Oduu: Walitti bu’iinsa daangaa Oromiyaa fi Somaaleetin kumaatamni Godina Baalee irraa buqqa’an; baay’een ammoo beelaan du’aniiru

Naatinaa’eel Fiixeetiin 

Finfinnee, Adoolessa 18/2022 – Walitti bu’iinsa daangaa naannoo Oromiyaa fi Somaaleetti uumameen jiraattoonni ganda tokkoo guutuu kumaatamaan lakkaawwaman buqqa’an. Jiraattoonni Godina Baalee Aanaa Gurraa Dhaamolee irraa buqqa’an akka jedhanitti “hidhattoonni” naannoo Somaalee irraa ce’anii dhufan gargaarsa namoomaa akka isaan hin qaqqabne fi gabaa akka hin gaggeessine karaa cufuun haleellaa raawwatu. Kun kanaan osoo jiru naannichatti yoo xinnaate namoonni 20 beelaan du’uu isaani jiraattoonni himaniiru.  

Akka DW Amharic gabaaseetti, aanichatti jiraattoonni ganda naannoo Somaalee waliin waldaangeessu ‘Okkoltuu’ irraa buqqa’anii aanaa Dalloo Mannaatti qubatan kuma 8 ol akka ta’u waajjira hoggansa sodaa balaa godinichaa (waajjira Buusaa Gonofaa) mirkaneesseera. Itti gaafatamaan waajjirichaa kan ta’e Wandimmaaganyi Kabbadaa akka jedhetti gandi Okkoltuu jedhamu kun bakka naannoo Somaalee waliin waldaangeeffamutti kan argamu waan ta’eef jiraattoonni walitti bu’iinsa daangaatin dararaa hedduuf saaxilamu.   

Jiraattoota Godina Baalee Aanaa Gurraa Dhaamolee irraa buqqa’an keessa tokko Hasan Ibroo Adam ‘DW Amharic’tti akka himetti, haleellaa hidhattoota naannoo Somaalee irraa dhufaniin irraan gahuun jiraattoota ganda Okkoltuu guutummaatti gara aanaa Dalloo Mannaatti kan buqqa’an yoo ta’u, jiraattoota gandoota jaha biroo irraa buqqa’an ammoo aanaalee Daawwee Qaachan fi Barbareetti illee kan qubatan akka jiran ibseera. “Waan amma nu mudate hidhattoota mootummaan naannoo 5 [Somaalee] duraa gurmeesse daangaa keenya ce’anii lafa keenya qotuun nu buqqaasu. Jiraataan ganda Okkoltuu guutummaatti buqqa’eera. Gandoota biroottis hanga kaleessa galgalaatti saamicha fi ajjeechaan raawwatamaa jira. Haleellichi baay’inaan galgala galgala kan gaggeeffamu yoo ta’u, meeshaalee kan akka dishqaa faa fayyadamu. Amma kan nu miidhe waa lama. Beeladoonni keenya sababa hongeen waan nyaatan dhabanii rakkachaa jirra. Kanarra darbe ammoo deeggarsi akka nuun qaqqabne karaan cufamee waan deeggarsaaf nu dhufu karaatti saamamaa jira. Sababa kanaan namni hundu waan qabatu qabatee buqqa’e. Ganda Okkoltuu keessatti namni hafee tokkollee hin jiru. Hunduu gara Dalloo Mannaatti buqqa’an. Jiraattoonni gandoota akka Qootuu fi Barkallee irraasbuqqa’anii gara aanaalee Barbaree fi Daawwee Qaachan godaanaa jiru,” jedhe.   

Akka buqqa’aan kun jedhutti, midhaan deeggarsaa baatii Ebla eegalee isaaniif ergamaa jiru karaatti hidhattootaan saamama. Namni hunduu gara gabaatti bahuuf karaa dhabanii akka turanii fi sababa kanaan namoota gara 20 ta’an sababa beelaan lubbuun isaani akka darbe hime. Kanneen rasaasaan rukutamanii ajjeefamanis hedduu akka ta’an hima, jiraataan haleellaa kanaan miidhame kun. “Karaan hin jiru. Namni haleelamaa jira. Hanga kaleessallee kanneen saamamanii ajjeefaman jiru. Gara iddoo Qarsaa Gabaabaa jedhamutti gabaa akka hin baane nu dhorkan. Ammallee bakka Caffaa jedhamutti namni haleelamaa jira. Marfamanii karaa ittiin bahan dhabanii kan du’anillee jiru. Rakkinichi gara gandoota jahaatti babal’ateera,” jedhe. 

Waldhabdee naannichatti uumame kun waan haaraa akka ta’e kan ibsu itti gaafatamaan waajjira Buusaa Gonofaa Godina Baalee kan ta’e Wandimmaaganyi Kabbadaa, jiraattoonni ganda Okkoltuu gadi bahanii gabaallee akka hin gaggeessine irratti shiruun uummata nagaa kan buqqaasan namoota dhuunfaa “fedhii siyaasaa” qaban akka ta’an ibseera. Yaaliin aanga’oonni mootummaa rakkoo kana hiikuuf godhan bu’aa akka hin buusnees himeera. “Ka’umsi rakkoo kanaa, gama naannoo Somaalee irraa daangaa ce’uun maqaa invastimantiin nama qubsiisuun lafa qotuu jira. Walitti bu’iinsi kun mul’achuu erga eegale gara baatii lama ta’eera. Rakkoo kana hiikuuf sadarkaa godinaatti hedduu dhamaanuus waan hin milkoofneef amma rakkoo hanga namni buqqa’utti ga’e. Keessattuu gandi Okkoltuu naannoo Somaaleen marfamte kan argamtu waan taateef, dhukaasa banuu fi midhaan deeggarsaa garas akka galle karaa cufanii samuu, darbees uummata buqqisuun fedhii naannicha to’achuutu jira. Uummata gidduu wal gaarreeffannaa akka hin uumamneef obsaan ilaaluuf murteessine turre. Hawaasni haala jiruun mufachuun Adoolessa 7 gara aanaa Dalloo Mannaa iddoo Burqaa jedhamutti buqqa’an. Amma iddoo kanatti abbaa warraa kuma 1 fi 38 ykn namoota 8,759 qubatanii argamu,” jedhe.  

Ammallee rakkinichi hundeerraa yoo hiikamu baate lakkoofsa buqqaatota dabaluu akka danda’u yaaddoo qabu kan ibse itti gaafatamaan waajjira buusaa gonofaa godinichaa, aanga’oonni naannolee lamaanii fi mootummaa federaalaa dhimmicha irratti giddu akka seenan gaafateera. “Ejjennoo rakkoon kun furamee hawaasni buqqa’ee gara qe’ee isaatti deebi’ee jireenya isaa itti fufuu qaba jedhu qabannee naannoleen lamaan akka irratti mari’atan gabaaasa dhiyeessaa turre. Yoo hammaate ammoo mootummaan federaalaatu gidduu seenee rakkoo kana hundeerraa furuu qaba. Ajjeechaa, namni gara gabaatti akka hin baane dhorkuu fi midhaan deeggarsaa akka hin qaqqabneef karaa cufuun nama beeleessu fi saamicha gama naannoo Somaalee irraa mul’atu dhaabbachu qaba, “ jechuun furmaata akka laatamu waamicha dhiyeesseera.  

Akka aanga’aan kun jedhutti jiraattoonni guutuu kan irraa buqqa’an ganda Okkoltuu irraa haata’u malee haleellaan raawwatamu kun hanga Gurraa Dhaamolee fi gandoota biroo kan bal’atedha. Lakkoofsaan ibsu baatuus walitti bu’iinsa kanaan walqabatee namootni hedduu ajjeefamuu eereera. Gama naannoo Somaalee irraa aanaan gandoota kana daangeessitu Haroo Dibbee murtoo uummataa dhuma bara 1990otatti gaggeeffameen Oromiyaa irraa gara Somaaleetti dabalamuu himama. Godina Baalee keessatti kan argamu Aanaan Gurraa Dhaamolee bakkeewwan gammoojjii hongee fi qaala’insa jireenyaa yeroo ammaa itti hammaachaa jirutti argama.   

Walitti bu’iinsa daangaa naannoo Somaalee fi Oromiyaatti irra deddeebiin uumamuun lubbuun lammiilee nagaa dhibbaan lakkaawwanii darbuu fi kanneen miiliyoona 1.2 ol ta’an ammoo qe’ee fi qabeenya isaani irraa akka buqqa’an kanaan dura Addis Standard gadi fageenyaan gabaasuun isaa ni yaadatama. Haleellichi mootummaa naannoo Somaalee duraanii Abdii Ileen durfamuun kan qindaa’e yoo ta’u, lubbuu fi qabeenya hedduu barbadeesseera. Kanneen buqqa’an ammallee gara qe’ee isaanitti osoo hin deebi’iin magaalota naannoo Oromiyaatti faca’anii argamu.  

Bara 2017 – 2018 keessatti walitti bu’iinsi akka waldhabdee daangaa xiqqootti kan jalqabame kun haleellaa ulfaataa humna addaa mootummaa Abdii Ilee gaggeesseen lubbuun namoota 734 akka darbe, namootni 395 akka madaa’an, namootni 39 ammoo achi buuteen isaani akka dhabame fi dubartoonni 13 irratti miidhaa saalqunnatii akka irra gahe Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa yeroos gabaasuun isaa ni yaadatama. Bara 2018 keessatti Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Waajjira Qindeessaa Dhimmoota Namoomaa (OCHA) fi Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Biyyaaleessaa namootni 1,073,764 ta’an sababa walitti bu’iinsa kanaan qe’ee isaanirraa buqqa’uu gabaasanii turan.

Kana malees baatii Onkololeessa bara 2021 keessatti walitti bu’iinsa Godina Harargee Bahaa, Aanaa Cinaaqsan bakka naannoleen lamaan daangaa waliin qabanitti uumameen namootni afur ajjeefamanii kanneen dhibbaatamaan lakkaawwaman qe’ee irraa buqqa’uu Addis Standard gabaasuun isaa ni yaadatama. 

Jiraattotni yeroos Addis Standard dubbise akka himanitti, hidhattootni naannoo Somaalee irraa daangaa ce’anii dhufan haleellaa jiraattoota irratti raawwataniin lubbuu fi qabeenya barbadaa’eera. “Rakkoon kun yeroo dheeraaf tureera, ittuma hammaachaa deeme. Haleellaa kanaan lubbuun namootaa darbeera. Gaaffiin keenya ajjeechaan kun yoom dhaabbatadha,” jedhe jiraataan tokko. Bulchaan Aanaa Cinaaksan yeroosii Abdulnasir Mohaammad gama isaatiin haleellaa kanaan abbaan warraa 600 ol akka buqqa’e ibsuun haleellichaaf humna addaa naannoo Somaalee itti gaafatamaa godheera. “Yeroo baay’ee haleellaa akkanaa duuba humna addaa naannoo Somaaleetu jira,” jedhe. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.