Oduu: Manni Murtii Aanaa Buraayyuu Qondaalonni ABO Akka Hiikaman Murteesse

Alamituu Hoomaatiin @alemituhoma

Finfinnee, Adoolessa 19/2022- Manni Murtii Aanaa Buraayyuu iyyannoo qaamabilisa baasuu (Habeas corpus) qondaalonni ABO afran Mikaa’el Baqqalaa, Daawit Abdataa, Lammii Beenyaa fi Gadaa Gabbisaa dhiyeessan ilaaluun akka hiikaman murteessuu abukaatoon isaanii Addis Standarditti hime. Haata’u malee murtiin kun raawwatamee hoggantootni kunneen hidhaa irraa hiikamuuf adeemis hafu jiraachuu eere. 

Hoggantootni olaanoo ABO yeroo ammaa kana Buraayyuutti himata malee hidhamanii jiran keessa afran kun Waxabajjii 13, 2022 karaa abukaatoo isaani mana murtii aanaa Buraayyuutti iyyannoo qaama bilisa baasuu (Habeas corpus) dhiyeessanii turan. Haata’u malee dadhacha  Adoolessa 04, 2022f beellamame irratti Poolisiin iyyaattoota osoo hin dhiyeessin hafe manni murtiis Komishiniin poolisii Oromiyaa lyyattootaa Qajeelchaa poolisii Bulchinsaa magaalaa Buraayyuutti argaman Qajeelchaa poolisii Bulchinsaa magaalaa waliin ta’un miseensaa isaa ramaduun akka mana murtiitti gaafa Friday, Adoolessa 15, 2022 dhiyeessanif ajaja dabarse. 

Dhaddacha Adoolessa 15, 2022 Abbaan Alaangaa Oromiyaa ooleen:-

Mikaa’el Baqqalaa himannaa yakkaa isa irratti dhihaate galmeen isaa qulqullaa’ee booda ragaan gahaa fi quubsaa ta’e isa himachiisu waan hin jirreef A/Alangan gaafa 23/02/2013 galmee cufunun iyyataan to’annan jala akka hiikamu ajajuu yaadachiise. 

Daawit Abdataa fi Lammii Beenyaa ilaalchisuun manni murtii himannaa yakka shororkeessuummaa gadilakkifamuuf Manni Amala Sirreessaa Godina Addaa Naannoo Finfinneetiif xalaayaa fi murtii isaa ergeera. Iyyattota kana irratti dhaddacha gaafa 16/04/2013 ooleen bilisa kan baasee yoo ta’u, iyyattootni kun to’annaa jala akka turan gama Abbaan Alaangaa Oromiyaatiin ajajni kamillee kan hin darbine ta’uus beeksise.

Gadaa Gabbisaa himannaa yakkan isa irratti dhihaate galmeen isaa qulqulla’ee ragaan gahaa fi quubsaa ta’e isa himachiisu waan hin jirreef gaafa 22/04/2014 galmee cufuun iyyataan to’annaa jala kan jiru yoo ta’e akka gadilakkifamuuf Komishinii Poolisii Oromiyaa tiif murtii isaa ergamuu eere.

Haaluma kanaan manni murtii murtee dabarsuuf kaleessa Adoolessa 18/2022 tti kan beellame yoo ta’u, dhaddacha kanaan manni murtichaa hoggaantootni afran qaamni isaanii bilisa akka bahu murteessera. Akka bilisa bahan murtaa’us iyyanichi falmii hariiroo hawaasaan waan murta’eef galmee raawwii bananii maamiltoota isaa akka hidhaa irraa hiikaman taasisuuf gargalcha murtii eeggataa akka jiru kan Addis Standarditti  hime abukaattoon isaanii. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.