, Heenook kanaan dura si’a tokko hidhamee guyyaa tokkoon booda dogoggoraan akka hidhame itti hidhame gadi lakkifameera. Hidhaa ammaatin mana murtii osoo hin dhiyaatiin achi buuteen isaa dhabamuun hedduu yaaddoo keessa akka isaan galche himaniiru, maatiin. 

Waldaan Heenook gaggeessaa  jiru ‘Waldaa Haaromsa Finfinnee’ waldaa guddina aadaa fi duudhaa Oromoo irratti hojjachuuf danbii lakk.1113/2011 bu’uura godhachuun karaa seera qabeessaan beekamtii argatee Finfinnee keessatti kan hundaa’e yoo ta’u dabalataan hojii tola ooltummaa irrattis ni hojjata.

Waldaan Haaromsa Finfinnee gama isaatiin  Heenook  mootummaan gaggeessaa waldichaa kana haala fi bakka itti jiru akka beekisu, akkasumas dhimmi isaa ifatti adeemsa mana murtiitin akka ilaalamu ibsa Adoolessa 15 baaseen gaafateera. “Itti aanaa dura taa’aa Waldaa Haaromsa Finfinnee  Heenook Dajanee haga ammaatti sababa hin beekamneen mana isaaniitii butamanii eessa akka jiran maatii isaaniis ta’ee miseensonni waldichaa bakka inni  jiru waan hin beekneef baay’ee dhiphachaa jiru. Kanaaf mootummaan gaggeessaa waldaa keenyaa kan ta’an obbo Heenook Dajanee haala isaan itti jiranii fi bakka isaan jiran akka nutti himtan isin gaafanna. Akkasumas yakkas hojjatan yoo ta’e ifatti adeemsa mana murtiitiin akka ilaalamuu isin gaafanna” jedhe ibsichi. AS 

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.