Oduu: ABUT Garee Mootummaa Itoophiyaa Waliin Mari’atu Hundeessuu Beeksise

Finfinnee, Adoolessa 19/2022 – Waraanni kaaba Itoophiyaa erga jalqabamee baatiilee 20 booda humnootni Tigraay mootummaa Itoophiyaa waliin marii taasifamuuf garee hundeessuu Dubbi Himaan Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT) Geetaachoo Raddaa madda oduu AFP‘tti himeera.

Ibsi dubbii himaa ABUT kenne kun erga qaamni mootummaa Itoophiyaa marii nageenyaa ABUT waliin taasifamu danda’u akka qoratuu itti gaafatamummaa laatameef walga’iisaa jalqabaa erga gaggeesse guyyoota muraasaan booda bahe. 

Mootummaan Itoophiyaa marii gaggeeffama jedhame kanaaf koree dura taa’ummaa Ministira Muummee Itti aanaa fi Ministira Dhimma Alaa Dammaqaa Mokonniniin durfamuu fi namoota torba of keessatti qabate hundeessuun hojii jalqabuu beeksisuun isaa ni yaadatama. 

Haata’u malee mariin ABUT waliin taasifamu kamuu dura taa’ummaa Gamtaa Afrikaatin qofa gaggeeffamu akka qabu ejjennoo isaa beeksise ture. Kana hordofee aanga’oonni ABUT bakka bu’aan gamtichaa Oluseeguun Obaasaanjoo “dhiyeenya” Abiy Ahimad waliin qabu eeruu fi komii gamticha irratti qaban kaasuun mariin kun Gamtaa Afrikaan akka durfamu akka hin barbaanne, inumaayyuu mariichi Pirezidaantii Keeniyaa Uhuruu Keeniyaattaatin akka durfamu akka barbaadan ibsaniiru.  

“Jila gara Keeniyaa erguuf qophoofna; garee miseensota olaanoo ta’an ijaarreerra,” jechuun AFP’tti kan hime Geetaachoon marii Gamtaa Afrikaatiin qofa hogganamu fudhachuuf akka karoora in qabne irra deebiin ibseera. “Adeemsa marii hunda Gamtaa Afrikaaf kennuun sirri miti,” jechuun mariin kamuu Uhuruu Keeniyaattaa of keessatti qabachu qaba jedhe. 

Wal waraansi kun namoota kumaatamaan lakkaawwaman beelaaf kan saaxile yoo ta’u, namoota miiliyoona lama ol buqqa’uun, kanneen miiliyoona sagal ol ta’an ammoo eegdoota deeggarsa nyaataa akka ta’an Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii ibseera. 

Dhuma baatii Bitootessa keessatti deeggarsa namoomaa akka qaqqabamuuf jecha labsii waraana dhaabu erga labsame booda waraanni naannichatti taasifamu dhaabateera. Haata’u malee Tigraay keessatti tajaajiloota murteessoo kan akka elektiriikii fi baankii waan hin jirreef hanqina nyaataa fi boba’aa mudachaa akka jiru dhaabbileen gargaarsaa ibsu. 

Getaachoon dhimmi iddoo mootummaa naannoo Amaaraa fi Tigraay giddutti gaaffii abbummaa irratti ka’u, yeroo ammaan kana humnoota Amaaraatin qabame jiru mariif kan dhiyaatu miti jedheera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.